Hanga kuftutti miti hanga milkooftutti yaali!

Namoonni jijjiiramaa hanga milkaa’anitti kufuu nidanda’u. Warri kufoon garuu hanga kufanitti yaalii godhu. Kufaatiin booda adeemsa isaanii nidhaabu. Haamileen isaanii kufuu irraa kan ka’e gaara isaan hinbaasu. Sodaan keessa isaanii jiru akka isaan bareedina gaara irra jiru hinarginetti isaan daangessa. Kan dandammatanii darbaniif garuu fiixee gaaraa irra bareedinatu jira.

Haalli nama hindeemsisne fakkaatu yoo nama mudatellee abdii kutachuu irraa of eeggachuun deemsa itti fufuun yeroo hamaan nama qunname isa itti aanuuf amala namaa kan ijaaru, jabinaan kan nama gonfu, kaayyoo qabaniif kan nama qopheessu sababa ta’eef utuu abdii hinkutatin deemsa itti fufuun gaaf tokko akka booda isaanii ilaaluun faayidaa bu’aa ba’ii keessa darbuu galateeffatan taasisa. Karaan irra deeman hangam yoo danqaa qabaate caccabsanii daandii ittiin ol ba’an gochuun hubannaa guddaadha.

Baay’een keenya waa’ee joobiraa dubbisneerra ta’a. Joobirri gosa allaattii ta’ee gosoota allaattii kan biraa caalaa bara dheeraa jiraata. Waggaa torbaatama jiraachuu danda’a. Garuu waggoota torbaatama kana kan inni taa’uu danda’u yoo of jijjiire qofa. Yeroon jijjiiramaa kun joobiraaf yeroo ulfaataafi hadhaa’aadha. Yeroo hamaa kana dandammatee darbuu yoo dadhabe garuu jiraachuun isaa goonkumaa hinyaadamu. Kanaaf  joobirri filannoo tokkittii qaba. Filannoon isaas jijjiirama yookaan du’a.

Jireenyatti turuuf yeroo hadha’aa keessa darbuutu isa irra jira. Waggaa afurtammaffaa isaatti qeensi isaa baay’ee guddachuu irraa kan ka’e hanga qabuufii dadhabutti ga’a. Ilkaanni isaas ciniinuufi nyaachuu nidadhaba. Baalleen isaa baay’ee guddachuu irraa kan ka’e ittiin barrisuu hindanda’u.  Joobirri jijjiirama diduun du’a isaa ariifachiisa.

Kanaaf du’a irra jijjiiramee jiraachuu filata. Gara fiixee gaaraatti ol ba’ee kan isa rakkise fiixee ilkaan isaa dhagaatti tumee of-irraa caccabsa. Baay’ee kan isa dhukkubu yoo ta’e illee du’a irra jireenya filata. Ilkaan isaa inni irraa caccabe yeroo deebi’ee guddatu itti fufee homaa qabuufii kan hindandeenye qeensa isaa of irraa bubuqqisa.

Qeensonni isaa guddachuufii yeroo jalqaban baay’ee dulloomuu irraa kan ka’e barrisuu kan isa daangesse baallee isaa of irraa bubuqqisa. Isaan kun hunduu biqilaniifii hojii jalqabuuf guyyoota dhibbaafi shantama isa fudhata. Kanaaf joobirri du’uu irra yeroo hadha’aa kana keessa darbuudhaan umurii isaa irratti waggoota soddoma itti fufee jiraata. Of-jijjiiruuf murteeffatee waan ka’eef yeroo malee du’uu oola.  Jijjiiramni sirriin kufaatiifi kasaaraa nama irra ga’uu danda’u irraa nama oolcha, milkoominaafis daandii ta’a.

Haa ta’u iyyuu malee jijjiiramnis ta’e milkoomni aarsaa nu gaafatu ni qabaata. Isa kanaaf immoo yeroo hundumaa of qopheessuun gaariidha. Jijjiiramni akka tasaa hindhufu. Duraan dursanii ofiif jijjiiramuus nigaafata. Namni tokko jijjiirama fiduuf duraan dursee ofii jijjiiramuu qaba. Jijjiirama yaadameef namoota ta’an ta’uu qabu. Jijjiirama nama kan biraa irraa eegan ta’anii argamuun murteessaadha. Egaa addunyaa jijjiiruuf namni dhuunfaan jijjiiramuun barbaachisaadha. Waa’ee jijjiirama nama biraas ta’e addunyaa utuu hinkaasin dura nuti jijjiiramuun murteessaadha.

Wanti baay’een barbaachisaan namni tokko hangam akka biyya lafaa irra jiraate, hangam akka horii argate yookaan hangam akka namoonni ilaalcha gaarii isaaf qaban, hangam akka namootni isa hordofan utuu hinta’in jijjiiramaaf ilaalcha gaarii inni calaqqisiisuudha. Jijjiiramni angafa waan hundumaa ta’e jijjiirama ilaalchaa ti.

Ilaalchi namaa hojii isaa irratti dhiibbaa qaba. Ilaalcha gaarii namni qabu daandii ittiin bakka yaade ga’u, guca hindhaamne nama of harkaa qabu, akka nama aduu bariitti gala galee gaaddidduun isaa booda deebitee, ilalchi gaariin firii garii qaba. Walumaagalatti ilaalcha sirrii qabaachuun murteessaadha. Jireenyi nu’i jiraannu calaqqee ilaalcha keenyaati.

Kanaaf jijjiirama fiduuf duraan dursinee nuti jijjiiramuu qabna. Wantoota gaarii simachuufi hamaa dhiisuu danda’uu, dhiibbaa hamaa irraa of qoqqobbachuu, sammuu keenya beekumsaan sooruu, yeroo keenya nama ceepha’uutti utuu hinta’in waan gaarii hojjechuufi yaaduutti dabarsuufi yeroo ganama kaanu yaada gaariin guyyicha eegaluun barbaachisaadha.

Sababiin isaa ilmi namaa firii yaada isaati. Wantoonni hedduun ilaalcha keenyaan eegalu; isumaanis xumuramu. Ilaalchi namootaa akka isaan dhaabbata tokkoon barbaadaman nigodha. Ilaalchi akka isaan hojii irraa geggeeffamaniifis sababa nita’a. Fakkeenyaaf namni tokko daldalaaf yoo barbaadamee yeroo gaaffiifi deebii qacaramuu irratti daqiiqaa shan keessatti si’a shan hinkolfu yoo ta’e, hojii kana argachuuf carraa inni qabu yaraadha.

Akkasumas namni bulchiinsa irra hojjetu tokko hojjetaaf ilaalchi inni qabu bayeessa miti yoo ta’e, carraa inni hojii kana irra turu yaraadha. Fakkeenyaaf dhiyeenya kana qorannoon maamiltoota dhaabbilee daldalaa irratti ta’e waan hedduu nama ajaa’ibsiisu ture. Maaliif dhaabbanni daldalaa tokko tokko deebi’anii akka maamiltoonni hindhaqne yeroo gaafatamanitti akkas jechuun deebisan. “Ilaalchi abbootii qabeenyaa, bulchitoonni dhaabbilee, manneen daldalaa isaan bira dhaqaniif yookiin maamiltootaaf gaarii miti yookaan hinjaallannu” jedhan.

 Rakkoo ilaalcha ofiifis ta’e namootaaf qabnu irratti hojjechuun jijjiiramni akka dhufu gochuun baay’ee barbaachisaadha. Fakkeenyaaf hojii tokko jibbaa yoo hojjenna ta’e gama nu jibbisiisuun utuu hinta’in gama gaarummaa isaas yaaduun gaariidha. As keessatti hojichi nu haa jibbisiisuyyuu malee hojii qabaachuu keenya yaaduun ilaalchi keenya akka al-ta’umsa hintaane gochuun gaariidha.

Hangamyyuu hojiin nu’i itti jirru yoo nu nuffisiise yookaan nu jibbisiise utuu itti hinyaadin hatattamaan gadi dhiisuun sirrii miti. Gama gaarummaa isaa ilaalaa hojii keenya yoo itti fufne dhagaan guddaan turtii keessa caccaabee tulluurra dhaabatnu nuuf ta’a. Geggeessaan garuu hanga dandaa’ametti lafa ga’uun irra jiru beekuu, mul’ata kanaaf jiraachuu, sammuun, maashaan, nerviin, guutummaan qaamasaa lafa ga’uun irra jiru kan isaa godhachuu, jijjiirama fiduuf jedhu kanaaf faallaa kan ta’e irraa adda ba’uufi yaada hindandaa’amu jedhutti hiikamuu qaba.

Kanaaf namni tokko ilaalcha ofiif qabu fooyyeffachuu qaba. Namni addunya kanarratti sirriitti na fakkaatu tokkollee akka hinjirre; wanti nu’i gumaachinu kan keenyaafi nuu alatti kan hinargamne; kan keenya kan ta’e kamiyyuu irratti ajajuu kan danda’u nu qofa ta’uu isaa; mul’ata keenyaaf itti gaafatama akka qabnu, mo’ichaafi milkaa’ina keenya kan dhuunfatu nu akka ta’e, kufaatiifi dogongora keenyaaf sababiin nu ta’uu isaa hubachuun ilaalcha ofiif qabnu fooyyeffachuun gaariidha.

Ilaalchi nu’i ofiif qabnu waan hojjennus ta’e geggeessummaa keenyarratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroo tokko namni waa’ee geggeessummaarratti leenjii kennuuf jedhu qarshii abbaa dhibbaa haaraa ta’e tokko ol kaasee, “namoota leenji’an keessaa namni dhuma leenjiirratti qarshii kana fudhattanii galuu barbaaddan jirtu?” jedhee gaafate. Namoonni hedduun harka ol kaasan.

Itti fufee qarshii sana harka isaatiin sukkuumee erga jedhee booda ammas tarii isa baay’ee sukkuumame kana namni fudhachuu barbaadu yoo jiraate gaafate. Ammas namoonni hedduun harka ol kaasan. Ammas utuu hin kenniniif yeroo sadaffaaf qarshicha lafa buusee irra ejjetee, lafatti sukkuumee erga bututeefi xuraa’e booda fiixee isaa qabee lafaa fuudhuun ammas namootni fudhachuu barbaadan yoo jiraataniif gaafate. Ammas namoota hedduutu harka baase. Isaan booda akkas jedhe, “Firoota koo, waan guddaa tokko bartaniittu jedheen amana. Qarshiin kun bareedaas ta’e, sukkuumamees, lafa bu’ee yoo rirriitamee xuraa’e illee ammayyuu barbaadamaadha.

Sababnisaa sukkumames, xuraa’es, lafatti dhiitames gatii isaa hinhir’isne. Gatiin isaa ammayyuu qarshii dhabba” jedhe. Itti fufuun “Hundumti keenya haala nu marsee jiru, jireenya keessa jirru olitti baay’ee barbaachisoodha. Haalli keenya gatii keenya gadi hinbuusu” jedhe. Yeroo tokko tokko geggeessittonni haala addaa addaarraa kan ka’e ilaalchi isaan ofiif qaban gadi bu’aa ta’a. Haa ta’u iyyuu malee gatii nuti qabnu wanti gadi buusu homtuu hinjiru.  

Kanaaf namni geggeessaa sirrii ta’u ilaalcha isaa sirreeffachuu, akka nama gatii hinqabnee, akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaaluurraa yaada isaa kaasuu qaba. Yoo akkas ta’e qofa malee akka geggeessaa tokkootti haalli keessa darbinus ta’e kanneen nu mudatan ilaalcha ofii keenyaaf qabnu akka gadi bu’u gochuu danda’u. Kanaaf yoo nu’i eyyamneef malee bakka ga’uun nu irra jirus ta’e wanta hojjechuu qabnu haalli kamyyuu daangessuu hindanda’u.

Egaa jijjiiramni nama ilaalchi isaa jijjiirameen dhufa. Geggeessaan tokko jijjiirama fiduuf duraan dursee ofii jijjiiramuutu irra jira. Ilaalchi nu’i ofii keenyaaf qabnu yoo jijjiiramuu baate attamitti jijjiirma fiduu dandeenya? Tarii baay’een keenya waa’ee Kaaroliiy Takaksii (Karoly Takacs) nama jedhamuu dhageenyeerra ta’a. Namni kun dhuka’aan harki isaa inni mirgaan yeroo irraa cite abdii kutatee gara boodaatti hindeebine.

Oloompikiirratti harka mirgaan meeshaa (shugguxii) meetira digdamii shan irratti dhukaasuun kan dorgomu yeroo ta’u, harki isaa inni mirgaan inni ittiin dhukaasu waan irraa citeef si’achi dorgomuudhaaf kan hindandeenye akka ta’e bara 1936 yoo dhaga’e illee, nama hindandeenyes namoota baay’eetti yoo fakkaatellee bara 1938 booda dorgumuudhaaf of qopheesse.

Namoota hindandeessu ittiin jedhan baay’ee wajjin wal loleera. Mul’ata mo’ichaa cimaa waan qabuuf akka dhuka’aan tokkichi isa hinajjeesnes sirriitti nidubbata ture. Kanaaf biyya Hangarii keessatti bifa eenyuyyuu hinamanneen dorgomee warra fayyaa ta’an injifate.

Itti fufee dorgommii Olompikii isa bara 1940 dorgomuuf yoo qophaa’ellee sababa loliisa addunyaa isa lammaffaaf dorgommiin olompikii bara 1940fi 1944 hingeggeeffamne. Haa ta’u iyyuu malee dorgommii isa bara 1948 Londonitti eeguudhaan harka bitaan dorgomee injifate. Kanaaf maqaan isaa dorgommii Oloompikii keessatti maqaa guddaa warra qaban keessatti galmeeffame. Ilaalchi nu’i ofiif qabnu adeemsa keenya keessatti murteessaadha. Ilaalcha attamiis ofiif qabdaa?

“Namootni mo’amoon yeroo kufan hojii nidhaabu; namootni jijjiiramaa garuu hamma milkaa’anitti nikufu”

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You