Imala waggoota 59 qamadii alaa galchuu dhaabuuf

 Finfinnee: Itoophiyaan biyya qabeenya uumaamaan badhate ta’uun ishee ni himamaaf. Ta’uus midhaan nyaataatiin of danda’u dadhabdee omishoota hedduu alaa galchuuf diqamteetti. Kanaanis waggaatti yoo xiqqaate dolaara biliyoona sadii akka baaftuudha ragaaleen kan mul’isan.

Keessumaa lafa qonnaafi haala qilleensaa mijataa omisha qamadiif toluu osoo qabduu waggaatti kuntaalaa miliyoona 17- 20 alaa bituun galchiti. Kana qofa osoo hintaane omishawwan bu’aalee qamadiis alaa galchuuf sharafa alaa baay’ee baafti.

Kanarraa ka’uun Ministirri Muummee Itoophiyaa omishaalee alaa galan kan biyyaatiin bakka buusuuf hojjetamuu akka qabu waggaa lama dura kallattii kennan. Mootummaan Naannoo Oromiyaas kallatticha fudhachuun bara darbe labsii ‘Adama Declaration 2020’ jedhamu labsuun qamadii jal’isiidhaan omishuuf kutannoo eegaluusaati Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaan kan ibsan.

 Akka ibsasaaniitti, hojii yaadicha milkeessuuf hojjetameen barri jalqabaa kan yeroo qophii kan ture yoo ta’u, bara kanas karoora qabame guutuutti milkeessuun dnada’ameera. Haala kanaan lafa lammataa hektaara kuma 300 irratti qamadii jal’isiidhaan misoomsuuf yaadamee isaa ol misoomuusaa kaasu. Gama omishaatiinis wayita ammaa omishni sassaabamaa kan jiru ta’us hanga kuntaala miliyoona 10 ni argama jedhamee akka eegamu ibsu.

Hojii kanaan omishni qamadii hektaararraa kuntaalli 103 argamuu eeranii, kun akka biyyaatti qofa osoo hintaane akka Afrikaattis isa guddicha jedhu. Qamadiin ganna omishamaa tures giddugaleessaan hektaararraa hanga kuntaala 30 inni turees kuntaala 50tti guddachuunsaa milkaa’ina argame ta’uu ibsu.

Qamadii bona omishamu kan kanaan dura Arsiifi Baalee keessatti qofa turees gara godinaalee Oromiyaa hundaatti babal’ifamuusaa kaasu.

Adeemsa hojiicha milkeessuu keessatti rakkooleen akka kutannoo dhabuu hoggansaa, miira hindanda’amuu, hubannoon dhibuu, hanqina bishaanii, hanqina sanyii, simbira girrisaafi kkf mudachuu eeru. Ta’us rakkoo kanneen dandamachuun qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, ogeessoonni, qoratonniifi hoggantoonni kutannoodhaan hojjechuun isa yaadame milkeessuu danda’aniiru.

Daarektarri Olaanaa Ejensii Tiraansifoormeeshinii Itoophiyaa Doktar Maandafroo Nigusee gamasaaniin, hojii qamadii alaa galchuu dhaabuuf hojjetameen Oromiyaan raawwii gaarii galmeesisuu kaasanii, naannoon Kibbaa garuu hojichatti seenuu hindandeenye; naannoleen Affaar, Amaaraafi Somaaleen ammo hanga karoorfatan hojjechuu hindandeenye jedhu.

Qamadii alaa galuu waggaa lama keessatti dhaabuun omisha biyya keessaatiin bakka buusuuf karoorfamuu eeranii, waggaa jalqabaa walakkaatti hiri’suu, waggaa lammataammoo guutiitti dhaabuu yoo ta’u, waggaa sadaffaa jechuunis ALA bara 2023tti omisha qamadii gara biyya alaatti erguuf hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Kanaafis hojiiwwan haalduree kanneen akka mankusaawwan ijaaruu, intarpiraayizoota kana qindeessan gurmeessuufi gabaa barbaaduun gamanumaa hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Akka ibsa Doktar Maandafrootti, muuxannoofi bu’aa omisha qamadiirratti argames gara omishaalee kaaniitti babal’isuun omishaalee kanneen akka sukkaaraa, zayitaafi kkf alaa galchuu dhaabuuf ni hojjetama.

Hojichi garuu akkaataa amma jiruun naannoo tokko qofti ittigaafatamummaadhaan kan hojjetu osoo hintaane, bifa walfakkaatuun naannoon hundi hojjechuun dirqama ta’uu kaasu. Kanaafis kuteenyummaa hoggansa Naannoo Oromiyaa akka fakkeenyaatti fudhachuu akka barbaachisuu eeranii, naannooleen haala jedhameen hinhojjenne lafa qabanirratti kanneen misoomsuu danda’an deemanii akka misomsan akka taasifamu hubachiisu.

 Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 30 Bara 2013

Recommended For You