Paartiileen siyaasaa dubartoota aangootti fiduuf hojjechaa jirra jedhan

Finfinnee: Paartiileen siyaasaa filannoo baranaarratti dubartoota hogganummaatti fiduuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsan. Bakka buutonni paartiilee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Paartii Tokkummaan Dimokraasiifi Haqaaf akkasumas, ‘EZEMA’n gaazexaa bariisaatiif akka ibsanitti dubartoonni harka walakkaa... Read more »

Mojuliin seenaa qophaa’aa jiru seenaa sabootaafi sablammoota biyyattii hammachuuf yaaleera

Finfinnee: Mojuliin seenaa Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa barsiisuuf qophaa’aa jiru semisteera lammaffaa irraa eegalee gara yunivarsitiwwaniitti gad bu’uun barattoota hundaaf akka koorsii walootti kan kennamu ta’uu Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa beeksise. Ministir De’eetaan... Read more »

Rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwanii furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Madda rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwan Oromiyaafi Amaaraa keessatti argamanii qorannoorratti hundaa’uun furuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa ibse. Ministirri ministeerichaa Pirofesar Hiiruut Waldamaaryaam ibsa kaleessa kennaniin akka  jedhanitti, rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwan... Read more »

Sirna kabaja waggaa sadaffaa sirni Gadaa itti galmaa’e

Yaa’abal’oo: Kabajni ayyaana waggaa sadaffaa sirni Gadaa ‘UNESCO’tti galmaa’uu Godina Booranaa, Yaa’abal’ootti kaleessarraa eegalaee sirnoota gara garaatiin kabajamaa jira. Ayyaanichi agarsiisa suuraalee sirna Gadaafi duudhaasaa agarsiisan, meeshaalee aadaa, nyaataafi dhugaatii akkasumas sirba... Read more »

Oromoofi Oromiyaa jijjiiruuf misooma baadiyyaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira

Finfinnee: Ummatni Oromoo harki 85 baadiyyaa kan jiraatu yoo ta’u, jiruufi jireenyisaa hojii qonnaafi beeladaarratti kan hundaa’eedha. Oromoofi Oromiyaa jijjiiruuf hojii misooma baadiyyaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira akka Sektarri Misooma Baadiyyaa naannichaa ibsutti.... Read more »

Hanqinaaleen dhiyeessii keessoo Yunivarsitii Dambi Dolloo furmaata hatattamaa barbaadu

Dambi Dolloo: Yunivarsitiin Dambi Dolloo Finfinnee irraa kiiloomeetira 600 fagaatee Godina Qeellem Wallaggaa, Magaalaa Dambi Dollootti argama. Yunivarsitichi   bara 2010 hojii baruu barsiisuu kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa muummee barnootaa 36n... Read more »

“Lotorii lammiitu lammiif” miliyoona 40 keessaa miiliyoonni 34 caasaalee mootummaa biratti hafe” -Doktar Abarraa Dheeressaa

Finfinnee: Lammiilee Oromoo iddoowwan gara garaarraa buqqa’an gargaaruuf koreen qindeessituu gargaarsaafi deebisanii dhaabuu lammiwwanii ijaaramee deeggarsa hawaasni taasisu waltaasisaa turuun ni yaadatama. Koree guddicha jalatti immoo koreewwan xixiqqoon 25 ta’an kan gurmaa’an... Read more »

“Oromoofi Amaarri yoo tokkoman kan badhaadhan, adda yoo ba’an kan hiyyoomanidha” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Konfiransiin nageenyaa abbootii qabeenyaa Oromoofi Amaaraatiin Finfinnee Galma Barkumeetti qophaa’e kaleessa gaggeeffameera. Waltajjii kanarratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, qeerroon, qarreeniifi faannoon qilleensi nageenyaa akka bubbisuufi... Read more »

“Saatalaayitichi imalli badhaadhanaa eegalamu agarsiisa” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad misooma saatalaayitii oggaa ministira Saayinsiifi Teknolojii ta’anii jiran mallattoosaaniitiin eegalame kaleessa haala milkaa’ina qabuun furguggifame  sababeeffachuun ergaa ittaanu karaa fuula feesbuukiisaanii ummataaf dabarsaniiru. Baga... Read more »

Riifoormiin dinagdee biyya keessaa imala badhaadhina Itoophiyaa kan milkeessuudha

Finfinnee: Riifoormiin dinagdee biyya keessaamootummaan hojiirra oolchaa jiru imala badhaadhinaa Itoophiyaa milkeessuun biyyoota Afrikaa dinagdee guddaa qaban keessatti akka ramadamtu kan taasisuufi jiruufi jireenya ummata biyyattii kan jijjiiru ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksise... Read more »