Doktar Abiyyi Ahmad Sinodosii Bataskaana Ortodoksii wajjin mari’atan

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi Ministirri Muummee ittaanaan Dammaqaa Makonnin Sinodosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa wajjin kaleessa waajjirasaaniitti mari’atan. Marii gaaffii sinodosichi dhiyeesse bu’uureffachuun taasifamerratti ejjennoo mootummaan jijjiiramaa as bataskaana ilaalchisuun qabuufi... Read more »

Hojmaanni Paarkii Shaggar jijjiiramuufi

Finfinnee: Hojmaanni Paarkii Shaggar akka haaraatti jijjiiramee hawaasaaf tajaajila fooyya’aa akka kennuuf karoorfamuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise. Kantiibaa ittaanaan Magaalaa Finfinnee, Injiinar Taakkalaa Uumaa Paarkii Shaggar Kutaa Magaalaa Gullalleetti argamu Kibxata darbe... Read more »

Pirojektii omisha buna keenyaa bayyanachiisu

Finfinnee: Akkuma “Dura fiiganiif dursanii hinqaqqaban” jedhamu biyyi jalqaba addunyaa buna dhandhamsiiste tun boodarra biyyoota dhandhama bunaa baratanii irraas fayyadamuuf kutataniif harka kennattee, biyya dursitee kaate booddeen hordofuuf dirqamte. Hunda caalaa immoo... Read more »

“Biyyattiitti filannoon amantaa ummataa argate hinjiru” -Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Finfinnee: Filannoon dhufu dimokraatawaa, ifaafi bilisa akka ta’uuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa ibsa torbanuma kana keessa kenneen beeksiseera. Walitti qabduun boordichaa Dubree Burtukaan Miidhagsaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, ittigaafatamummaan boordichaa... Read more »

Geejjiba motorarraa bilisa ta’e, fayyaafis faayaafis

Finfinnee: Waggoota 27n dura magaalattii keessa namni jarjare saaykiliidhaan, namni suuta adeemuu barbaade immoo miilaan tarree galee adeema. Kan saaykilii qabu gaafas magaalattiitti heddummaachuusaatiin daandiin of danda’aan tajaajilichaaf oolu sadarkaa gaafatamuurra gahee... Read more »

Dirre Dhawaatti lafa invastimentiif fudhatame dalleessanii kaa’uun ittifufuun ibsame

Finfinnee: Lafa invastimentiif fudhatan dallaa itti ijaaranii kaa’uun haaromsaa asiis ittifufaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira  Karooraafi Misooma Dinagdee Magaalaa Dirree Dhawaa beeksisan. Ittigaafatamtichi Obbo Girmaa Tasammaa ibsa Kamisa darbe Finfinneetti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin,... Read more »

Labsii Filannoo fooyya’eefi yaada paartiilee siyaasaa

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii ariifachiisaa 3fa, bara hojii 4fa Sambata darbe adeemsiseen Labsii Filannoo Itoophiyaa, Galmeessa  Paartiilee Siyaasaafi Naamuusa Filannoo fooyya’ee dhiyaate raggaasiseera.  Labsicha Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaafi... Read more »

Walta’insa nageeyaafi misooma waliinii cimsu

Finfinnee: Itoophiyaa Lixaatti rakkoolee nageenyaa uumamaa turan furuuf naannoleen afran (Oromiyaa, Beenishaagul Gumuz, Gaambeellaafi Amaaraa) torbee darbe Asoosaatti akkaataa walta’insa nageenyaafi misooma waloo ummattootaa cimsuun danda’amurratti mari’achaa turaniiru. Kanaanis dhimma nageenya waaraafi... Read more »

Duudhaaleen jaalalaafi obbolummaa rakkoolee kamiifuu furmaata

Itoophiyaatti waggaa darbe yeroo jalqabaatiif Komiishiniin Araaraafi Nageenyaa labsiidhaan hundaa’uunsaa ni yaadatama. Kaayyoon hundeeffama komiishinichaas rakkoolee walitti bu’iinsaa furuun biyyattiitti araaraafi nageenya mirkaneessuudha. Rakkoo walitti bu’iinsaa furuufi nageenya mirkaneessuuf dhuudhaalee jaalalaafi obbolummaan... Read more »

Qajeelfamichi rakkoolee hojii albuudaarratti mudatu ni hir’isa jedhame

Finfinnee: Qajeelfamni “Qajeelcha Bulchiinsa Eegumsa Naannawaa Omisha Aadaa” jedhu rakkoolee hojii albuudaa karaa aadaatiin gaggeeffamurratti mul’atu hir’isuu akka danda’u Ministeerri Albuudaafi Boba’aa beeksise. Ministeerichatti Daayirektarri Jijjirama Qilleensaafi Naannawaa Obbo Hayiluu Taklaab marii... Read more »