Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa dadhabbii maatiisaaniif yaaduu qabu Piroofeeser Bayyanaa Pheexiroos

Finfinnee: Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa ifaajii maatiisaanii deebisuuf carraquu osoo malanii sakaallaa siyaasaatiin gaadi’amuunsaanii sirrii akka hintaane hayyuun siyaasaa hangaftichi Piroofeeser Bayyanaa Pheexiroos himan. Piroofeeserichi ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin barattoonni dhaabbilee... Read more »

Hanqinni dhiyeessiiwwan qonnaa komii kaasaa turan furamaa jiru

– Kanaafis doolaarri Ameerikaa miliiyoona 22 ol baasii ta’eera   Finfinnee: Ce’umsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuuf qonna ammayyaa teknooloojiin deggarame babal’isuun murteessaa ta’us hanqina mudateen damichi fagoo hindeemne. Kunimmoo sochii imala qonnarraa... Read more »

“Mariin saboota lamaan walitti fidu ittifufinsaan gaggeeffamuu qaba” – Hayyoota Siyaasaa

Finfinnee: Baay’ina ummattoota Itoophiyaa keessaa Sabni Oromoofi Amaaraa walitti dhibbantaa 65 ol uwwisu. Saboonni kunneen kan wajjin turan, gaa’ela waliin ijaaran, gaddaafi gammachuu waliin dabarsuun bu’aa bahii hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa kan waliin... Read more »

Sulultatti: Saamichi lafaa dhaabsifame

Ijaarsi seeraan alaa kuma jahaa diigame Sulultaa: Alseerummaan magaalota Oromiyaa hedduu keessatti hidda gadifageeffate madda rakkoo nageenyaa ta’aa tureera. Keessumaa gochichi magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti daran hammaachuun balaa guddaa qaqqabsiisaa... Read more »

“Godaannisa ijaarsa biyyaa keessatti uumameef beekamtiin kennamu qaba” -Hayyoota

Finfinnee: Seenaa ijaarsa biyyoota  Addunyaa hedduu yemmuu ilaallu irra jireessaan jaalalaafi fedhaan osoo hin taane, humnaafi dirqamaan kanneen uumamaniidha. Biyyootni humnaan ijaaraman kunneen adeemsa sana keessatti  godaannisa yeroo kamuu fayyuu hindandeenye uumaanii... Read more »

Hayyoonni sochii biyyattiin hiyyummaa jalaa ba’uuf taasisaa jirtuu akka utuban gaafatame

Finfinnee: Adeemsa biyyattiin hiyyummaa jalaa bahuuf taasisaa jirtu keessatti hayyoonni biyyattii  gahee dursummaasaanii bahachuu akka qaban gaggeessitonni mootummaa gaafatan. Sagantaan “Itoophiyaan bara 2050 eessa ga’uu dandeessi?” jedhu dheengadda hayyoota biyya keessaafi alaa... Read more »

Miidiyaaleen ittigaafatamasaanii sirnaan akka ba’atan gaafatame

Finfinnee: Miidiyaaleen biyyattii egeree Itoophiyaa ijaaruu keessatti ittigaafatamummaa olaanaa waan qabaniif sirnaan ba’achuu akka qaban gareen ‘Destiny Ethiopia Initiative’ gaafate. Qindeessaan garichaa, Obbo Nigusee Akliiluu marii  dheengadda Finfinneetti gaazexeessitoota Afaan Oromootiin hojjetan... Read more »

Faayidaa saatalaayitii Itoophiyaan kaleessa furguggifte akkamitti ibsama?

Finfinnee: Saatalaayitii gara hawaatti furguggifamu odeeffannoofi ragaalee addunyaa kanaaf cuuphata ta’an qorachuun guddina teknolojii si’eessa. Guddina teknolojii si’eessuun alattis hudhaalee uumama keessatti mudachaa jiraniifi mudachuu malaniif raaga haalduree kennuun haalota walxaxoo salphisa.... Read more »

Yunivarsitiiwwan Dambi Dolloofi Wallaggaa barattootasaaniif waamicha taasisaa jiru

Dambi Dolloo: Walitti bu’iinsi dhiyeenya kana Yunivarsitii Waldiyaatti mudatee ture gara yunivarsitiiwwan gara garaatti babal’achuun lubbuun barattootaa akka darbu, miidhaa qaamaatiif akka saaxilaman, mooraa yunivarsitii gad lakkisanii akka ba’aniifi hojiin baruu barsiisuu... Read more »

Omishaalee hafan sassaabuuf hunduu akka tumsu waamichi dhihaate

Finfinnee: Omishaalee qonnaa bara 2012 sassaabbiif qaqqaban hunda galchuuf hawaasni hunduu akka tumsu Ministeerri Qonnaa waamicha dhiheesse. Ministeerichi ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti, bara 2012tti akka biyyaatti lafa heektaara miliyoona 13.55 misoomsuun... Read more »