Lakkaawamuun misooma hundaaf tumsuudha

Lakkaawwiin ummataafi manaa misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattiin hordofaa jirtu fooyyessuutiin jireenya lammiilee jijjiiruuf qophii taasifamu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha. Kaayyoonsaa inni guddaanis dhimmoota bulchiinsaa, filannnoo, qophii karooraa, hordoffiifi deggarsaa, akkasumas qorannoo... Read more »

“Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuun biyyattiif boqonnaa haaraa uuma” -Doktar Girmaa Amantee

Amboo: Hayyoonni Doktar Biraanamasqal Abbabaa Sanyiifi Doktar Milkeessaa Miidhagaa jedhaman, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e faayidaalee ijoodha jedhan tarreessaniiru. Qabxiilee 25 isaan tarreessan keessaas mirga alloogummaa, mirga namtokkee, walqixxummaa... Read more »

“Paartiileen Oromoo walirratti dorgomnee sagalee sabaa hiruu hinqabnu”

Piroofesar Mararaa Guddinaa Finfinnee: Paartiin Madrak ji’oota sadan darban keessatti hoggansasaa jabeeffatee deebisee ijaaruuf yaaluusaafi hojii mootummaan hojjetaa jiru keessattis hanga ta’e qooda fudhachaa jiraachuu Pirezdaantiin Madrakiifi Durataa’aan Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO)... Read more »

Gurgurtaan Sheerii Odaa karooraan gadi ta’uun ibsame

Finfinnee: Kaampaaniin Sheerii Odaawarraaqsa dinagdee Oromiyaa akka tumsuuf hundaa’uyyuu gurgurtaan sheerii akkaataa karoorfameen deemaa akka hinjirre kaampaanichi beeksise. Hogganaan  Kaampaanii Sheerii Odaa, Obbo Isheetuu Zallaqaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka... Read more »

“Oromoon, Oromoo masaraa galchee rafuuf qofa miti kan qabsaa’e”

– Barreessituufi Qabsooftuu mirga namoomaa Seenaa Jimjimoo Finfinnee: Qabsoo yeroo dheeraa booda jijjiiramni akka biyyaatti dhufullee ammayyuu gaaffiileen Oromoo hedduu akka hindeebine Barreessituufi Qabsooftuun Mirga Namummaa, Seenaa Godaanaa Duulaa Jimjimoo Gaazexsaa Bariisaatiif... Read more »

Diinshootti qarshiin miiliyoona 160 qisaasameef qaamni gaafatamu hinargamne

-Dhaabbatichi Diinshoorraa Tumsaatti erga geeddaramee kaappitaallisaa dachaan dabaleera Finfinnee: Dhaabbanni qabeenya ODPn gaafa qabsoo hidhannoo keessa ture horateen akka hundeeffame himamu Diinshoon, hojiilee hawaas-dinagdee mootummaadhaan raawwatamuu hindandeenyerratti hirmaachuu kaayyeffatee hundeeffame. Keessumaa misoomaafi... Read more »

“Paartiin siyaasaa har’a hinamanamne boru mootummaa ta’ee amanamuu hindanda’u”

Doktar Abiyyi Ahmad TOI: Sanadiin waadaan itti galame Itoophiyaa hamaarraa kan oolchuufi kan ceesisu ta’uunsaa mirkanaa’uu akka qabu ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahmad dubbatan. Ministirri muummee kana kan dubbatan sirna mallattoo waadaa... Read more »

Mootummaan pirojektota ijaarsisaanii harkifate xumursiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira

Oromiyaatti pirojektonni misoomaa adda addaa jalqabamanii utuu hinxumuramin hafuufi duubatti harkifachuun hawaasa biratti komii guddaa uumaa tureera; uumaas jira. Bara bajataa kana mootummaan naannichaa pirojektota misoomaa jalqabaman xumursiisee tajaajilaaf akka oolan taasisuurratti... Read more »

Jiraattonni Olanciitii tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatan

Olanciitiin Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamtu yoo taatu, magaala guddoo aanaa Boosat ta’uun tajaajilaa jirti. Adaamaarraa kiiloo meetra 25 fagaattullee hawaasni magaalattiifi naannawashee yeroo dheeraaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun dararfamaa akka... Read more »

Ija godhannaa tattaaffiin Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Ministirri Muummeen Mootummaa RFDIfi dura taa’aan “IGAD”, tibbana biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Ertiraa, Solalee Laandi, Sudaan Kibbaafi Keeniyaa dura bu’oota biyyoota kanneen wajjin daaw’ataniiru. Keessumaa kan Keeniyaa wajjin Arbaamincitti ayyaana Adwaa... Read more »