Afrikaa tokkoomtee, badhaateefi nagaqabeettii arguuf…

Finfinnee. Magaalaa guddittii Xoobbiyaa. Magaalaa guddittii mootummaa naannoo Oromiyaa. Magaalaa guddittii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee. Handhuura Oromootaa. Dachii ganamaa Gullallee, Galan, Eekka, Abbichu… Ammas Magaalaa Finnfinnee. Teessoo Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii;... Read more »

‘Ximqata’ waggaa waggaan dhufu

Torbeen tare Cuuphaadha; kabaja ayyaana ‘Ximqata’ kan waggaa lakkaa’ee deebi’ee itti kabajamu. Hordoftoota amantii Kiristaanaa hundi baga guyyaa kana geessan. ‘Ximqati’ ayyaana miidhagaadha. Miidhagina qofa osoo hintaane ayyaana sirna amantii Kiristaanaa keessatti... Read more »

Fuuldura tolchuuf kan duubaa sirreessuu

 Ji’a tokko ta’uuf deema. Afrikaan nama beekamaa, nama jabaa tokko erga dhabdee. Luba Deezmoon Tuuttuu. Luba kana addunyaan sirriitti beekti. Amantiidhaan cimaadha. Gurraacha biyya Afrikaa Kibbaa keessaa sadarkaa jalqabaatti nama luba olaanaa... Read more »

Tarkaanfii abdii namatti horu

Torbeen tare adda. Torbee taateewwan seenaqabeessi itti raawwatan. Osoo hin yaadamin guyyaa dhaloota gooftaa Yesuusitti hoggantooti KFO, Jawwaariifi Baqqalaafaati mana hidhaatii gadi lakkifaman. Miseensoti Baaldaraas itti dabalaman. Jaarsoliin ‘TPLF’ dhalaniifi dhalchan akka... Read more »

Bara baraaf biyya ofii faarsuu: Afuura dhalotaa dhalootatti darbe

Kaleessi ayyaana waggaati. Akka aadaa itti guddannetti Ayyaana Qilleeti jedhamee beekama. Daandii amantaatiinmmoo guyyaa dhalootaati; guyyaa dhaloota Gooftaa Yasuus Kiristoos. Guyyaa kanatti baadiyyaatti Qillee taphatanii, sirbanii farsoo dhuganii weedduufi weelluu dhangalaasu. Magaalatti... Read more »

Marii biyyaalessaa rakkoo keessootiif fala ta’uu malu

Ajandaan waliin haasawa biyyaalessaa jedhamu kun al tokko ho’ee yeroo biraammoo qorra. Erga ajandaa kana dhagahuu eegallee bubbulleerra. Dharraadhaan eegamaas jira. Rakkoo keessoo biyya keenyaatiif mala dhahuu danda’a jedhamee waan yaadamuuf. Kanaan... Read more »

Kan karoorfatan raawwachuu, kan dubbatan galmaan gahuu

Torbee har’aa, sanbata darbe jechuu kooti, dhimma tokko foddaa televisiyoona OBNn hordofaan ture. Dhimmichi tamsa’aa ture ajandaa cimaadha- akka biyyaattis, akka Afriikaattis, akka addunyaattis. Kanan gurra koo ‘tv’tti qabee, ija koo itti... Read more »

Gahee diyaaspooraan dinagdee biyyaa cimsuu keessatti qabu

duun tokko jidduu kana garmalee midiyaa hawaasaarra tatamsa’aa jirti. Matadureen dhimmichaa diyaaspooraa wajjin kan walqabatuudha. Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi Ahmad eddii dirree waraanaatii deebi’aniin booda yaada tokkko ifa taasisaniiruu. Innis diyaaspooraan biyya... Read more »

Duula tola ooltummaa barattootaa

Biyyi keenya waraana keessa jirti. Waraanni kun eddii jalqabamee waggaa tokko guuteera. Waraana kanaan jeequmsiwwan adda addaa uumamuun dhugaadha. Dinagdeen biyyattii sarara gaariirra ture jeeqamee amma sadarkaa maaliirra akka jiru beekuuf qo’annoo... Read more »

Yeroo waraanaafi miidhaalee koorniyaa wajjin walitti hidhatan

Waraanni waan badaadha. Gochaa jaalala osoo hintaane kan hammeenya cimaa of keessaa qabuudha. Bakka dhalli namaa jirutti hafuu hindanda’amu malee waan addunyaa kanarraa dhabamuu maluudha. Garuu hanga dhalli namaa jirutti waraanni hindhabamu;... Read more »