Duulli misooma sululaa ji’a tokkoof turu kaleessa eegale

Finfinnee: Duulli misooma sululaa marsaa saglaffaa ji’a tokkoof turu akka Oromiyaatti kaleessa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaatti kan jalqabame ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise. Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Indaalkaachoo... Read more »

Ijaarsi hospitaala sadarkaa 2fa Walisoo miliyoonni 120 ol baasii itti ta’e dhibbaantaa 80 irra gahe

Waliso: Kenniinsa tajaajila fayyaa qulqullina qabu waliin gahuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni hospitaalota ammayyaa isa tokko. Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaas  tattaaficha cimsuuf hospitaala sadarkaa lammaffaa Walisoo ijaarsisaa kan jiru yoo ta’u,... Read more »

“Mootummaan ergaa gaarii malee ergamaa gaarii hinqabu” -Piroofesar Bumaddiin

Finfinnee: Haala amma jiruun mootummaan gubbaarraa ergaa gaarii qabaatus, ergamaa gaarii waan hinqabneef dhimmicharratti xiyyeeffachuu akka qabu hundeessaafi abbaan qabeenyaa Kolleejjii ‘2020 OPEN’ himan. Piroofesar Bumaddiin Abdulawaahab gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin... Read more »

Imala michoomaafi misoomaa ministira muummee

Imalaan ammas imalumatti jira. Warreen tokko tokko abaaraa warri kuun immoo faarsaafi eebbisaa yaadotni biyyattii wal qoodanii walmormaa jiraatanis imalichi har’as ittifufeera. Yeroo inni biyyaa bahutti faanasaa hordofee rakkooleen gara garaa biyyattiitti... Read more »

“Waliigalteerra ga’amuu dhabuun ijaarsa hidha haaromsaarratti dhiibbaa hinuumu” -Injinar Kiflee Horroo

Finfinnee: Koreen teknikii biyyoota sadeenii (Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir) haala guutiinsaafi gadhiisa bishaanii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (HHGI) irratti akkasumas, yoo gogiinsi mudate maal ta’a isa jedhurratti guyyoota lamaaf Finfinneetti marii gaggeesseera. Marichi... Read more »

Wixineen labsii haasaa jibbiinsaa falmisiisaa jira

Finfinnee: Ukkaamsaan mirgoota dimokraasii ture yemmuu ka’uu eegaluutti gabaan yaadaa gar malee hoo’ee waan tureef mirga ofii ibsachuu bira darbee hanga mirga nama ykn qaama biraatti bu’uutti ga’amaa jira. Yaada ofii bilisaan... Read more »

Waadaa seename hojiitti hiikaa deemuu barbaachisa

Finfinnee: Mootonniifi aanga’oonni darban hedduun miira ‘faayidaafi gaaffii Oromoo deebisna’ jedhuun ka’anii erga aangoo hawaasichaa of harka galchanii booda gaaffii ummataatiif deebii waaraa kennuu dhabuun agarsiistuu hooggantoota Itoophiyaa ta’aa tureera. Gochi akkanaa... Read more »

Kontiraaktaroota hojiisaanii hinxumurreef obsi hinjiru

Finfinnee: Sosochii hawaas dinagdee lammiilee si’eessuu keessatti shoora misoomni daandiilee qabu ol’aanaa ta’us harkifannaa waliin walqabatee komiin ummataa hammaachaa jira. Komiin kunis rakkoo nageenyaafi siyaasaa ta’aa waan jiruuf kontiraaktaroota qulqullinaaf yeroo qabameef... Read more »

Godinaaleefi aanaalee hiraa deemuun kallattii mootummaa miti

Finfinnee: Godinaalee muraasaan kan hundaa’e Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa godina haaraa Kibxata darbe dabalame dabalatee ammaan tana godinaalee 21n caaseffame ummata tajaajilaa jira. Kaabineen naannichaa bulchiinsaaf akka mijatuuf Godinni Baalee iddoowwan lamatti... Read more »

Paartiileen siyaasaa dubartoota aangootti fiduuf hojjechaa jirra jedhan

Finfinnee: Paartiileen siyaasaa filannoo baranaarratti dubartoota hogganummaatti fiduuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsan. Bakka buutonni paartiilee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Paartii Tokkummaan Dimokraasiifi Haqaaf akkasumas, ‘EZEMA’n gaazexaa bariisaatiif akka ibsanitti dubartoonni harka walakkaa... Read more »