Shinooyyee, Ashandaafi Ashandiyyeefaa

Saboonniifi sbalammoonni Itoophiyaa aadaafi duudhaalee eenyummaasaanii ibsan qabu. Nutis ayyaanota kanneen keessaa warra baatii Hagayya kana keessa ayyaaneffamanirratti xiyyeeffachuun akka kanaan gadiitti isin dubbisiisna. Shinooyyee Oromoon waggaa tokko wayitii afuritti hira, isaanis... Read more »

 “Adaamaan sa’aatii 24:00 teknolojii dijitaalaatiin hordofamuu waan eegaleef alseerummaan, hojmaanni badaafi hanni to’atamaa jira” – Obbo Hayiluu Jaldee

Guddina hawaas dinagdeefi siyaasaa magaalaa tokkoof murteessitoota ijoo ta’an keessaa hojiirra oolmaan teknolojii dijitaalaa isa tokko yoo ta’u, babal’achuu magaalaatiin walqabatee alseerummaafi hojmaanni badaanis kan hammaatu waan ta’eef hordoffii caasaalee nageenyaa cinatti... Read more »

 “Marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu milkeessuuf aadaafi duudhaa jaarsummaa Oromoo keessa jiru utuu cuuphannee gaariidha” – Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo

“Mariifi marabbaan dhimmuma fedherrattuu waa tolcha. Namni mari’atu gara waliigaluu, walhubachuu, walamanuufi araaraatti deema. Aadaa Oromoo keessatti xumurri mariifi jaarsummaa araara. Araarri ammoo waliidhiisuu, walittifayyuufi tokkoomuu ofkeessaa qaba. Aadaafi duudhaan marii, jaarsummaafi... Read more »

 “Shaggaritti guyyaa Wiixataatti uffata aadaatiin hojjachuu eegaluun tajaajila fooyyessuu qofa osoo hintaane, hannas hir’isaa jira” – Obbo Cammaraa Shibbiruu

Dargaggoota yeroo ammaa magaalaa dhiyeenya hundoofte hogganaa jiran keessaa isa tokko kan ta’e, umrii dargaggummaa yeroo ammaa keessa jiruun waggoota kurnan darbaniif sadarkaalee garaa garaatti hoggansa bIlchaataa kennuudhaan fakkeenya dargaggootaa kan ta’eefi... Read more »

“Ummanni Oromoo qaama kamuurra uumama wajjin hariiroo cimaa qaba” – Doktar Dirribaa Tarrafaa

Doktar Dirribaa Tarrafaa Kiisii ammaan tana Daarektara Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo ta’anii tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, hayyuun kun keessumaa dhimma waaltinaafi caasluga Afaan Oromoorratti waggoota dheeraaf hojjechuun beekamu. Hayyuun kun digrii... Read more »

“Amma kan nu baasu walkabajuufi nagaan waliin jiraachuudha” – Doktar Luba Tolasaa Guddinaa

Keessummaan keenya maxxansa kanaa Paastarii Olaanaa Waldaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Atlaantaa Doktar Luba Tolasaa Guddinaati. Gaafdeebii torban lama dura dhimmoota nageenyaa, araaraa, marii biyyaalessaa, dudhaalee jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu, jijjiirama akka biyyaatti... Read more »

Eebbi, “Fantaallee ta’ii mul’adhu” jedhu jijjiiramaa as Matahaaraa haaressaa jira” -Obbo Addisuu Waaqoo

Magaalaan Matahaaraa gaarreen Fantaalleefi Hara Basaqaatiin marfamtee qilleensa ho’aan guutamtee gammoojjii gubaa keessatti fuduraafi muduraan lafa uwwistee isa seenu simachaa isa bahu gaggeessaa halkanii guyyaa tajaajila kennuun maqaa masoo magaalaa aduun itti... Read more »

 Ijaarsawwan aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo dagaagsuuf Finfinneetti xiyyeeffannoon adeemsifamaa jiran

Sirnoota darban keessatti Oromoofi Finfinnee adda dhiibuudhaan aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo Finfinnee keessatti akka hindagaagne taasifamaa tureera. Magaalaa Finfinnee bakka sabaaf sablammoota biyya keenyaa bira darbee lammiileen biyyoota alaa kabajaan keessa jiraatanitti... Read more »

 ‘Muqaddamaafi Manaazila’

Godina Harargee Lixaa, ummanni Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddee dursa sanyii facaasan (‘Muqaddama’)fi waqxii sanyii (‘Manaazila’) akkaataa ittiin yeroo ilaalan qaba. Ummanni Oromoo beekumsawwan garagaraa keessaa raaga haala qilleensa cimaa kan waggaa... Read more »

 “Baatuun gama hundaan imala badhaadhinaarratti argamti” Obbo Ahmaddiin Ismaa’il (Kantiibaa Magaalaa Baatuu)

Magaalaan Baatuu bara 1953 akka hundoofte kan himamuuf yoo ta’u, magaalota Itoophiyaa riiformii keessa galan keessaa ishee tokko. Finfinneerraa kiiloo meetira 160 fagaattee kan argamtu Baatuun, magaalota qabeenya uumamaatiin badhaadhan keessatti eeramti.... Read more »