Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 13fa dheengadda taa’een garee ABUTfi Shanee shoroorkessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo Mana Marii Ministirootaatiin dhiyaate sagalee guutuudhaan dheengadda raggaasisuunsaa ni yaadatama.
Lubbuun darbuu lammiilee, manca’inni qabeenyaa akkasumas buqqaatiin lammiilee iddoowwan garagaraatti waggoota sadan darbanitti uumaman keessa gareeleen kunniin akka harka qabanis ibsi Manni Maree Ministirootaa biraa Sanbata darbe bahe ni eera.
Erga mootummaan jijjiramaa gara aangootti dhufee as gareewwan ABUTfi Shanee kaayyoosaanii milkeeffachuuf lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa turuu, qabeenya barbadeessaa turuufi murtichi kan yeroosaa eeggate ta’uu miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataas dabalanii ibsaniiru.
Qaamoleen lamaan kunniin shororkeessummaan moggaafaman walamantaan mootummaafi ummata gidduu akka jiraatu ni taasisa jedhanii, gareen ABUT haleellaa humna ittisa biyyaarratti raawwateen tarkaanfiin irratti fudhatamuu kan malu ta’uun shorkeessummaan moggaasanii qaamolee deeggarsa gareewwan lamaaniif taasisaniifis akeekkachiisa gaarii ta’uu ibsaniiru.
Manni Maree Ministirootaas ABUTfi Shaneen yakka shororkaa kaayyoosaanii godhatanii socho’an akka jiran ibsuun, shororkeessummaadhaan akka moggaafamaniifi, yaada murtee kan dhiyeesse.
ABUT erga qabsoo hidhannootiin mootummaa Dargii kuffiisee aangoo biyyattii olaanaa qabatee booda waggoota 27f Itoophiyaa bulchaa ture. Haata’u malee haleellaa Onkoloolessa darbe raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate hordoofuun boordiin filannoo biyyaalessaa biyyattii seera qabeessummaa addichaa haqeera.
ABUT bulchiinsi mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee Caamsaa 11 bara 1967 qabsoo hidhannoo kan eegaleefi qabsoo hidhannoof ka’umsa kan ta’e immoo gartuu barattoota yunvarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraayiin hundeeffame.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan amma akka Shaneetti ibsamus wagggoota 30 oliif, akka waraana ABOtti beekama ture.
ABOn paartii karaa nagaatiin qabsaa’uuf boordii filanootiin galmaa’ee socho’aa jiruudha.
Dhimma kanarratti miidiyaalee adda addaatiif ibsa kan kennan abokaatoofi gorsaan seeraa Obbo Ammahaa Mokonnin, murnoonni kunniin yeroo dheeraadhaaf ummataafi biyyaaf yaaddoo nageenyaafi tasgabbii ta’aa waan turaniif sodaa ta’uunsaanii ni xiqqaata jechuun eeran.
Ittidabaluunis miseensa murnoota kanneenii ta’uufi haaluma kamiinuu isaan degagruun nama gaafachiisa jedhan.
Sinqinash Alamuutiin
Bariisaa Ebla 30 Bara 2013