Ofeeggannoon dhibee koviid 19 yeroo kamiyyuu caalaa cimee itti fufuu qaba

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Kovid-19 dhibee daddarbaa yeroo gabaabaa keessatti addunyaa mara walga’uun miidhaa guddaa qaqqabsiiseefi qaqqabsiisaa jiruudha. Dhibeen kun karaa salphaa akkuma daddarbu karaa salphaa ofirraa ittisuu dandeenya.

Dhibeen kun tuttuqqii, haxxiffannaafi qufaadhaan nama dhibechaan qabamerraa gara nama biraatti darbuu danda’a. Aguuggii afaaniifi funyaanii fayyadamuun, harka saamuunaafi bishaaniin ykn saniitaayizariin yeroo yeroon qulqulleeffachuun, ija, funyaaniifi afaan tuttuquu dhiisuun, walirraa fageenya qaamaa hanga meetira lamaatti eeggachuun, yeroo haxxiffanuufi qufaanu afaaniifi funyaan keenya aguuguufi mana turuun maloota dhibee koviid-19 ofirraa ittisuuf gargaaraniidha.

Dhibeen kun bara darbe sadarkaa addunyaattis ta’e Itoophiyaatti yeroo mul’ate sodaafi of eegganaan hawaasaa daran olaanaa ture. Yeroo tatamsa’inni dhibee kanaa sadarkaa addunyaattis ta’e biyya keenyaatti dabalaa jirutti ammoo of eeggannaan hawaasaa gad bu’aa jiraachuun balaa guddaa qaba. Sababa dhibee kanaatiin hanga kaleessa sa’aatii boodaatti addunyaarraa namootni miliyoona sadiifi kuma 88fi 273,Itoophiyaatti namootnikuma sadiifi 496,Oromiyaatti ammoo namootni 433  dhibee koviid 19n lubbuunsaanii darbuu ragaan ‘worldometers.info’ Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni ibsa.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, Daarektara Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaafi Qorannoo Fayyaa Obbo Gammachuu Shuumii ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, tamsa’inni weerara vaayirasii koronaa ykn dhibee koviid 19 keessumaa ji’oota sadan darbanii as daran dabalaa jira. Lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii, du’aniifi kutaa wal’aansaa cimaa keessatti yaalamaa jiraniis yeroo gara yerootti dabalaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Namoota guyyaa guyyaan qorataman keessaa % 30 vaayirasichaan kan qabaman ta’uu himanii, baay’inni namoota dhukkubichi itti cimee maashiiniidhaan fayyadamuudhaan hargananiis daran dabalaa jira. Ji’a lamaa as guyyaatti lakkoofsi namoota dhukkubichi itti cime 160 ga’aa jira. Wiirtuuleen tajaajila wal’aansa dhibee koviid 19 kennaa jiranis humnaa ol dhukkubsatoota simatanii tajaajila kennaa jiru.  Kanarraa ka’uun dhibichi hangam hammaachaa akka jiru tilmaamuun ni danda’ama jedhu.

Dhibichi saffisaan babal’achaa jiraachuun walqabatee of eeggannoon hawaasni taasisaa jiru baay’ee kan hafu ta’uu himanii, ji’a tokkoo as erga Ministeerri Fayyaa qajeelfama bifa haaraadhaan akka hojiirra oolu taasisee as of eeggannaa hawaasni naannichaa taasisuurratti jijjiiramni tokko tokko jira. Akka waliigalaatti of eeggannoon sadarkaa hawaasaafi dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa tajaajiloota hawaas dinagdee adda addaa kennan biratti taasifamaa jiru jijjiirama muraasa haqabaatan malee aguuggii afaaniifi funyaanii fayyadamuu, fageenya qaamaa eeguufi, harka saamuunaafi bishaaniin ykn saniitaayizariin yeroo yeroon qulqulleeffachuun walqabatee dagannaafi hanqinni kan jiru ta’uu himaniiru.

Hanga ammaatti naannichaatti namootni dhibichaan qabaman kuma 34tti hiiqaa kan jiru ta’uu himanii, kanneen sababa dhibichaatiin lubbuunsaanii darbe ammoo 420 oliidha. Kana jechuun dhibeen koviid 19 saffisaan tatamsa’aa jiraachuufi namoota hedduu miidhaa akka jiraachuu agarsiisa. Hawaasni, qooda fudhattoonniifi qaamoleen gara garaa miidhaa dhibeen kun qaqqabsiisaa jiru sirriitti hubachuudhaan yeroo kamiyyuu caalaa of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Facaatiin dhibee kanaa yeroo ammaa godinaalee, aanaaleefi  magaalota hunda walga’ee jiraachuu eeranii, dhibeen kun kutaa hawaasaa hunda miidhaa jira. hawaasni keenya kana hubachuudhaan sadarkaa hundatti of eeggannoo barbaachisu hunda taasisuu ykn maloota dhibecha of irraa ittisuuf gargaaran hunda hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni qophii ayyaana faasikaafi sooma ramadaanaan walqabatee of eeggannoo barbaachisu hunda taasisuudhaan yeroo hammaataa kana akka darbuuf dhaamsa dabarsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You