Barattootni Oromiyaa sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomoo ta’aa jiraachuun ibsame

Asallaa: Barattoonni Oromiyaa sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti dorgomanii milkaa’aa kan jiran ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Hoogganaan biirochaa, Doktar Tolaa Bariisoo sirna eebbaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Saaguree Godina Arsii, Aanaa Digaluufi Xiijjoo... Read more »

Biyya duroomte ijaaruun warraaqsa dinagdee finiinsuu gaafata

Finfinnee: Hayyootnii, xiinxaltootni siyaasaa, artistootni, abbootiin qabeenyaa, qeerroofi qarreen, qabsaa’otni siyaasaa, hoggantootni paartilee siyaasa Oromoo, bakka bu’ootni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaafi keessummoonni waamichi taasifameef biroon Dilbata darbe sa’aatii 2:30 irraa kaasee galma... Read more »

ADWUIn gara paartii biyyaalessaa tokkotti jijjiiramuun faayidaa maalii qaba?

Addi Dimokiraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) kan hundaa’e miseensota dhaabbilee Oromoo Dimokiraatik Paartii (ODP), Amaaraa Dimokiraatik Paartii (ADP), Sochii Dimokiraasummaa Ummattoota Kibbaa (SDUK)fi Adda Bilisa Baasaa Ummattoota Tigraay (ABUT)iini. Dhaabbilee kanneen dabalatee... Read more »

Lakkaawwii ummataafi manaa milkeessuuf qophii taasifamaa jiru

Finfinnee: Akka biyyaalessaatti lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa 4fa Bitootessa 29 bara 2011 irraa eegalee guyyoota kudhaniif kan adeemsifamu yoo ta’u, Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennuun qophii taasisaa jiraachuusaa ibseera. Itti... Read more »

“Biyyootni Afrikaa Bahaa rakkoolee isaanii ofumaan furachuu qabu” -Doktar Geetaachoo Kaasaa

Biyyootni Afrikaa Bahaa osoo sirna koloniitiin gargar hinfaffaca’iin dura akka ummata tokkootti qabeenya uumamaa, aadaa, afaaniifi duudhaa qaban  waliin qooddachuun jiraachaa akka turan ragaaleen seenaani ibsu. Yunivarsiitii Finfinneetti Doktar Geetaachoo Kaasaa qorataa... Read more »

ODPn uummata waliin tarkaanfachuuf ta’ee argamuu qaba

“Ya soogiddaa yoo ofiif jette mi’aayi kanaachi dhagaadha jedhanii sigatu” jedha Oromoon yoo makmaaku. Oromoon harqoota gabrummaa jaarraa tokkoo oliif isatti fe’amee ture ofirraa darbatee mirga abbaa biyyummaasaa qabatamaan mirkaneeffachuuf kaleessa caalaa... Read more »

Dhimma Finfinneetiif furmaata kennuun nageenyaaf wabiidha

Oromoo saba bal’aa ta’e kana walirratti kakaaftee diina walii taasifte. Tokkummaasaa diiguudhaan irratti of tuultee gadi qabdee mataarra teesse. Kabaja namummaa uumamaan argate dhorkatte, kumaatama ajjeeftee, kumaatama qaama hir’uu gootee beektota ija... Read more »

“Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuun biyyattiif boqonnaa haaraa uuma” -Doktar Girmaa Amantee

Amboo: Hayyoonni Doktar Biraanamasqal Abbabaa Sanyiifi Doktar Milkeessaa Miidhagaa jedhaman, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e faayidaalee ijoodha jedhan tarreessaniiru. Qabxiilee 25 isaan tarreessan keessaas mirga alloogummaa, mirga namtokkee, walqixxummaa... Read more »

“Paartiileen Oromoo walirratti dorgomnee sagalee sabaa hiruu hinqabnu”

Piroofesar Mararaa Guddinaa Finfinnee: Paartiin Madrak ji’oota sadan darban keessatti hoggansasaa jabeeffatee deebisee ijaaruuf yaaluusaafi hojii mootummaan hojjetaa jiru keessattis hanga ta’e qooda fudhachaa jiraachuu Pirezdaantiin Madrakiifi Durataa’aan Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO)... Read more »

Gurgurtaan Sheerii Odaa karooraan gadi ta’uun ibsame

Finfinnee: Kaampaaniin Sheerii Odaawarraaqsa dinagdee Oromiyaa akka tumsuuf hundaa’uyyuu gurgurtaan sheerii akkaataa karoorfameen deemaa akka hinjirre kaampaanichi beeksise. Hogganaan  Kaampaanii Sheerii Odaa, Obbo Isheetuu Zallaqaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka... Read more »