Doktar Zarihun Gabree Barri kun wantoota garaa garaatiin yoo beekame illee yeroo kam caalaa bara namoonni salphaatti odeeffannoo argatan keessa jirra. Isa kanaaf ammoo teeknooloojiin ga’ee guddaa qaba. Tekinooloojii barichaa keessaa tokko... Read more »
Umuriin oduu sobaa gabaabaa miti. Kan ittiin miidhamanis muraasa miti. Kan ittiin walfixanis xiqqoo miti. Dhaloota walficcisiiseera; shakkii dhaloota gidduutti naqeera; duguuggaa sanyiif sababa ta’eera; bakka milkaa’efitti ammoo geggeessitoota hedduu aangoorraa buuseera.... Read more »
Bariin ganamaa dukkana boodaan dhufa. Namni dukkana dandamatee darbuu hindandeenye, ifa ittaanee dhufu hinargu. Tarii har’a dukkanni keenya wantoota numarsan ta’uu danda’u. Isaan kun nudhiphisuus nidanda’u ta’a. Darbees namootni biyya lafaa kanarratti... Read more »
Yeroo hedduu taphattoota jabaatanii leenji’an, jabaatanii taphatan, garuu kubbaa saaphanaa wajjin wal agarsiisuu kan hindandeenye ni argina. Haata’uyyuu malee kaayyoon tapha kubbaa saaphanaa wajjin wal agarsiisuudha. Bakka itti kubba galchanii qabxii lakkoofsifatan... Read more »
Biyya kam keessattuu barbaachisummaa mootummaatiif sababoota adda addaa kan kaasan yoo ta’ellee inni tokko hawaasa balaa mudachuu malurraa ittisuu, akka waliisaaniirraan rakkoo hingeenyeefi humni addaa alaa akka hawaasa hinmiine taasisuun isa tokko... Read more »
Dippilomaasii Namootni hedduun dippilomaasii (misiyoonummaa) ilaalchisee biyyi keenya hanga barbaachisu sababa hariiroo biyyoottan garaa garaa wajjin hin uumneef biyyootni dadhaboo fakkaatan kaleessaas ta’e uummatni xiqqoon biyya kana injifataa jiru; mirga argataas jiru... Read more »
Namni maqaansaa ‘Chuck Palahniuk’ jedhamu haala hammayyummaafi rakkoolee teknolojiin sammuu dhaloota irratti qaqqabsiisuu danda’an ilaalchisee si’achi “sammuun kan abbaa miti” jedha. Sammuun namaa nigarboofatama jechuusaati. Sammuun namaa garboofatamuun garbummaa kamuurra hamaadha. Sammuun... Read more »
Zarihun Gabree Tarii namoonni muraasni addunyaa keenyarraatti beekamoofi gurguddoo ta’an akkamittiin akka milkaa’ina geggeessummaa isaan argatan ilaalchisee gaaffii nutti ta’ee, gonkumaa akka isaanii ta’uu akka hindandeenye, milkaa’ina, jijjiirama fiduufi kkf., kan isaanii... Read more »
Namootni hedduun addunyaa kanarratti bifa adda ta’een jijjiirama qabatamaa fidan hedduudha. Haa ta’u malee geggeessitoota kanneen namoota kaanirraa maaltu adda baasa? Geggeessummaansaanii maal fakkaata? Waan adda ta’e maal qabuu? Baroota keessatti biyyoota... Read more »
Geggeessummaan aarsaa gaafata. Geggeessitoota ciccimoofi aarsaa gargar baasuun hindandaa’amu. Yeroofi humna isaanii aarsaa godhu. Fiixee gaaraa irra ga’uuf balali’uu miti. Akkuma namootni hedduun jedhan yeroo warri kaan rafan haala dukkana fakkaatu keessa... Read more »