“Qaala’insi jireenyaa mudachaa jiru nutti hadhaaheera” – Jiraattota Ganda Haroo Wancii

 Wancii: Qaala’insi jireenyaa daran humnaa ol ta’aa waan jiruuf mootummaan callisuu akka hinqabne jiraattonni Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wancii ganda Haroo Wancii dubbatan.

Jiraattonni Gandichaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf dheengadda kennaniin qaala’insi jireenyaa qonnarratti dhiibbaa uumuu akka hinoolle ibsaniiru.

Abbaa Waldagabreel Magarsaa Wancii jiraataa Gadaamii Wanciiti. Dur jireenyi walta’aadha jedhu amma garuu daran isaanitti hadhaahaa jiraachuu kaasaniiru. Keessumattuu naannawaan Wancii omisha dinnichaan daran beekamaa ta’uu eeranii, gatiin xaa’oo daran olka’uusaan bitachuu dadhabaa jiraachuu himu.

Xaa’oon kiloogiraama 50 dur qarshii 850 hara’a 3500 waan galeef humna kana bitu dhabanii omisha dinnichaa keenya gufachiisuu himu. Jireenyi humnaa ol itti hammaataa waan jiruuf mootummaan callisee dhaggeeffachuu akka hinqabne gaafatu.

Bakka tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu qaburratti tarkaanfii fudhachaa qaala’ainsa jireenyaa kana tasgabbeessuu qaba kan jedhan Abbaa Waldagabreel namni yoo beela’e nama hinjaalatu jedhaniiru.

Obbo Tasfaayee Shugguxee jiraataa ganda Haroo Wancii yoo ta’an, jireenyasaanii injifachuuf qonna dinnichaarratti bobbahuu himu. Kuni ta’us gatiin dhiyeessiilee akka xaa’oo daran qaala’uun walqabatee qonnisaanii gufachuuf akka jiru dubbatu. Qonnisaanii kun gufate jennaan hawaasni qonnaan bulaa beelaaf saaxilama jedhanii mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo laachuu akka qabu gaafataniiru.

“Adeemsa daballii gatii oomishaaleerratti yeroo ammaa qaqqabaa jiruun ilman keenya barsiifachuu miti kan itti jiraannu dhabaa jirra. Kunis furmaata hatattamaa barbaada. Omishni dinnichaa xaa’oo bareera kana booda xaa’oo malee facaasnee nyaachuu hindandeenyu; kunis yaaddoo keessa nu galcheera” jedhu.

Kanamalees rakkoon bishaan dhugaatii, ibsaa qormaata gudda ta’aa jiraachuu ibsanii mootummaan dirqamasaa bahachuun rakkoo kana isaan baraaruu akka qabu gaafataniiru. Yeroo ammaatti fayyadamaa ta’aa kan jiru daldaltoota seeraan alaa ta’uufi jireenyi qonnaan bulaa fi maatiisaa rakkoo keessa seenuusaa ibsaniiru.

Bulchaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Guddisaa qaala’ainsa jireenyaa hawaasa qoraa jiru furuuf hamma humnasaanii hojjetaa jiraachuu ibsu.

Keessumattuu gatiin xaa’oo humnaan ol ta’uun walqabatee qonnaan bultoonni godinasaanii rakkachaa jiraachuu ibsuun hudhaa kana furuuf yeroof xaa’oo aadaa kompoostii fayyadamuu akka qaban kallattiin taa’uu ibsaniiru. Hojjettoonni misooma akkaataa itti xaa’oon aadaa itti qophaahurratti qonnaan bultootaaf hubannoo laachaa jiraachuus eeraniiru.

Kanamalee daldaltoota omishaaleerratti gatii humnaa olii dabalaa jiran hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu kaasuun ammas gama kanaan hojin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Dhimma gatii gabaa humnaa ol dabaluun walqabatee ka’u tarkaanfii mootummaan fudhatuun qofa kan dhabamsiifamu miti jedhanii hawaasnis namoota seeraan ala gatii dabalan irratti qabsaahuu akka qabu gaafataniiru.

Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootarratti mul’achaa tureen walqabatee ijaaramuun pirojektii Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii carraa hojii argachaa akka jiran kaasaniiru. Hudhaa bu’uuraalee misoomaa daandii, ibsaafi bishaan dhugaatiin walqabatee ka’u pirojektii Wancii Dandiin haguugamaa jira jedhaniiru.

Pirojektichi xumurame jennaaan hudhaaleen akka komiitti ka’an hedduu furmaata argatu kan jedhan bulchaan kun godinichis humna qabuun hawasasaa cina dhaabachuun hudhaalee jiran furuuf humna guutuun hojjeta jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You