Hojjetaan dandeettii qabuun ramadamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee:Hojjetaan mootummaa dandeettii, beekumsa, gahumsaafi naamusa qabuun dorgommiidhaan ramadamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Manneen hojii gurmaa’ina haaraan hundaa’an keessatti hojjetaan hundi caasaa haaraarratti... Read more »

“Biyya lammiilee maraaf haadha taate uumuuf hojjechuu qabna” -Obbo Tamaam Baatii

Finfinnee: Sirnoota darban keessa Itoophiyaan gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin fedhii gareewwan dhuunfaa akka guuttuuf ijaaramaa turuushee ragaalee seenaarraa hubachuun ni danda’ama. Kanaaanis lammiileen marti haala walqixa ta’een fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachaa akka hinturre hayyootni... Read more »

Dhimmi Dirre Dawaa xiyyeeffannoo akka argatu gaafatame

Hawaasaa: Yeroo yerootti jeequmsa magaalattiitti uumamuun hawaasni dararamaa waan jiruuf mootummaan haalichaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu dargaggootni magaalattii gaafatan. Haaromsi hanga ammaatti magaalattii waan hinqaqqabneef ummanni jireenya tasgabbaa’aa dhabuusaa kan himan dargaggootni... Read more »

Waliigaltee Asmaraafi carraa Waraana Bilisummaa Oromoo-Koreen teknikii hojiisaa eegale

Finfinnee: Jijjiiramoota biyyattiitti mul’ataa jiran keessaa tokko jaarmiyaaleen siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawudiin durfamuufi ‘Arbanyoochi Ginbot 7’ qabsoo hidhannoo gaggeessaa turan dhaabanii karaa nagaatiin akka qabsaa’an gochuudha. Kanaanis Pirezidaantiin... Read more »

Waadaan seename diigamnaan akka waan foon walii nyaatanitti abaaramu

Bu’uura waliigaltee ABO Jaal Daawud Ibsaatiin hogganamuufi mootummaa gidduutti taasifameen kaleessa Magaalaa Ambootti kormi qalamee nageenyi labsameera. Koreen tekinkii dhimma kana hordofuuf Kibxata darbe hundeeffames yeroo gabaabaa keessatti hojiisaa xumuruun labsii labseera;... Read more »

“Qaanqeen bilisummaa dhiiga Qeerrootiin biqile shira harcaatotaan hinmaseenu” – Aadde Xayibaa Hasan

 “Qaanqeen bilisummaa warraaqsa qeerrootiin gonfatame shira harcaatotaatiin tasumaa hinmaseenu” jechuun Pirezedaantii Ittaantuun BMNO ibsan. Pirezidaantii ittaantuun naannichaa, Aadde Xayibaa Hasan yaa’ii Idilee 4fa Liigii Dargaggoota ODP Roobii darbe Adaamaatti adeemsifamerratti haasa’a taasisaniin... Read more »

Komii qonnaan bultoota Baalee furuuf hojjatamaa jiraachuun himame

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaatiin walqabatee komii qonnaan bultootni Baalee aanaa Madda Walaabuu qaban furuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Biirichatti Qindeessaan Sagantaa Jallisiiwwan Xixiqqaa Hirmaannaa Ummataatiin ijaaramanii, Obbo Andinnat... Read more »

Loon bishaan dhabanii miidhamaa jiraachuu horsiisee bultootni Booranaa komatan

Aadde Dansaa Gaayyoo horsiisa loonii irratti bobba’anii jiruusaanii gaggeeffachaa kan jiran yemmuu ta’an, waliigalaaan looniifi re’oota dhibba lama ol akka qaban dubbatu. Godina Booranaa aanaa Dubluq keessa kan jiraatan dubartiin dureettiin tun,... Read more »

Murtoo ABOfi yaada hayyootaa

Waldhabdee ABO Jaal Daawudiin hogganamuufi mootummaa gidduutti uumamee ture ifaajjii yeroo dheeraatiin booda Kibxata darbe xumura waan argate fakkaata. Guyyichi Oromoo hedduuf guyyaa guddaa ture. Jaal Daawud waraanasaanii abbootii Gadaatti dabarsanii kennuuf... Read more »

“Namni qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” – Obbo Hayilee Gabree

Abbootii Gadaa, Haadholiin siinqee, hayyoonni Oromoo, bakka buutoonni paartilee siyaasaa Oromoo qeerroon, folleen, aartistoonniifi bakka buutonni kutaalee hawaasa garagaraa Kibxata darbe Giddugalaa Aadaa Oromootti walga’aanii turan. Hunduu galma seenanii bakka qabatanii dhufaatii... Read more »