Natsaannat Taaddasaatiin
Dargaggoo Nigusuu Gammachuu Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Jiddaa Ganda Nasirii Koosoo jedhamutti dhalatee guddate. Maatiinsaa ijoollee dhiiraa afuriifi dubaraa shan qabu. Innis maatiisaaf mucaa hangafaati. Maatiin isaa isa barsiisuurra hojii qonnaa akkanni hojjetu waan barbaadaniif umurii ijoollummaasaa hojii qonnaa waliin qabsoo taasisaa turuusaati dargaggoon kun gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen kan dubbatu.
“Abbaan kiyya daldalaa waan tureef yeroo maatii waliin baay’ee hinqabu ture. Kanaaf anis hojii qonnaa abbummaan hojjechuun dirqamakoo ture. Utuman kanaan jiruu abbaa koo meeshaa waraanaa daldalta jedhanii shakkuun qabuuf barbaaduu jalqaban. Gaaf tokko abbaa kiyya qabuuf barbaadanii dhabnaan ana qabanii waggaa torba natti murteessanii mana sirreessaa Shanoo na buusan. Kun bara 1995 ture. Turtiikoo mana sirreessaa keessatti hanga kutaa afuriitti baradheera, kana malees ogummaa uffata dhahuus baradheen yeroo adabbii koo waggaa torbaa xumureen ba’e” jedha.
Utuu inni mana sirreessaa jiruu humnootni nageenyaa mootummaa abbaasaa barbaadaa turuufi bara 1997 ajjeesuu kaasee, innis erga mana sirreessaatii ba’ee booda naxalaafii gaabii dhahuun jalqabuu hima. Haalli hojii isaaf mijachuu dinnaan gara Finfinnee dhufee hojii duraan jalqabe itti fufuun naxalaafi gaabii dhahuu ji’a ja’aaf hojjetee isa baasuu dinnaan gara hojii ijaarsaatti ce’ee hojjetaa jiraachuu ibsa. Yaadannoo abbaasaa kan keessasaa jiru baafachuuf jechas hojii aartii jalqabee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa hojii ijaarsaafi aartii walcinan hojjechaa jiraachuu jhima dargaggoon kun.
“Hojii aartii akkan jalqabuuf kan na kakaase aarii garaa koo keessa turedha. Ani sababa tokko maleen waggaa torbaaf hidhamee ba’e. Abbaan kiyyas waan balleessetti qabamee seeraan gaafatamuu utuu qabuu rasaasaan rukutanii ajjeesuun seera hinturre. Kunneen aarii guddaa na keessatti uumanii turan. Abbaa kiyya kan isaan ajjeesan utuunni mana sirreessaatti na gaafachuu dhufaa jiruuti” jedha.
Hojii aartii kanaan sirboota qeenxee torba kan baafate Dragaggoo Nigusuun, hiriyyaasaa yeroo ijoollummaa hanag inni mana hidhaadhaa ba’uutti isa eegde waliinis bultii dhaabbachuusaa ibsa. Wayita ammaas daa’imman durbaa lama horanii waliin jiraachaa kan jiran yoo ta’u, sirba jaalalaa tokko haadha warraasaaf baaseera.
Gara fuulduraatti hojii aartii kanaan itti fufee sirboota tokkummaa sabootaafi sablammootaa cimsaniifi gabbisanirratti xiyyeeffatee hojjechuu akka barbaadu eeree, hawwiisaa kana fiixaan baafachuun aartii Oromoo sadarkaa gaariirra ga’uuf qaamoleefi namootni dhuunfaa deggersa barbaachisu akka isaaf taasisaniif gaafateera.
“Hojii aartiitiin ergaawwan gurguddoo dabarsuun ni danda’ama. Hojiin aartii waan ta’aa jiru ni ibsa waan gara fuulduraatti ta’uu danda’us dursee hima gurra namaa buusa. Tokkummaa sabootaafi sablammoota biyyattii cimsuufi gabbisuun kan danda’amu hojii aartii qofaan utuu hintaane siyaasa biyyattii gara dhabee jiru gara giddugaleessaatti fiduun barbaachisaadha” jedha.
Hojii aartii keessatti ati garee sana deggerte ykn ammoo garee sana mormita jedhanii wal qooduun ni mul’ata kan jedhu Nigusuun, utuu siyaasni biyyatttii kallattii sirrii qabatee ummata daandii sirriirra oofe adda addummaan kun dhiphachaa dhufa jedhee akka yaadu ibsa.
Hojii ijaarsaatiin muuxannoo waggaa sagalii akka qabu kaase, ijaarsawwan magaalaa Finfinnee keessatti ijaaraman hedduurratti hirmatus muuxannoo horachuurraa kan hafe qarshiin ol ka’atellee akka hinqabne ibsa. Ijaarsa dhagaafi bilokeetiidhaan muuxannoofi ogummaa gaariis horachuu dubbata.
Akka dargaggoon kun jedhutti, jireenyi magaalaa Finfinnee baay’ee cimaadha. Galiin argataniifi baasiin walhinsimu. Wanti hojjetanii argatan kiraa manaafi qoonqoorraa hinhafu, isayyuu nama hinga’u. Ogummaa kana horachuusaatti garuu baay’ee gammadaadha.
“Utuun mana ijaarachuu barbaadee ijaarsaaf nama hinqacaru. Waggoota sagaliif humnaafi yerookoo gubee hojjedhee bu’aankoo ogummaan horadhe qofaadha. Hojiin ijaarsaa sababa hanqina ykn qaala’ina gatii simintoofi sibilaatiin yeroon itti qabbanaa’u ykn dhabamu jira. Yeroo kana mana kiraa kaffaluufi waan nyaatamu bitachuun rakkisaadha. Keessumaa erga weerarri vaayirasii koronaa mudatee as rakkoon hojdhabdummaa bal’inaa isa mudachaa jira” jedha.
Weerara vaayirasii koronaatii as hojiin ijaarsaa waan qabbanaa’eef yeroo baay’ee lafa taa’aan jira kan jedhu Nigusuun, yeroo qaala’inni jireenyaa daran dabalee jiru kanatti yeroo hunda hojjetaniiyyuu of jiraachisuun cimeera. Haalli nageenyaafi siyaasa biyyattiis hundumtuu hojii misoomaarratti of kennee akka hirmaatu kan kakaasu miti jedha.
Qaala’inni jireenyaa guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf keessumaa Finfinneetti jireenyi daran qaala’aa jiraachuu eeree, Finfinneetti hojii malee taa’uu mitii hojjetanii of jiraachisuunuu daran ulfaachaa jiraachuu ibsa.
“Haalli sisaasa biyyattii yeroo ammaa jiru jeeqamaadha. Rakkoo gama kanaan jiru furuudhaaf qaamoleen hundinuu arrabaan osoo hintaane tasgabbaa’anii furmaata barbaaduu qabu. Dhimmi siyaasaa warra siyaasaa geggeessaniin furamuu qaba. Qaamoleen hawaasaa biroon ammoo hojii irratti hirmaatan qofararatti utuu xiyyeeffatanii gaariidha jedheen hanga beekumsa koo gorsa dabarsaaf” jedha.
Bu’aan walitti bu’iinsaa lubbuun baduu, dhiigni dhangala’uu, lafeen cabuufi qabeenyaan barbadaa’uu ta’uu kan ibsu dargaggoon kun, lubbuun sababa walitti bu’iinsaatiin darbu maatii namni jalaa du’e sanarratti gaddaafi miidhaa guddaa akka qaqqabsiisu hima. Walitti bu’iinsa kutaalee biyyattii gara garaa keessatti mudachaa jiruun lubbuun lammiilee darbu akka qaama maatii keenya keessaa dhabameetti nutti dhaga’amuu qaba. Jedhee, rakkoon nageenyaa rakkoo hunda keenyaa waan ta’eef hundinuu dhimma nageenya mirkaneessuurratti utuu waliin hojjetee gaari ta’uu kaasa.
Rakkoon kamiyyuu mariifi tasgabbiidhaan furamuu qaba kan jedhu dargaggoon kun, arrabaan nageenya mirkaneessuun kan hindanda’amne ta’uu hunduu hubachuu akka qabuufi dhimmi nageenya mirkaneessu dhimma nama hundumaa akka ta’u dhaama.
“Ani kanaan dura hojiilee gara garaa hojjechuudhaaf yaaleera. Qonna qoteera, naxalaafi gaabii dhaheera, gargaaraa konkolaachisaas ta’eera, hojii daldalaas yaaleera, hojii aartii keessattis hirmaadheera, hojii ijaarsaas hojjedheera. Hojiileen irratti hirmaadhe kunneen irraa itti milkaa’uu baadhus ogummaa hedduu irraa horadheera. Gara fuulduraatti garuu qalbii koo sassaabbadhee hojiin na baasa ykn najiraachisa jedhee murteesse tokkorratti hirmaachuun barbaada” jedha.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013