Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Waltajjii marii ‘Kaardii filannoo nan fudhadhaa, sababaan nan filadha’ jedhufi ‘waliigaltee waloo caalmaa bilisummaa yaadaaf’ jedhuun qopheessu Waldaan Dargagoota Finfinnee ibse.
Pirezidaantiin waldichaa Dargagoo Gazahanyi G/maariyaam ibsa midiiyaaleef kennaniin, kaayyoon waltajjii marii qophaa’ee dargaggoo bilisummaa yaadaatti amanu uumuuf, adeemsa filannoo kessatti ittigaafatamummaan dargaggootaa maal akka ta’e beeksisuufi dargaggoota dhibbaa miidiyaalee hawaasaarra bilisa ta’an uumuudha.
Biyyattiin boqonnaa seenaa keessa jirti. Boqonnaan kunimmoo rakkoofi gufuun kan guutame ta’ullee rakkoofi gufuun muudachaa jiru ishee balleessuufi bittimsuuf osoo hin taane akka warqee ibidaaan qoramu qoramtee injifannoon akka dhaabbattu kan dandeesiisu waan ta’eef dargaggoonni kadhannaa taasiisufi waan biyyaaf malu hojjechuu qabu jedhaniiru.
Haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu kanatti filannoon biyyaalessaa marsaan jahaffa adeemsifamuun boqonnaa seenaa biyyatti biraati jedhanii,filannoo gaggeesuun sirna dimookraasii ijaaruufi lammiileen mootumaa barbaadanniin akka hogganaman waan taasiisuf filannoon marsaa 6fa nagaa qabeessaafi bilisa akka ta’uu fedhii qabaachuu himaniiru.
Abbootiin amantaa, artiistoonni, namootni beekamoofi jaarsooliin biyyaa dhaamsi nagaa biyyaatiif dabarsaa turaan kan jajjabeeffamuu qabu yoo ta’u ammas uummanni kaardii filannoo fudhachuun fulduree biyyaattii akka murteessuu taasiisuu keessatti hojii hubannoo uumuu hojjeechuun ittigaafatamummaa gamasaanii bahachuu qabu jechuun beeksiisaniiru.
Bareessaa waldichaa Dargaggoo Yihunanyi Mahaammad gamasaatiin akka himeetti,waldaa Dargaggoota Finfinnee waggoottan 23 hojjeete keessatti maqaan gaariin hinyaadatamu ture.Wayita ammaa garuu dhiibbaa qaama kamirraayyuu bilisa ta’uusaa waltajjii qaamoota hawaasaa hunda hirmaachisee qopheessuusaarraa hubachuun nidanda’ama.
Waldaan Dargaggoota Finfinnee mirga,bilisumaafi fayyadamummaa dargagoota Finfinnee mirkaneessuuf kan hojjeetu ta’uu eeranii, waliigaltee waloo jechuun Itoophiyaanoonni rakkoo keessa jiraachuun, hiyeessa ta’uun, guddiinaafi nagaa barbaaduurratti waan waliigalluuf dhimmoota kanarratti daangaa malee mari’achuun rakkoolee mul’atan furuun akka danda’amu ibsaniiru.
Mariitti aanee filannoon furtuu rakkoolee biyyatti muudachaa jiruuti.Sababnisaas waan darbee yaadachaa,kan keessa jirru hubachaa fuulduree ittin murteessuuf kan tajaajilu filannoo waan ta’eef kaardii filannoo fudhachuun bilisummaa, walqixxummaa, guddina, nagaafi fayyadamummaa kan ittin mirkaneeffannu jedhaniiru.
Kaardii filannoo fudhachuu carraa qaama bakka nu bu’uu kan ittin filannuufi qaama bakka nu hinbuunemmoo ittiin adabnu kan nu kennuufi lammii Itoophiyaa waan taaneef, lubbuun waan jirruf, dandeettii hubachuufi murteessuu waan qabnuuf carraa filachuu arganne kanatti sirnaan ittifayyadamuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013