Aramaa Pirosoppii omisha Simintoof

  • Gama kanaan baasii Yuuroo miiliyoona 3.5 hambisuun ni danda’ama

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Aramaan ykn mukni Pirosoppii jedhamu kun iddoowwan garagaraatti maqaa addaddaatiin beekama. Sanyii mukaa yeroo gabaabaa keessatti lafa bal’aa weeraruudhaan dhuunfachuu danda’u yemmuu ta’u, bishaan lafa keessaa baay’ee kan fayyadamu ta’uusaatiin magarisummaansaa waqtii bonaattis kan baduu miti.

Mukni qoreen itti baay’atu kun irra jireessaan naannolee akka, Affaar, Somaalee, bahafi kibba baha Oromiyaa, baha Amaaraafi naannoo Kibbaatti baay’inaan kan argamu yemmuu ta’u, lafa qonnaan bulaa weeraruudhaan rakkoo cimaa ta’ee qaqqabsiisuun maqaansaa hedduminaan ka’aa tureera.

Aramaan ykn mukni akka diina qonnaan bulaatti lakka’amaa ture kun immoo miidhaa qofa osoo hintaane faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu Gamtaa Awurooppaatti Gorsaa omisha Simintoo kan ta’an Obbo Addisuu Amaaree waltajjii marii tibbana Finfinneetti adeemsifamerratti ni dubbatu.

Naannoo Affaar qofatti lafa naannichaa keessaa dhibbnataa 12.3 aramaa kanaan uwwifamee kan jiru ta’uu himanii, biqiltuu akka sodaa qofatti maqaansaa ka’aa ture kana faayidaarra oolchuuf qorannoowwan garagaraa adeemsifamaa turuu ibsu.

Keessattuu omisha simintoo keessatti shoorri aramaan kun qabu olaanaa waan ta’eef aramaa kana galtee omisha simintoo gochuudhaaf warshaalee simintootiif hojiin hubannoo uumuu kennamaa jiraachuu dubbatu.

Baasii omisha simintoo keessaa  dhibbantaan 40 kan oolu baasii anniisaatiif ta’uu kan himan immoo Gaggeessaa Hojii Warshaa Simintoo Naashinal Obbo Gazahanyi Hamzaa, aramaan pirosoppii kun immoo anniisaa omisha simintootiif oolu kan of keessaa qabu ta’uusaa waan barameef yeroo ammaa isatti fayyadamuuf sochii eegaluusaanii ibsu.

Dhaabbanisaanii bara darbe gara biyya Kuubaatti imaluudhaan haala biqiltuu kana omisha simintootiif oolchuun danda’amu irratti muuxannoo gaarii fudhachuu himanii,  yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galuufis haaldureewwan xumuramuu dubbatu.

Itoophiyaan waggatti galtee omisha simintootiif oolu kana biyya alaatii galchuuf yuuroo miiliyoona 3.5 baasii akka taasistu ragaan damichan jiru ni ibsa.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You