Omishaaleen midhaanii yeroon akka sassaabamuuf tumsi gaafatame

Finfinnee: Ministeerri Qonnaa mootummaa RFDI omishaaleen midhaanii gahan rooba yeroosaa hineegganne jalaa yeroodhaan akka sassaabamaniif tumsi kutaalee hawaasa maraa barbaachisaadha. Qonnaan bultootnis hatattamaan omishasaanii sassaabbachuu akka qaban hubachiise.

Daariktarri Jeneraalaa eegumsa fayyaafi to’annoo qulqullinaa biqilootaa ministeerichaa Obbo Waldahawariyaat Asaffaa ibsa Kamisa darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, wayita ammaa roobni yeroosaa hineegganne kutaalee biyyattii addaddaatti roobaa waan jiruuf qonnaan bultootni hatattamaan midhaansaanii sassaabbachuu qabu.

Akka biyyaalessaatti waqtiin kun yeroo sassaabbii omishaalee midhaanii ta’uyyuu hanga har’aatti saffisa barbaadamuun hojjetamaa akka hinjirres dubbataniiru. Naannoo Oromiyaatti garuu dhibbantaa shantamarra gaheera jedhanii, naannoleen biroos xiyyeeffannoo olaanaadhaan sassaabbii midhaaniirratti duuluu akka qaban yaadachiisaniiru.

Kutaaleen hawaasaa kanneen akka waldaalee siivikii, hawaasa manneen barnootaa, dhaabbileen amantiifi raayyaan ittisa biyyaas tumsa barbaachisu gochuu akka qaban gaafataniiru. Qonnaan bultootni erga omishaasaanii sassaabbatanii boodas midhaan  sirnaan qabachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Daarektarri Jeneraalaa iksiteenshinii qonnaa Obbo Girmaamee Gaarumaa ammoo gamasaaniin akka ibsanitti, rakkoolee misooma qonnaa biyyattii barana mudatan keessaa weerarri ilbiisotaa keessumaa, miidhaan hoomaan hawaannisaa geessisaa jiru fakkeenyaan kan eeramuudha.

Hoomaan hawaannisaa kun kaaba biyyattiitti naannolee Amaaraa, Tigiraayi, Affaar, Oromiyaafi Somaalee weeraruun hanga tokko omishaalee qonnaan bultootaa miidhuu danda’eeraa jedhan. Ta’us, qindoominaa mootummaafi hawaasaa, akkasumas dhaabbilee deggartootaatiin guutummaatti ta’uu baatuyyuu to’achuun danda’amuu ibsaniiru.

Qaamoleen tokko tokko garuu akka waan kutaaleen Itoophiyaa kaaba hoomaa hawaannisaatiin weeraramaniitti odeeffannoo dogoggorsiisaa dabarsaa turaniiruu jedhanii, qophii mootummaan qabuun weerarri hawaannisaa miidhaa guddaa kan hingeessisne  ta’uu beeksisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

2 Comments to “Omishaaleen midhaanii yeroon akka sassaabamuuf tumsi gaafatame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *