“Qaala’insi jireenyaa mudachaa jiru nutti hadhaaheera” – Jiraattota Ganda Haroo Wancii

 Wancii: Qaala’insi jireenyaa daran humnaa ol ta’aa waan jiruuf mootummaan callisuu akka hinqabne jiraattonni Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wancii ganda Haroo Wancii dubbatan. Jiraattonni Gandichaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf dheengadda kennaniin... Read more »

Ijaarsi Pirojektii Ikkoo turizimii haroo Wancii-Dandii haala gaariirra jira

Finfinnee: Ijaarsi Pirojektiin Ikkoo turizimii haroo Wancii-Dandii haala gaariirra jiraachuu Qindeessaan Pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa beeksiisan. Qindeessaan Pirojektichaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatii kennaniin akka jedhanitti, pirojektichi ijaarsa daandii, hojii hawaasummaa, kunuunsa naannoo,... Read more »

Sabboonummaan keenya inni dhugaa kan mul’atu aadaa keenya kunuunfachuudhaani

Shaashamannee: Torban aadaa Oromiyaa mataduree, “Misooma Aadaa keenya guddina turiiziimiif” jedhuun Bitootessa 18-20 bara 2014tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera. Saganticharratti agarsiisni nyaatawwan, meeshaalee, uffannaa, faayaawwan akkasumas sirbootaafi shubbisa aadaa, guluffii... Read more »

Ministeerichi lammiilee Sa’udi Arabiyaarraa deebi’aniif leenjii ogummaa kennuuf qophii xumure

Finfinnee: Lammiilee Itoophiyaa Sa’udi Arabiyaarraa deebi’aniif akka fedheesaaniitti leenjii ogummaa kennuuf qophii xumuruu Ministeerri Hojiifi Ogummaa Federaalaa beeksise. Ministir De’eetaan ministeerichaa Doktar Bakar Shaallee gaaf deebii addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, lammiilee... Read more »

Bakkalcha qabsoofi urjii dammaqiinsa siyaasa Oromoo: Jaal Galaasaa Dilboo

– Sirni awwaalcha goota kanaa har’a raawwatama. Finfinnee: Ummanni Oromoo cunqursaa barootaaf gatiittisaarra ture qolachuuf boolla hinseenamne seenee dachaa hinba’amne bahee abidda qabsoon waadamee aarsaa jabaa kaffaleera. Aarsaa kafalamee kana keessatti qabsaa’oonni... Read more »

Fiigicha magaalota garagaraatti gaggeessuu akka harkisa Turiizimiitti: Sochii ‘Visit Oromia’

Baatuu: Oromiyaan naannoo qabeenya uumamaatiin badhaateefi haala qilleensaa garagaraa, teessuma lafaa, haroowwaniifi laggeen bonaafi ganna ya’aan hedduu qabduudha. Paarkiiwwaniifi bineensota bosonaa, allaattiiwwaniifi shimbirroota akkaakuu garagaraa biyya keenya qofatti argaman hedduu kan hammattee... Read more »

“Baatutti namni amantii garaagaraa qabaatus, awwaalli isaa bakkuma tokko” – Obbo Gazzahaanyi Dajanee

Baatuu: Hayyu duree haroowwan sulula qiinxamaa, mi’aawaa dhandhama uumamaa, mijeessaa jireenya dhala namaa, bakka hormaata qurxummii uumamaa, wanti hundi isumaan waamamaa, Haroon Dambal sun akkam jiraree amma? Mee waa aramaan sun attam... Read more »

Lammiileen Itoophiyaa hammeenya biilii ‘HR 6600’ hubachuun akka hinraggaaneef daran mormuu qabu

Finfinnee: ‘HR 6600’ kan jedhamu wixinee biilii hamaa Itoophiyaa ilaallatuufi miidhu, yoo Ameerikaatti qaama dhimmi ilaallatuun ragga’e imaammata ta’ee Pirezidaantii biyyattiin akka raawwachiisu kan taasifamuudha. Gaazexaan Bariisaas qabiyyee wixinee biilii kanaafi lammiileefi... Read more »

“Dhimmi ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu fala abbootiin Gadaa kennaniin ilaalamaa” -Obbo Shimallis Abdiisaa “Dhimmichi araaraan akka xumuramu waliigalteerra ga’ameera” -Gamtaan abbootii Gadaa

Finfinnee: Dhimmi ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu fala abbootiin Gadaa kennaniin ilaalamaa akka deemu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan. Obbo Shimallis yaa’ii Caffee Oromiyaa tibbana taa’amerratti dhimma ajjeechaa abbootii Gadaa... Read more »

Iddoowwan hongeedhaan miidhaman qaala’iina jireenyaaf akka hinsaaxilamne hojjetamaa jira

Finfinnee: Oromiyaa maratti godinaaleen hongeedhaan miidhaman qaala’ina jireenyaatiin walqabatee rakkoo dabalataaf akka hinsaaxilamne xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa beeksise. Komishinarri Ittaanaan komishinaraa Garramuu Oliiqaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif... Read more »