Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara bajataa kanatti galii qarshii biiliyoona 44 walitti qabuuf karoorfatee raawwii ji’oota sagliin qarshii biiliyoona 32.3 walitti qabuu ibseera.
Kunis kan ibsame sirna beekamtii kennuu kanfaltoota gibiraa amanamummaadhaan dirqamasaanii bahaniif dheengadda Paarkii Michummaatti qophaa’erratti yemmuu ta’u, guyyichattis kanfaltoota gibiraa 178 ta’aniif beekamtiin kennameera.
Biiroon galiiwwan bulchiinsa magaalatti erga hoggansa dubartootaa dhibbantaa 50 taasiseen booda raawwii gaarii irra jiraachuu kan himan Kantiibaa Ittaantuu Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, raawwiin bara kanaa immoo isa bara darbeen yemmuu madaalamu qarshii biiliyoona sadii ykn dhibbantaa 14 daballii argisiisuusaa dubbataniiru.
Hawaasni daldalaa dirqamasaa akka bahatuuf humnaan dirqamsiisuu irra hubannoo kanfaltii gibiraa kennuun akka faayidaa qabu himanii, kanaanis kanfaltoota gibiraa haqummaadhaan waan isaan irraa eegamu bahatan baay’inaan horachuun cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu yeroo biyyattiin abdiifi sodaa gidduu jirtu kanatti hawaasni daldalaa dinagdee biyyattii utubuudhaaf kanfaltii isarraa eeggamu yeroodhaan bahachuusaatiif immoo beekamtii kennuun dirqama ta’uusaafi sagantichi qophaa’uufi haqummaa, amanamummaafi kaka’uumsa hojii caalmaa qabu kan dabalu ta’uus himaniiru.
Daldaltootni beekamtii argatan kunniin waggaa tokkoof tajaajila kamuu irratti hiriira osoo hineeggatiin kan keessummeeffaman ta’uunis ibsameera.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013