Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Godina Jimmaatti omishtoota dammaaf gaagurri ammayyaa kuma 17 raabsamuusaa Waajjirri Misooma Qabeenya Beeladaa godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Mahaammadxahaa Abbaafiixaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhaniitti, omisha baranaatiin omisha dammaa toonii kuma 25 ol omishuuf karoorfamee toonii kuma 21 omishuun danda’ameera.
Godinni Jimmaa yeroo gabaabaa keessatti omisha dammaatiin jijjirama jajjabeeffamuu fiduun akka biyyaatti beekamtii argachaa jiraachuu eeranii, omishtoonnii waldaan ijaaramuun waggaatti toonii kuma 20 omishuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Omishichi gaagura aadaa miliyoona 1.5, gaagura ammayyaa kuma 102 irratti gaggeeffamaa jira jedhanii, haalli qilleensaafi teessuma lafaa godinichaa omishaa dammaaf mijataa ta’uu eeraniiru.
Wayita ammaa gaagura aadaarraa hanga damma kiloogiraama 12 omishuun yoo danda’ameelle, kan omishamaa jiru garuu hanga kiloogiraama torbaa ta’uu kaasanii, gaagura ammayyaarrammoo hanga kiloogiraama 60 omishuun osoo danda’amuu kilogiraamni 35 qoftiu omishamaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis gaagura ammayyaa kuma 17 omishtoota dammaaf raabsuun danda’ameera jedhu.
Kannisaaf haalli mijataan uumamnaan guyyoota 21 keessatti damma omishuun akka danda’amu kan ibsan Obbo Mohaammadxahaan, haala mijataa barbaachisu uumuun waggaatti yeroo sadii qofa damma murachuurra guyyoota 21, 21n murachuuf waajjirrifi omishtoonni tumsa barbaachisu taasiisuun yeroo dhiyoo as hojiin Oromiyaa galaana dammaa taasiisuuf hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Kana malees, loowwan diqaalomsuun omisha bu’aalee loonii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, waggaa kanatti loowwan kuma 10 diqaaloomsuuf karoorfamee kuma saddeetiifi 200 diqaalomsuu danda’amuu himaniiru.
Godinni Jimmaa qabeenya loonii miliyoona afuriifi qabeenya kannisaa miliyoona lamaa ol kan qabdu yoo ta’u, kanaanis loowwan dhibbantaa 75 diqaalomanii guyyaatti aannan litira 12 kan kennan yoo ta’u, kanneen dhibbantaa 50 diqaaloman hanga liitira torbaa kennu jedhaniiru.
Akka ibsa ittigaafatamichaatti, hojii diqaaloomsuun wayita hojjeetamaa jiru sanyiin dura biyya keessa jiru akka hinbanne of eggannoon taasifamaa akka hojjetamu eeranii, misoomni qabeenya beeladaa xiyyeeffannoo barbaachisu argannaan guddina biyyaafis ta’e fayyaa hawaasaaf bu’aa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013