Barnoota dhiisuun fala qabsoo tarkaanfachiisu miti

Jimmaa: Barnoota barachuu dhiisuun fala qabsoo tarkaanfachiisu akka hintaane Yunivarsiitiin Jimmaa ibse. Pirezidaantii ittaanaan yunivarsitichaa, Doktar Korraa Tushuunee ibsa dheengadda gabaasaa Gaazexaa Bariisaa waajjirasaaniitti argameef kennaniin akka jedhaniti, lammiin biyyasaatiif qabsaa’u kamuu... Read more »

Tarkaanfiin qaamolee nageenya yunvarsitiiwwan booressan irratti fudhatamu ittifufa

Finfinnee: Rakkoo nageenya yunvarsitiiwwan gara garaa keessatti uumameen lubbuun barattootaa darbeera; miidhaan qaamaas qaqqabeera. Sababuma kanaan yunvarsitiiwwan 22 keessatti hojiin baruu barsiisuu yeroowwan adda addaatiif addaan citeera. Barattootni hedduunis barumsasaanii addaan kutaniiru.... Read more »

Tajaajilli Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo kennaa jiru fedhii hawaasaa guutaa hinjiru

Dambi Dolloo: Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dollootti kan argamu Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo, sababa hanqinaalee dhiyeessa qorichaa, bishaanii, humna ibsaa, meeshaalee wal’aansaa, ogeessota fayyaa olaanaa, ambulaansii, bajataa, siree, bu’uuraalee misoomaa rakkoolee... Read more »

Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa meeshaalee aadaa hinilaallatu

Finfinnee: Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa dheengadda Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’e meeshaalee waraanaa alaa galan malee meeshaalee aadaa kan hinilaallanne ta’uu Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa ibse. Walittiqabaan korichaa Obbo... Read more »

Wixineen labsii haasaa jibbiinsaa falmisiisaa jira

Finfinnee: Ukkaamsaan mirgoota dimokraasii ture yemmuu ka’uu eegaluutti gabaan yaadaa gar malee hoo’ee waan tureef mirga ofii ibsachuu bira darbee hanga mirga nama ykn qaama biraatti bu’uutti ga’amaa jira. Yaada ofii bilisaan... Read more »

Waadaa seename hojiitti hiikaa deemuu barbaachisa

Finfinnee: Mootonniifi aanga’oonni darban hedduun miira ‘faayidaafi gaaffii Oromoo deebisna’ jedhuun ka’anii erga aangoo hawaasichaa of harka galchanii booda gaaffii ummataatiif deebii waaraa kennuu dhabuun agarsiistuu hooggantoota Itoophiyaa ta’aa tureera. Gochi akkanaa... Read more »

Taaksiin ‘eksaayizii’ tamboorratti kaa’amuuf karoorfame gahaa miti

Finfinnee: Akka ragaan damee fayyaarratti hojjetame mul’isutti, addunyaarra namoonni biliyoona 1.1 tamboo kan xuuxan yoo ta’u, waggaatti namoonni miliyoona saddeet ta’an ammoo dhukkuboota sababa tamboo xuuxuutiin walqabatee dhufaniin lubbuunsaanii ni darba. Akka... Read more »

Gaaffiin ijaarsa daandii Godina Silxee waggaa 27 booda deebii argate

Waraabee: Misoomni daandii Godinaalee Silxeefi Guraagee walquunnamsiisuufi dheerina kiiloo meeita 40.5 qabu waggoota 27f ummataan gaaffii irratti ka’aa ture. Amma garuu kutannoo mootummaan haaromsaa misoomaaf agarsiisaa jiruun dhugoomuu eegaluu pirezdaantiin Naannoo Ummatoota... Read more »

Gadaan Oromoo Walloo jaarraa afuriif adda citee ture deebi’uufi

Finfinnee: Oromoon Walloo waggoota dheeraaf akka ormaatti ilaalamaa, aadaafi seenaansaa dhokotaa tureera. Amma garuu eenyummaansaa dagatame akka yaadatamuuf darbees, seenaansaa bakkatti deebi’uuf sochiin eegalameera. Tibbanas qaamuma sochii kanaa kan ta’e GAdaa Oromoo... Read more »

“Addunyaarraa mindaa gadaanaa kan kanfalu Itoophiyaadha”Hayyuu dinagdee

Finfinnee: Itoophiyaan biyyoota Addunyaa yeroo ammaatti guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokko yemmuu taatu, keessattuu waggoota 19f walitti aansitee guddina abbaa diijitii lamaa galmeessisuunshee dinqisiifannaa uumeera. Biyyi walitti aansitee guddina ajaa’ibsiisaa... Read more »