Waldaan Daawwachiiftoota Turistii Oromiyaa har’a hunda’a

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Daawwachiiftoota turistii Oromiyaa keessa aanaadhaa hanga godinaatti bifa bittinaa’een hojjetaa turan bakka tokkotti walitti fiduun rakkoo damicharra jiru furuu akka barbaachisu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) ibse.

Biirichatti Daarektarri Dhaabbilee Tajaajila Turizimii Obbo Asfaawu Mangistuu  ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, daawwahiiftonni kunneen bakka tokkotti utuu walitti dhufanii ogummaafi muuxannoo qaban walitti fiduun hojii cimaa hojjechuu akka danda’an ibsaniiru. Kana malees leenjiiwwan biyya keessaafi alaa argachuu, karooraafi qorannoo hojii waloo qabaachuu, deggarsa bajataa argachuu, waldaa turistoota biyyaaleessaa waliinis walitti hidhamiinsa uumuufi faayidaalee biroollee akka qabu himaniiru.

Dabalataanis bakkeewwan hawwata turistii bakka garagaraa jiran waldaadhaan yoo beekaman, turistoota biyya alaa waliin illee hidhata akka qabaatan taasisuu akka danda’amu eeranii, turistoota naamusa gaarii hinqabneefi maqaa naannolee, turistoota biroo, hoteelootaa balleessaniifi amala badaa qaban illee sarara beekamaa keessa galchuun adda baasuuf akka gargaaru addeessaniiru.

Akka ibsa Obbo Asfaawutti, mootummaan xiyyeeffannaa damee turizimiitiif kenneen onnachiiftuwwan garagaraa kanneen akka konkolaataa kennuufaa dabalatee dhaabbilee daawwachiiftootaaf kan qopheesse yoo ta’u, carraa kanallee fayyadamuuf waldaadhaan gurmaa’uun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Haala kanaan waldaaleen daawwachiiftoota 38 ta’an seera qabeessan galmaa’anii Oromiyaa keessa hojjetaa turan guyyaa har’aa irraa kaasee waldaa tokko jalatti kan hundaa’an ta’a jedhaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You