Qaam’ee ida’amuun

Sagantaan biyyoolessaa “Qaam’e ida’amuun” qophiirra jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise Haalumakanaan; Qaam’een 1 guyyaa badhaadhina kan bakka bu’e yammuu ta’u, Waajjira Muummee Ministiraatu qindeessa. Qaam’een 2 guyyaa nageenyaa yammuu ta’u, ministira Ministeera... Read more »

Haaromsi manneen barnootaa Finfinnee dhibbentaa 86.9rra gahuun himame

Finfinnee: Hojiin haaromsuu manneen barnoota mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Waxabajjiitti eegalame dhibbantaa 86.9rra gahuu Biiroon Barnoota Bulchiinsa magaalichaa beeksise. Abbaan Adeemsa Hojii Dhimmoota Kominikeeshiinii birichaa  Obbo Abbabaa Charinnat Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf... Read more »

“Dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hindhiyaanneedha” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hindhiyaanneefi guddina afaanichaaf xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetu pirezidaantii ittaanaan mootummaa naannichaa,  Obbo Shimallis Abdiisaa beeksisan. Caaseffamni barnoota biyyattii maal akka fakkaatu ilaalchisee ibsa... Read more »

“Qellam Wallaggaa fuulashee gara misoomaafi nageenyaatti naanneffatteetti” -Obbo Mitikkuu Dheeressaa

Asoosaa: Godinaalee Oromiyaa Lixaa keessaa Qellam Wallaggaan ishee tokko yoo taatu, aanaalee 11fi bulchiinsa magaalaa tokkoon kan ijaaramteedha. Sirnoota mootummaa darbanirraa kaasee hanga hoggansa ADWUI duraaniitti mormiirra waan turteef rakkoo nageenyaatiin dararfamaa... Read more »

“Bara dhufu haati hiyyeessaa mucaashee baratee xumure malee, reenfa simachuu hinqabdu”-Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa

Finfinnee: Waggoota lamaan darban dhaabbileen barnootaa olaanaa dirree beekumsa ittigalaafan osoo hintaane kan itti walgalaafatan ta’ee darbeera. Yunvarsiitiiwwan mootummaa baay’een jeequmsi keessatti uumamuun qabeenyi barbadaa’eera, lubbuun abdii boriis karaatti hafeera. Dhaabbilee barnootaa... Read more »

Birraa dhufu karri warra Abeebee Tufaa hinbanamuu laata?

Finfinnee: “Warri  kun.. warrana…                   Siif karra qaalluu labee,                    Dhufeen manaa si dhabee.                   Warri Abeebee Tufaadhaa,                   Karriisaanii cufaadhaa.                  Warri Abeebee Tufaadhaa,                  Balballisaanii cufaadha… jedhee kan weellisaa Keekiyyaa... Read more »

“Waa’ee manni hidhaa dhoksaan jiraachuu hinbeeku” -Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa

Maanguddoo waggaa 72 kan ta’aniifi Komishinii Mirga Namummaa Itoophiyaa kamishinarummaan kan tajaajilan Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa bara 1939 kan dhalatan akka moggaasa duriitti Bulchiinsa Waliigalaa Kafaa, Aanaa Koontaati. Barumsasaanii sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Magaalaa... Read more »

“Nageenyaaf gatii walqixa kanfallee bu’aasaas qixa haa qooddannu” – Gargaaraa Pirofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo

TOI: Nageenyaaf gatii walqixa  kanfallee bu’aasaas qixa qooddachuu qabna jechuun gargaaraan Pirofeesaraa Mihiretuu Shaanqoo dubbatan. Naannolee biyyattii hundaafi bulchiinsa magaalota lamaan irraa dargaggoonni walitti baba’an konfiransii dhimma tokkummaafi nageenyaa qophaa’e rratti marii... Read more »

Balaa ijaarsarratti muudatuun waggaatti namoonni kuma 60 ol ni miidhamu

Finfinnee: Indastiriin Konistiraakshinii indastiriiwwaan gurguddoo addunyarra jiran keessaa adda duree yoo ta’u, humna namoota hedduu hanga dhibbantaa 20 hirmaachisuudhaanis isa ijoodha. Akka qo’annoon gara garaa ibsutti, addunyaarraa waggaa waggaan  hojjettoonni kuma 60... Read more »

“Hojidhabdummaan ammallee rakkoo dargaggoota godinichaati” -Obbo Asmaraa Ijaaraa (I/A/B/ G/ Wallagga Bahaa)

Naqamtee: Hojidhabdummaan ammaalle rakkoo dargaggoota isa hamaa ta’uu Godinni Wallagga Bahaa beeksise.   Bulchaa Ittaanaan Godina Wallagga Bahaa, Obbo Asmaraa Ijaaraa ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf kennaniin, rakkoon hojidhabdummaa dargaggoota godinichaa hubaa jiru... Read more »