Tarkaanfiin qaamolee nageenya yunvarsitiiwwan booressan irratti fudhatamu ittifufa

Finfinnee: Rakkoo nageenya yunvarsitiiwwan gara garaa keessatti uumameen lubbuun barattootaa darbeera; miidhaan qaamaas qaqqabeera. Sababuma kanaan yunvarsitiiwwan 22 keessatti hojiin baruu barsiisuu yeroowwan adda addaatiif addaan citeera. Barattootni hedduunis barumsasaanii addaan kutaniiru.... Read more »

Tajaajlli ashaaraa qubaa dadhabbii dhukkubsataa salphisu hojiirra ooluufi

Jimmaa: Ragaa galmee odeeffannoo dhukkubsataa argachuuf sakatta’insi faayilaafi kaardii buufata fayyaatiif hudhaa nuffisiisaadha. Haalichi tajaajila fayyaa qulqullinaafi si’aayina qabu hinkennamne gochuun madda komii ta’aa tureera. Yunivarsiitiin Jimmaa argannoo teknokojii rakkoo kanaaf furmaatan... Read more »

Ayyaanni waggaa haaraa saba Geedi’oo Amajjii 16 kabajama

Finfinnee: Sabni Geedi’oo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Naannoo Kibbaa keessaa isa tokko yoo ta’u, sabni kun ayyaana waggaa haaraa ‘Daraaroo’ jedhamu Amajjii 16 bara 2012 Godina Geedi’oo, Magaalaa Diillaatti kan kabajamu  ta’uu bulchiinsi... Read more »

Manneen barnootaa biyyattii harki 65 sadarkaasaanii kan eeggatan miti

Adaamaa: Manneen barnootaa biyyattii keessaa keessumaa sadarkaa tokkoffaan harki caalu (%60) sadarkaa qulqullinaa barbaadamu kan hinguunne ta’uu Ministeerri Barnootaa ni ibsa. Rakkoo kana hiikuufis bara 1998 irraa eegalee paakeejiin qophaa’ee hojiitti seenamus... Read more »

Sodaawwan filannoo biyyaalessaa marsan ittisuuf walta’insi muteessaadha

Finfinnee: Filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsaa 6fa barana adeemsifamu, kanneen kanaan dura gaggeeffamaa turanirraa maddi aangoo ummata ta’uu mirkaneessuuf paartiin biyyattii gaggeessaa jiruufi paartiileen morkattootaa waliigalteerra gahaniiru. Rakkooleen yeroo filannoo duraa, wayita filannoofi... Read more »

Poolisiin nageenya ayyaana cuuphaa mirkaneessuuf hojiitti seene

Finfinnee: Ayyaanonni Kataraafi Cuuphaa boruufi iftaan kabajaman nagaan akka geggeeffamaniif poolisiin hojiitti seenuusaa Komishiniin Poolisii Finfinnee beeksise. Hawaasni walta’iinsasaa barame akka gumaachus gaafate. Komishinarri ittaanaan komishinichaa Zalaalam Mangistee qophii poolisiin taasisaa ture... Read more »

Hariiroo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin taasiftu bu’uura cimaa qaba

Finfinnee:  Hariiroo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin taasiftu bu’uura cimaa kan qabu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise. Dubbi Himaan Ministeerichaa, Obbo Nabiyaat Geetaachoo ibsa kaleessa dhimmoota adda addaarratti gaazexeessitootaaf kennaniin akka... Read more »

Tajaajilli Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo kennaa jiru fedhii hawaasaa guutaa hinjiru

Dambi Dolloo: Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dollootti kan argamu Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo, sababa hanqinaalee dhiyeessa qorichaa, bishaanii, humna ibsaa, meeshaalee wal’aansaa, ogeessota fayyaa olaanaa, ambulaansii, bajataa, siree, bu’uuraalee misoomaa rakkoolee... Read more »

Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa meeshaalee aadaa hinilaallatu

Finfinnee: Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa dheengadda Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’e meeshaalee waraanaa alaa galan malee meeshaalee aadaa kan hinilaallanne ta’uu Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa ibse. Walittiqabaan korichaa Obbo... Read more »

Utubaan paartiin badhaadhinaa irra dhaabate federaalizimii kan kunuunsuudha jedhame

Finfinnee: Utubaan paartiin Badhaadhinaa irra dhaabate federaalizimii kan eeguufi kunuunsu ta’uu Waajjirri Pirees Sekireetariyaatii Ministira Muummee ibse. Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Nigusuu Xilaahuun, galmi paartii badhaadhinaa haala siyaasaa, hawaasaa, dinagdee, aadaafi xiinsammuu Itoophiyaanotaa... Read more »