Hanga Kibxata darbeetti filattoonni miiliyoona 28 galmaa’an

Finfinnee: Hanga Kibxata darbeetti filattoonni miiliyoona 28fi kuma 731fi 935 filachuuf kaardii fudhachuusaanii Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Galmeessi filattootaas hanga Caamsaa 6 bara 2013tti dheerateera.

Galmeessin filattootaa buufataalee filannoo kuma 41fi 798 irratti adeemsiifamaa kan jiru yoo ta’u, galmeessi filattootaas guyyaa qabameef dabalatee guyyoota 15 dabalataatti Naannoolee Affaariifi Somaaleen alatti hanga Ebla 29 bara 2013tti akka itti fufuu boordichii beeksisuun isaa ni yaadatama.

Yeroo kanatti tokkoffaa guyyoota ayyaanaa galmeessuun waan hindanda’amneef; lammaffaa, bakkoota buufataaleen namoota kuma tokkoofi 500 galmeessan irratti hanga buufataaleen xixxiqqoo dabalataan hundaa’anitti yeroo fudhachuusaatiin buufataalee kanneen irratti dhiibbaa uumuusaa boordiichi ibseera.

Kanuma xiyyeeffannaa keessa galchuun lammiileen hedduu kaardii filattootaa akka hinfudhannee boordichi hubachuusaatiin galmeessa filattootaa dheereessuu barbaachisuusaa beeksiseera.

Haaluma kanaan jiraattoooni bulchiinsa magaalootaafi naannoolee kanneenitti argaman gara buufata filannoo deemanii kaardii akka fudhataniifi, raawwachiistoonnifi qindeessitoonni boordichaa sanbata lamaan dabalatee hanga Caamsaa 06 bara 2013tti galmeessa fialttootaa akka raawwatan boordichi hubachiiseera.

Bariisaa Ebla 30 Bara 2013

Recommended For You