Barumsi sirna Gadaa kennamuu eegale duudhaa sirnichaa ni cimsa jedhame

Finfinnee: Barumsi sirna Gadaa Yunivarstiin Bulee Horaa barana kennuu eegale duudhaa sirnichaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu Bulchaan Godina Gujii Lixaa ibsan. Bulchichi Obbo Abarraa Bunoo dheengadda dhimmacharratti Gaazexaa Bariisaatiif... Read more »

Hanga bara 2030tti carraan hojii miiliyoona 20 uumuuf karoorfame

Finfinnee: Hojii dhabummaa hammaachaa dhufe hir’isuuf hanga bara 2030tti carraa hojii miiliyoona 20 ta’u uumuuf karoorfamuu Komishiiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa beeksise. Dargaggoonni walitti bu’iinsa hinmalle keessatti akka hirmaataniif wantoota sababa ta’an... Read more »

Afaan ofii barachuun hanga kamiitti?

Finfinnee: Akka hayyootni afaanii ibsanitti, afaan kamuu barachuun dhalootaan ykn uumamaan kan kennamu osoo hintaane shaakalaan kan argamuudha. Daa’imni tokko yeroo jalqabaatiif garaa haadhashee keessaa wayita baatutti kan boossu yoo ta’u, kunis... Read more »

Teknolojiin galii bu’aalee beeladaarraa argamu fooyyessuuf murteessaadha jedhame

Finfinnee: Galii bu’aalee beeladaarraa argamu fooyyessuuf itti fayyadamni teknolojii murteessaa ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sadarkaa ministira de’eetaatti gorsaan ministeerichaa Doktar Iyyaasuu  Abrahaa agarsiisa bu’aalee beeladaa akka Afrikaatti yeroo 5faf Itoophiyaatti qophaa’erratti argamuun... Read more »

Giddugalli Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadihin iftaan banama

Giddugalli Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadihiin Yunivarsiitii Ambootti Onkoloolessa 10 ifatti banamee hojii kan eegalu ta’uu yunivarsitichi ibse. Itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii yunivarsitichaa Obbo Mul’ataa Dhugumaa ibsa dhimmicha ilaalchisuun kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif... Read more »

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi ji’oota 18 keessatti badhaasota 15 argatan

Doktar Abiyyi yeroo aangoo ji’oota 18 keessatti badhaasota 15 argataniiru. Isaanis: 1. African Garand medal, 2. Golden Plate Award, 3.African leader ship magazine person of the year,4.Chatam House,5.UNESCO peace Prize, 6. Katarian... Read more »

Waajjiraalee mootummaa federaalaafi naannolee

Finfinnee: Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyii Ahmad badhaasa Noobeelii Nagaa 100fa mo’achuusaanii sababeeffachuun dhaabbileen mootummaa federaalaafi naannolee addaddaa ergaa baga gammaddanii dabarsuurratti argamu. Haaluma kanaan Ministeerri Haajaa Alaa, Qonnaa, Saayinsiifi Dhaabbilee... Read more »

Injifachuu Doktar Abiyyiin eenyuutu maal jedhe?

“Badhaasa Nobilii Doktar Abiyyi argataniin namnis ta’e dhaabbanni hingammadne jiraachuu qaba jedhee hin yaadu, yoo nama sammuunsaa hinhojjenne yoo ta’e malee. Hojiileen  gama nageenyaatiin keessumaa gaanfa Afrikaarratti hojjetan ulaagaa badhaasichaa waan guutaniif... Read more »

Badhaasichi agarsiistuu nageenya, dhiifamaafi jaalalaaf abboomamuuti

Finfnnee:  Badhaasni noobeelii Doktar Abiyyi Ahmad injifatan  agarsiistuu nageenya, dhiifamaafi jaalalaaf abboomamuu akka ta’e Ittigaafatamanaan Sakreteriyaatii Pireesii Waajjira Ministira Obbo Nigusuu Xilaahun ibsan. Duudhaaleen kanneeniif yoo abboomne tokko taanee waa hunda mo’achuu... Read more »

Paarkii tokkummaa: Bu’aa kutannoodhaan hojjechuu

Finfinnee: Paarkiin tokkummaa waggaa darberraa kaasee masaraa mootummaa keessatti qarshii biliyoona shaniin ijaaramaa ture Roobii darbe eebbifameera. Sirna eebbichaarratti qondaaltonni olaanaa mootummaa federaalaafi naannolee akkasumas gaggeessitootni biyyoota Afrikaa Bahaa kan argaman ta’uu... Read more »