Gammachuu Kadiriin
Sooddoo: Tajaajilli intarneetii saffiisaa ‘4G LTE’ rijinii Kibba Kibba Lixaa, magaaloota ja’aatti eegale.
Teknoloojii dijiitalaa saffisaafi qulqullina qabu lammilee biyyattii biraan ga’uuf hojjechaa kan jiru Itiyoo telekoom magaalota ja’a naannoo Kibbaa jalatti argaman jechuunis, Walaayittaa Sooddoo, arbaa Minci, Buttaajiraa, Walqixxee, Jiinkaafi Hoosaa’inaatti tajaajilasaa eegaleera.
Gaggessituun Hojii Itiyoo Telekoom Durbee Firehiwoot Taammiruu sirna jalqabsiisa tajaajila ‘4G LTE’ Walaayittaatti gaggeeffamerratti argamuun haasawaa taasisaniin, tajaajila kaampaniichaa fooyyessuuf tarsimoo saffisaa, qulqullinaafi bu’uuraalee misooma neetwoorkii diriirsuu irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan akka caasaa kaanpaaanichaatti riijinii Kibba kibba dhihaatti (South South west region) tajaajila teknolojii dijitaalaa ‘4G LTE’ eegalchiisu danda’aamuu kaasanii, fuuldurattis magaalonni 103 biraan tajaajilicha ga’uuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Akka ibsa Dubree Firehiwootitti, tajaajila interneetii saffisaafi qulqullina qabuun sochii jireenya hawaas diingideefi siyaasaa lammileen biyyattii guyyaa guyyaan gaggeessan si’ataa taasisun omishaafi bitataa gidduutti odeeffannoo si’ataa qulqullina qabu dabarsuun misoomsa biyyaatttii mirkaneessuu keeessatti shoorri ‘4G LTE’n qabu olaanaadha.
“Teknolojiin kun fayyadamummaa dingidee mirkaneessuu, godaansa lammileen teknolojii fooyyaa’aa barbaachaaf taasisan hambisuun bakkuma jiranitti fayyadamoo ta’uun naannawaa isaanii akka misoomsan taasisa. Yeroo tatamsa’inni weerara vaayirasii Koviid 19 biyyoota addunyaaf qormaata ta’e kanattis carraa hojiii uumuu, tajaajila baruufi barsiisuu, fayyaa lammiilee mirkaneessuuf teknolojichi barbaachisaadha. Daladala keessattis hariiroo lammileen baankiilee waliin qaban si’ataa taasisuu hojiin daldalaa akka addaan hincinnen taasisuu keessatti shoorri teknoloojii dijitaalaa ‘4G LTE’n qabu olaanaadha” jedhu. Saffisni teknolojii ‘4G LTE’ kan duraan ture saffisa ‘3G’ dachaa sadiin kan caaluuudha kan jedhan Dubree Firehiwoot magaalota ja’an keessatti tajaajilli kun yeroo eegalutti, baay’inni maamiloota Kaampaanii Itiyoo Telekoom kuma 610 irra ga’uusaa addeessaniiru.
Bulchaan Godina Walaayittaa Doktar Indiriyaas Geetaa gamasaaniin, godinni Walaayittaa sochii hawaas dinagdeefi siyaasaa qabdu keessatti fayyadamaa tekinolojichaa ta’uun guddinaafi misooma magaalattii dhugoomsuu keessatti shoora olaana qaba jechuun Kaampaanii Itiyoo Telekom galateeffattaniiiru.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013