
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaatti waggaa waggaan Amajjii 11 magaalaafi baadiyyaatti haala ho’aadhaan kabajama. Ayyaanni addababa’ii kun keessumaa hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti haala addaatiin kabajama.
Ayyaana kanarratti taabotni Amajjii 10 waaree booda sa’aatii 8:00 irraa eegalee gara iddoo qophaa’eefitti imaluun achi bulee borumtaasaa ganama sa’aatii 12:00-1:00tti erga sirni cuuphaa adeemsifamee booda gara bataskaanaatti deebi’a.
Taabotni Mikaa’elaa garuu bakka taabotni akka buluuf qophaa’e guyyoota lamaaf erga bulee booda Amajjii 12 gara bataskaanaatti deebi’a. Ayyaana waggaa waggaan haala ho’aan kabajamu kanarratti hordoftoota amantichaa, amantichaan alaafi turistoonni biyya keessaafi alaa ni argamu.
Ayyaanni bu’uurrisaa amantii ta’e kun aadaafi duudhaa uffannaa, obbolummaa, tokkummaa, jaalalaafi wajjummaa sabootaafi sablammootaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ayyaanni Cuuphaa kun hambaa kiliyaa (hinqaqqabatamne) ta’ee ‘UNESCO’dhaan galmaa’uun hambaa addunyaa erga ta’ee waggoota shanii ol lakkoofsiseera. Ayyaanni cuuphaa kun aadaafii duudhaasaa eeggatee nagaan kabajamee akka xumuramuuf hundumtuu gahee isarraa eegamu bahachuu qaba. Ayyaanichi madda hawwata turistii ta’uun galii biyyattiin turizimiirraa argattu guddisuu keessattis gahee mataasaa qaba.
Sirna kabaja Ayyaana Cuuphaa ilaalchisuudhaan gaafdeebii dheengadda Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, Ittigaafatamaa Qajeelcha Karooraafi Misoomaafi Qorataa Seenaa Bataskaanotaa, Sooraa Salaam Qasiis Solomoon Tolchaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeesineerra.
Bariisaa: Bakka dhalootaa, sadarkaa barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Qasiis Solomoon: Naannoo Oromiyaa Godina Baaleettin dhaladhee guddadhe. Koollejii Hafuuraa Qiddisti Sillaaseetti barnoota Tiwolojiin eebbifameera. Akkasumas ‘Tourism Management’fi ‘Christian Counseling’ baradhee eebbifameera.
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ‘Daaqunummaa’ kaasee sadarkaawwan tajaajilaa gara garaatti tajaajileera. Utuun kolleejii hingaliniifi ergan kolleejii galee eebbifamee bahee booda dameewwan tajaajila hafuuraa bataskaanattiin itti na ramaddetti hojjedheera.
Lallaba Wangeelaatiin Itoophiyaa guutuu keessa naanna’uudhaan tajaajila bal’aa kenneera. Godinaalee adda addaattis hangafa lubootaa aanaalee ta’ee tajaajileera. Lallabaa Wangeelaafi barreessaa olaanaa bataskaanotaafi Gadaamota Magaalaa Finfinnee ta’ees hojjedheera.
Mana Lubummaa Waliigalaa amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ammoo waggoota 15n darbaniif qajeelcha gara garaatti qajeelchaa olaanaa ta’ee hojjedheera. Waltajjiiwwan gara garaa irrattis barreeffamoota qo’annoo gara garaa dhiyeessuudhaan leenjiiwwan gara garaa kennaan ture. Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Federaalaa waliin ta’uun suphaa Bataskaana Laallibalaa akkasumas hambaalee gara garaa lakkaa’uu, qo’achuufi qorachuurratti hirmaadheera.
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bakka bu’uun walga’iiwwaniifi yaa’iiwwan biyyoolessaa gara garaarratti hirmaadheera. Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti qajeelchota adda addaarratti ittigaafatamaa ta’uun tajaajileera. Kitaabota barreessuufis carraa argadheera. Seenaa bataskaanotaafi godambaawwan Magaalaa Finfinnee yaa’ii hayyoota amantichaa waliin ta’uun haala turistoota biyya keessaafi alaatiif mijatuufi eessatti akka argaman waliin barreesseera.
Kitaabni kun biyya keessaafi biyyoota alaatti eebbifamuun dubbistoota bira akka ga’u ta’eera. Ittigaafatamaa qajeelchota gara garaa ta’ee yeroon tajaajilaa ture hayyoota amantichaa waliin ta’uun kitaaba seenaa imala yaa’ii lallaba amantichaa waggoota 40s barreesseera. Yeroo ammaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, Ittigaafatamaa Qajeelcha Karooraafi Misoomaafi Qorataa Seenaa Bataskaanotaa ta’een tajaajilaa jira.
Bariisaa: Seenaa Ayyaana Cuuphaa gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Qasiis Solomoon: Cuuphaan ayyaana bu’uura amantii qabuudha. Cuuphaan Yesus Kiristoos Laga Yordaanositti Yohaannis Cuuphaan cuuphamuusaa sababeeffachuun ayyaana waggaa waggaan Amajjii 11 haala ho’aan magaalaafi baadiyyaa biyyattiitti kabajamuudha.
Yesus Kiristoos Laga Yordaanositti maaliif akka cuuphame Macaafa Qulqulluufi barsiisa amantichaa keessatti ibsameera. Yesus Kiristoos Laga Yordaanositti kan cuuphame cubbamoota cubbuusaanirraa qulqulleessuudhaafi.
Bara kakuu moofaa bishaan badiisaa roobee lubbuqabeeyyii bidiruu Nohiin ala jiran hunda balleesseera. Kana Seera Uumamaafi seenaa Nohi irraa hubachuu dandeenya. Yesus Kiristoos bishaanota qulqulleessuufi dhaala cubbuuttii nu qulqulleessuuf jecha Laga Yordaanositti cuuphame.
Addaamiifi Hewwaan jannataa yeroo ba’an xalayoonni lamaan seexanni ykn daabiloos barreesse Laga Yordaanos jalaafi Si’ool keessa ture. Yesus Kiristoos Laga Yordaanositti cuuphamuusaatiin xalayaan seexanni barreesseefi lagicha jala ture barbadaa’eera.
Yesus Kiristoos fakkeenya nuu ta’uuf jecha cuuphame. Cuuphaan Yesus cuuphaa nuti cuuphamnurraa adda. Gooftaan kan cuuphame bishaanota qulqulleessuufi dhaala cubbuurraa nu qulqulleessuufi. Yesus Laga Yordaanositti harka Yohaannis Cuuphaatti wayita cuuphame maqaa Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluutiin hincuuphamne. Namni garuu maqaa Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluutiin cuuphama.
Yohaannis Cuuphaan Yesusiin utuu hincuuphiin dura namootni yaada garaa akka geeddarataniif lafa onaa keessatti lallabaa ture. Yeroo sanatti warri Yerusaalem, Yihuudaafi naannawaa Yordaanos jiraatan gara Laga Yordaanos dhufuun cubbuusaanii himachaa Yohaannis Cuuphaadhaan cuuphamaa turan.
Yohaannis namoota garasaa dhufan maqaa Abbaa, Ilma, hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa ture. “Yohaannis yaada garaa geeddarachuu keessaniif ani bishaaniinan isin cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra ni jabaata, anis kophee miilasaatiillee baachuuf nama ta’u miti; inni hafuura qulqulluufi abiddaan isin cuupha jechuun waa’ee yaada garaa geeddarachuu namootatti lallabaa ture.
Yesus Yohaannis Cuuphaan cuuphamuuf Galiilaadhaa ka’ee gara Yordaanos yeroo dhaqetti Yohaannis “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati ammoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa? jedhee jabeessee isa ittise.
Yesus ammoo deebisee “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi jedheen.” Yohaanis Waaqayyo Abbaa, Yesus Kiristoosiin dhiifama gaafatee isa cuuphe. Yeroo Yesus cuuphame bantiiwwan Waaqaa banamanii, hafuurri qulqulluun akka gugeetti gad dhufee Yesus irra bu’e. Sagaleen “Ati ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti ni raawwatama” jedhus Waaqarraa dhagahame.
Namni bishaaniifi hafuura qulqulluudhaan yoo cuuphamuu baate mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hindandeenye Macaafa Qulqulluu keessatti eerameera. Cuuphaan lammaffaa dhalachuudha. Namni cuuphamuudhaan mucummaa Waaqayyoo Addaamiin dhabee ture argata. Dhoksaan cuuphaa lammaffaa dhalachuudha. Cuuphamuudhaan eebba baay’ee arganna.
Cuuphaan cubbuu Addaamiifi Heewwaniirraa nu qulqulleessee mucaa Waaqayyoo nu taasisa. Mucaan dhiiraa dhalatee guyyaa 40tti, mucaan durbaa ammoo guyyaa 80tti cuuphamuun mucaa Waaqayyoo akka ta’an Macaafni Qulqulluun ni barsiisa. Kiristaanonni cuuphamuudhaan ijoollee Waaqayyoo ta’u. Namni seexanaan qabames cuuphamuudhaan hidhaa seexanaa jalaa ba’a. Akka sirnaafi barsiisa amantii Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, cuuphaan dhoksaawwan hedduu qaba.
Bariisaa: Ayyaanni Cuuphaa keessumaa amantaa Ortodoksii biratti haala ho’aadhaan kabajama. Ayyaanichaan walqabatee taateewwan guyyaa kataraafi cuuphaa raawwataman maalfaadha?
Qasiis Solomoon: Taabotootni Amajjii 10 bataskaanotaa bahanii gara iddoo qophaa’eefii dhaqanii bulu. Guyyaan kun ‘Kataraa’ jedhamuun beekama. Taabotoonni waaree booda sa’aatii 8:00 irraa eegalanii luboota, faarfattoota, amantootaafi keessummoota ayyaanicharratti hirmaataniin waa’echamanii gara iddoo isaaniif qophaa’e dhaqanii bulu.
Akka Amantii Ortodoksii Itoophiyaatti Cuuphaan ayyaana amantiiti. Taabotootni yeroo bahan ‘qiddaasee’ taasisuufi faarfannaan faarfachuun sirna Waaqeffannaati. Kanaafuu Cuuphaan sirna waaqeffannaati. Bu’uurri cuuphaa amantii ta’us guddina aadaatiif gumaacha taasiseera. Bu’uurri cuuphaa Yesus Kiristoos Laga Yordaanositti cuuphamuusaati. Ayyaanni Cuuphaa utuu bu’uura amantiisaa gad hindhiisin kabajamuu qaba.
Yesus humna Waaqummaa waan hunda gochuufi abboomuu danda’u utuu qabuu gara Laga Yordaanos dhaqee harka Yohaannis Cuuphaatti cuuphame. Taabotootni mallattoo kakuu ibsama maqaasaa ta’anis gara bakka ‘Kataraa’ deemuun fakkeenya Yesus gara Laga Yordaanos dhaquuti. Ayyaanni cuuphaa qiddaaseefi faarfannaadhaan kabajama. Cuuphaan Uumaan harka uumamaatti cuuphamuusaa kan agarsiisu ayyaana garraamummaafi garalaafinaati.
Gaafa ‘Kataraa’ taabotoonni bataskaanotaa bahanii bakka isaaniif qophaa’e dhaqanii bulu. Guyyaa kana hanga halkan sa’aatii 6:00tti sirni qiddaasee ni adeemsifama. Sirna kanarratti faarfannaawwon hafuuraa gara garaas ni faarfatamu.
Bishaan laga Yordaanositti fakkeeffamee hidhamee qophaa’es kadhannaadhaan eebbifama. Bishaan eebbifame kun borumtaa “Kataraa” ganama sa’aatii 12:00 hanga 1:00tti amantoonni ykn hordoftoonni amantichaa akka cuuphaman taasifama. Amajjii 11 ganama sirni Cuuphaa erga geggeeffamee booda taabotoonni gara bataskaanotaatti qiddaaseefi faarfannaadhaan waa’ilchamanii gara bataskaanotaatti deebi’u.
Taabotni Mikaa’elaa garuu guyyaa lama erga bakka Kataraa bulee booda Amajjii 12 sirna ho’aadhaan gara bataskaanaatti deebi’a. Taabotoonni bataskaanotaa bahanii yeroo deebi’an dacheen ni eebbifamti, dhibeewwan daddarboofi beellis ni bada jedhamee waan amanamuuf taabotni eebba guddaa qaba.
Bariisaa: Ayyaanni Cuuphaa hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’n galmaa’uunsaa faayidaa maalii qaba?
Qasiis Solomoon: Ayyaanni Cuuphaa hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’n galmaa’eera. Kun hordoftoota amantii Ortodoksiitiin ala hordoftoonni amatii biroo, keessummoonniifi turistoonni biyya keessaafi alaa hedduun ayyaanicharratti akka hirmaataniif carraa gaarii uumeera.
Ayyaanni kun hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee erga galmaa’ee tuuristoota hedduu hawwachuun galii turizimii biyyattii guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Turizimiin industirii nageenyarratti hundaa’u waan ta’eef nageenya biyyaafi ayyaanichaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Nageenyi hinjiru taanaan turizimiin hinjiru.
Ayyaanichi duudhaa amantiifi aadaasaa eeggatee akka ittifufuuf mootummaan nageenya ayyaanichaaf eegumsa guddaa taasisaa jira. Tuuristoota biyya alaa dhiifnaan kan biyya keessaayyuu ayyaanicharratti hirmaachuu kan danda’an yoo nageenyi jiraate waan ta’eef nageenya biyyaas ta’e ayyaanichaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Duudhaaleen Ayyaana Cuuphaa keessa jiran maalfa’i?
Qasiis Solomoon: Ayyaanni Cuuphaa duudhaalee nagaa, jaalalaa, obbolummaa, tokkummaafi wajjummaa of keessaa qaba. Bu’uurri ayyaanichaa amantii ta’us uffannaa aadaa beeksisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Hirmaattonni ayyaanichaa harki caalu uffannaa aadaa adii uffatu.
Kun industirii uffata aadaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dargaggoonniifi shamarran ayyaanicharratti walilaallatanii walkaadhimatu, firoonnis guyyaa kana mana walii dhaqanii waan walgaafataniif hariiroo waliin jireenyaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Ayyaanni Cuuphaa duudhaa amantiitiin duudhaa waliin jireenyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Fakkeenyaaf Wallootti hordoftoonni amantii Islaamaa yeroo taabotni bahee galu ‘Ahamdilillaa’ taabotni keenya nagaan bahee gale jedhanii haalli isaan itti galateeffatan jira.
Cuuphaan ayyaana gammachuu keenya waliiniiti. Itoophiyaan biyya amantiiwwan gara garaa keessa jiran taatus hordoftoonni amantiiwwan gara garaa Ayyaana Cuuphaa haala gaariin fudhatanii ayyaanicharratti hirmaachuun kabajaa jiru. Namoonni Ayyaana Cuuphaarratti hirmaatan %99 ol kan ta’an hordoftoota amantii gara garaati. Kun Cuuphaan ayyaana hariiroo hordoftoota amantii gara garaa cimsuu keessattis gumaacha guddaa kan qabu ta’uu agarsiisa.
Hordoftoonni amantii Ortodoksiin ala jiran Ayyaana Cuuphaan walqabatee daandiiwwan yeroo cufaman obsaan eeguun taabota kabajanii dabarsaafi hirmaattota ayyaanichaaf bishaan dhiyeessaa jiru. Qaamoleen nageenyaas nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf jala bultii ayyaanichaarraa kaasanii hanga taabotni bataskaanatti deebi’utti eegumsa cimaa taasisu. Kun aadaafi duudhaa obbolummaafi tokkummaa keenya cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Cuuphaan amantiidhaan aadaafi duudhaa waliinjireenya keenyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiisa. Mootummaanis nageenyi ayyaanota addababa’ii akka eegamaniif labsii baaseera.
Itoophiyaanonni duudhaa Ayyaana Cuuphaa kana waggoota kuma lamaa oliif eeganii har’aan gahaniiru. Yesus Kiristoos erga dhalatee waggaa 2017 ta’eera. Yesus Kiristoos biyya lafaarratti dhalatee waggaa 30tti Laga Yordaanositti cuuphame. Amantiin gara Itoophiyaa kan gale ammoo bara 34tti.
Amantiin Itoophiyaa erga galee gara waggaa kuma lama ta’aa jira. Erga amantiin kiristaanaa Itoophiyaa seenee as Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaan kabajamaa jira. Cuuphaan ayyaanota addababa’iitti kabajaman keessaa isa daran guddaadha. Cuuphaan guyyaa itti namoonni cuuphamuudhaan garbummaa seexanaa jalaa bahanii mucaa Waaqayyoo itti ta’an waan ta’eef guyyaa bilisummaati.
Bariisaa: Taateewwan guyyaa kataraafi cuuphaa adeemsifaman gabaabinaan utuu nuuf ibsitanii?
Qasiis Solomoon: Finfinnee keessa bataskaanota Ortodoksii 170, iddoowwan taabotoonni bulaniifi sirni kataraafi cuuphaa itti adeemsifaman 200 oltu jiru. Magaalaa Shaggar keessa ammoo bataskaanota 80 ta’antu jiru. Walumaagalatti magaalota lamaan keessa bataskaanota 250 oltu jiru. Magaalonni lamaan kutaa lallabaa ofdanda’an waan qabaniif ayyaana kanaaf qophii barbaachisu taasisaniiru.
Finfinneetti taabotoonni sa’aatii 8:00 irraa kaasanii gara bakka isaaniif qophaa’eetti imaluun gara saa’atii 12:00tti bakka isaaniif qophaa’e gahu. Jaanmeedaan bakka taabotoonni hedduun bulan waan ta’eef Paatiriyaarikiin Amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sirnicharratti ni argamu.
Taabotoonni bakka isaaniif qophaa’e erga gahanii booda barsiifni wangeelaa erga taasifamee booda sirni kataraa kadhannaafi eebbaa paatiriyaarikiin sa’aatii 12:00tti xumurama. Isa booda barsiifni wangeelaa hanga halkan sa’aatii 3:00tti ittifufa. Halkan sa’aatii 3:00 irraa kaasee hanga sa’aatii 6:00tti sirna kadhannaatu adeemsifama. Halkan sa’aatii 6:00 irraa kaasee hanga hanga sa’aatii 9:00tti ammoo sirna Qiddaaseetu adeemsifama.
Sirni cuuphaa ammoo ganama sa’aatii 12:00-1:00tti adeemsifama. Sirni cuuphaa Jaanmeedaa paatiriyaarikiifi lubootaan adeemsifama. Aanga’oonni mootummaa olaanaan, ambaasaaddaroonniifi turistoonni biyya alaafi keessaa hedduun sirna cuuphaa kanarratti ni argamu. Sirni cuuphaa kun hanga ganama sa’aatii 2:30tti ittifufa.
Taabotoonni sa’aatii 3:00 irraa eegalanii gara bataskaanaatti deebi’uuf imala jalqabu. Taabotni Mikaa’elaa garuu bakkuma sana bulee Amajjii 12 gara bataskaanaatti deebi’a. Guyyaa Taabonni Mikaa’elaa gara bataskaanaatti deebi’u kun ‘Qaanaa Zagaliilaa’ jedhamuun beekama.
‘Qaanaa Zagaliilaan’ dinqii jalqabaa Yesus bishaan daadhiitti geeddareedha. Dinqiin kun Guraandhala 23 raawwate. Hayyoonni amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Cuuphaafi bishaan daadhiitti geeddaramuun bishaaniin waan walqabatuuf bishaanirratti kabajamuu qaba jechuun Amajjii 12 guyyaa Taabotni Mikaa’elaa gara bataskaanaatti deebi’u akka kabajamu ta’e.
Cuuphaan ayyaana Yesus Laga Yordaanositti cuuphamuusaa sababeeffachuun kabajamu yoo ta’u, ‘Qaanaa Zagaliilaa’n ammoo dinqii jalqabaa Yesus bishaan daadhiitti geeddereedha. Ayaanonni lamaan waggaa waggaan Amajjii 12 haala daran ho’aa ta’een kabajamaa jiru.
Ayyaanni cuuphaa Itoophiyaadhaan ala biyyoota Afrikaa, Awurooppaa, biyyoota giddugaleessaa, Eeshiyaafi Kooriyaa,
Ameerikaa Kaabaa, Meeriilaandi, Waashingitan Diisiitti haala ho’aadhaan kabajama. Ayyaanni kun Ameerikaatti daandiin asfaaltii cufameetu kabajama.
Bariisaa: Ayyaanni Cuuphaa kun keessumaa Gondaritti haala daran ho’aa ta’een kabajamuunsaa maaliifi?
Qasiis Solomoon: Gondar akkuma beekamu teessoo mootota Itoophiyaa ture. Gondaritti taabotoonni 44n waan argamaniif Ayyaanni Cuuphaa Gondaritti haala adda ta’een kabajama.
Taabotoonni kunneen yeroo ba’aniifi gara bataskaanaatti deebi’an daran qalbii namaa waan hawwataniif turistoonni biyya keessaafi alaa hedduun ayyaanicharratti hirmaachaa jiru. Gondar bakka bu’uura hayyoota amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaati. Kanarraa ka’uun Ayyaanni Cuuphaa Gondaritti haala addaatiin kabajama.
Ayyaanni Cuuphaa Gondar qofatti utuu hintaane Aksum, Laallibalaa, Baatuufi Finfinneetti haala adda ta’een kabajama. Ayyaanni kun guutummaa Itoophiyaatti magaalaafi baadiyyaattis haala miidhagaadhaan kabajama. Cuuphaan ayyaana amantii waan ta’eef aadaafi duudhaa amantiisaa eegee kabajamuu qaba. Cuuphaan ayyaana amantii ta’us guddina aadaatiif gumaacha olaanaa taasiseera.
Bariisaa: Ayyaana Cuuphaa baranaa ilaalchisuudhaan ergaa baga ittiin isin gahee ykn dhaamsa yoo qabaattan?
Qasiis Solomoon: Cuuphaan ayyaana namoonni miliyoonaan lakkaa’aman irratti hirmaatan waan ta’eef nageenya ayyaanichaa eegsisuun gahee mootummaati. Ayyaana kanarratti hordoftoota amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dabalatee hordoftoonni amantii biroonis bal’inaan waan hirmaataniif nageenya ayyaanichaas waliin eeguu qabu.
Ayyaanni Cuuphaa baranaa nagaa, jaalala, tokkummaafi obbolummaan akka kabajamuuf dargaggoota dabalatee hunduu gumaacha barbaachisu taasisuu qaba. Ayyaanni kun ajandaa siyaasaafi barreeffamootaafi yakkoota walitti bu’iinsa uumanirraa bilisa ta’ee kabajamuu qaba.
Nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf hundumtuu qaamolee nageenyaa waliin hojjechuu qaba.
Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran, kanneen daangaa biyyaa eegan, dhukkubsatanii mana yaalaa jiran, qaamolee nageenyaa, hojjettoota hospitaalota, waajjiraalee mootummaafi warshaalee gara garaa ayyaanicharratti hirmaataniifi irratti hirmaachuuf haalli hinmijanne hundi baga Ayyaana Cuuphaa baranaa nagaan geessan jechuun barbaada. Galatoomaa!
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017