Dargaggoonni jaalala biyyaa akka dursan gaafatame

Finfinnee: Dargaggoonni hunda caalaa jaalala biyyaa dursuu akka qaban abbootiin amantii, Abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaafi namoonni beekamoon gaafatan.

Qaamoleen kunniin waltajjii hariiroo ummatoota Oromoofi Amaaraa cimsuu dheengadda Finfinneetti geggeeffameen haala yeroo biyyattiirratti kan mari’atan yoo ta’u, olaantummaa seeraa kabachiisuudhaan dargaggoota barsiisuufi dhimmoota walqabatoorratti mari’ataniiru.

Oromoofi Amaaraan seenaasaanii keessatti takkaa walitti bu’anii kan hinbeekne ta’uunillee waltajjicharratti kan eerame yoo ta’u,  waantonni yeroo dhiyoodhaa as ta’aa jiran faayidaa siyaasaatiif jecha kan uumaman ta’uun ibsameera.

Rakkoo tibba darbe dhaabbilee barnoota olaanaatti uumame bifa waaraatiin furuuf warri ijoolleesaanii gorsuu, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu, qaamoleen nageenyaafi miidiyaa ammoo imaanaa ummataaf kennameef bahachuu qabu jedhameera.

Dargaggoonni rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf tattaafachuu akka qabanis kan gaafatame yoo ta’u, hmni ho’aan kun hunda dura jaalala dursuun biyya tasgabboofte uumuu keessatti shoorasaanii bahachuu akka qaban hormaattotaan eerameera.

Koreen nageenyaa naannolee lamaanirraa hundaa’e naannolee hunda keessa naanna’ee waamicha nageenyaa labsuuf kan karoorfate yoo ta’u, konfaransiin nageenyaa ministira muummee dabalatee qondaaltonni mootummaa olaanaan irratti hirmaatan dhiyeenyatti akka qophaa’us himameera.

Maricharratti naannolee lamaanirraa abbootiin amantii, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaafi namoonni beekamoon hirmaataniiru jechuun riipportarri Gaazexaa Addis Zaman, Dilnassaawu Minwuyyeellat gabaaseera.

Riipportara gaazexichaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *