“Ani barsiisummaafan uumame, biyyi rakkattee hojii birootiif na barbaannaan awwaachuuf dirqame” -Doktar Addunyaa Dabalaa

“Yeroo jalqaba  barsiisummaarraa muudamaan gara hooggansaatti yeroon dhufu  waantonni hundi bitaa natti galan. Yunvarsiitii keessatti haalli hojii keenyaa ifaafi bilisaan waan barattootni baruu qaban hunda iccitiifi of eeggannaa tokko malee barsiisaa turre.... Read more »

Federaalizimii sabdaneessa akka qaroo ijaatti

Federaalizimiin sirna bulchiinsa mootummaa keessaa tokko yoo ta’u, biyya tokko keessatti sirna ummatni ofumaan of bulchuudha. Itoophiyaa dabalatee biyyootni addunyaa hedduun sirna kana hordofu. Gariin ammoo sirna mootummaa tokkummaawaatiin geggeeffamu. Biyyoonni sirna... Read more »

Gumbiin guutuu akka ta’uuf…

Akka haala qilleensaa biyya keenyaatti tibbi amma keessa jirru yeroo qonnaan bulaan bu’aa dhamaatiisaa ji’oota gannaa itti arguudha. Qonnaan bulaan wayitii gannaatti dafqee, dadhabee, bu’ee ba’ee, tamsaasee qotee, aramee, kunuunsee bu’aa dhamaatiisaa... Read more »

Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsitiiwwan Afrikaa keessaa sadarkaa 10fa argate

Yunivarsitiin Jimmaa barsiisota afuriif sadarkaa pirofesarummaa kenne Finfinnee: Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsiitiiwwan guguddoo Afrikaa kurnan barana filataman keessaa sadarkaa 10fa qabatee beekamtii addunyaa argachuusaa yunivarsiitichi beeksise. Yunivarsitiin Jimmaa barsiisotasaatiif sadarkaa pirofesarummaa kenneera. Pirezidaantiin... Read more »

Haleellaan saaybarii dhibbeentaa 90n hanqina itti fayyadamaatiin qaqqaba

Finfinnee: Haleellaan saaybarii dhibbeentaa 90 rakkoo itti fayyadamaan walqabatuun kan uumamu ta’uu Ejensii Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaa beeksise. Daarektarri Ittaanaan Ejensii Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaa Injinar Warquu Gaachanaa ibsa Jimaata darbe dhimmicharratti... Read more »

“Utuu teknolojiiwwanitti sirnaan fayyadamnee omishtummaa dachaan dabaluu dandeenya” -Doktar Daanyaachoo Lulee

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknolojiiwwan qonnaa adda addaa baasuu, madaqsuufi babal’isuudhaan akkasumas sanyiiwwan midhaaniifi beelladootaa omisha fooyya’aa kennan qorannoodhaan baasee omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Gareen hooggantoota inistiitiyuutichaan durfamu... Read more »

“Aadaa haammachuutiin waan guddanneef nama mitii bineensa bosonaayyuu ni madaqsina” -Artisti Lij Yaareed

Finfinnee: “Oromoon saba aadaa hammachuutiin of ijaare waan ta’eef nama mitii bineensa bosonaayyuu madaqsee ummata nagaadhaan  jiraatuudha” jedha Artisti Lij Yaareed gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen. Lij Yaareed aadaa haammachuu itti guddate... Read more »

“Naannoleen guddatoon bu’uura ‘abiyootaawwii dimokraasii’ hinqaban jedhamaa turre” -Obbo Yaaragaal Ayishashum

ADWUIn paartiilee biyyaalessaa naannolee afur qofa bakka bu’aniin paartiilee naannolee shan alatti dhiisuun waggoota 27 darbaniif biyya bulchaa ture. Adeemsa kana keessa paartiilee adda addaa naannolee guddatoo jedhamanitti socho’aa turan akka walitti... Read more »

Mawlidni baranaa haala tokkummaa biyyattii cimsuun akka kabajamu gaafatame

Finfinnee: Nabiyyuu Mohaammad Nabiyyoota ykn ergamtoota rabbi ummata Musliimaatiif erge keessaa isaan xumuraati. Hordoftoota amantii Islaamaa hedduu biratti jaalala olaanaa kan qaban Nabiyyuu Mohaammad, waantonni isaan bara jiruusaanii hojjatan hunda akka fakkeenya... Read more »

Finfinneetti warraaqsa raayyaa barnoota Afaan Oromoo

Finfinnee: Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Afaan Oromootiin barnoota idilee kennuu erga eegalee waggoota sadii ta’eera. Kanaanis  manneen barnootaa afur qofa keessatti hojiin baruu barsiisuu adeemsisamaa kan ture yoo ta’u, barana ammoo manneen barnootaa... Read more »