“Damee turizimii guddisuuf seerri mootummaafi seektarri dhuunfaa ittiin hojjetan qophaa’a jira” -Komishinar Lalisee Dhugaa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Oromiyaan damee turizimiirraa fayyadamtuu akk taatuuf seerriHariiroo Mootummaafi Namoota Dhuunfaa (Public Private Partnership) qopha’aa jiraachuufi bara bajataa 2014tti hojiirra akka oolu Komishiniin Turizimii Oromiyaa (KTO) beeksise.

Komishinarri Komishinichaa Aadde Lalisee Dhugaa gaafdeebii dheengadda waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Oromiyaan qabeenya turizimiitiin kan badhaate taatus siyaas-dinagdeen sirnoota darbanii kan bu’uureeffate gara Kaabaa qofa waan tureef faayidaa malu hinarganne. Kanarraa kan ka’e bu’uuraaleen misoomaas bakkeewwan hawata turistiitti waan hinbabal’anneef  turistoonni qabeenyashee daawwachuu hindandeenye.

Mootummaan naannichaa rakkoo damicharra jiru hubachuun KTO hundeessuun erga hojiitti seenee ji’oota sagal ta’uu eeranii, wayita ammaas hojiileen dhaabbata hundeessuu, biraandii komishinichaa ‘Visit Oromia’ beeksisuu, hojjettoota mindeessuu, seerotaafi karoora tarsiimowaa qopheessuufi kanneen biroo raawwatamuu ibsu. Haala kanaan  waggoota shanan dhufanitti bakkeewwan hawwata turistiitiin Oromiyaan Itoophiyaa keessaa sadarkaa duraatti fiduun namoota kuma 500 oliif carraa hojii banuu akkasumas, waggoota 15tti ammoo Afrikaarraa tokkooffaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hawata turistii Itoophiyaa gaafa jedhamu Aksumiifi Laalibalaa qofti eeramuu hinqaban kan jedhan komishinarri kun,  gaarreen, tulluwwan, haroowwan, burqaawwan,  biqiltuuwwan, simbiroonni Oromiyaa beekamuu qabu. Namni biqiltuu bunaafi mukkeen baay’ee ilaaluuf barbaadu Iluubbaabooraafi Wallaggaa deemuu qaba. Boorana paarkiin biyyaaleessaa jiraachuun isaa baramuu akka qabu addeessaniiru.  

“Hojiin fuulduratti KTO misooma bakkeewwan turizimiiti. Bakkeewwan hawwata turistii akka ta’aniif yaadne kanneen akka Ilubbaabooraa, Jimmaa, Wallagga, Baalee, Boorana, Harargeefi iddoo birootti bu’uuraaleen misoomaa akkasumas rizoortiiwwanifi hoteloonni akka ijaaraman taasisuun nurra jira. Kanammoo mootummaan qofaasaa hojjechuu waan hindandeenyeef seera hariiroo mootummaafi namoota dhuunfaa (Public Private Partnership) baasuuf jenna. Kanas dhihootti raggaasisuun waggaa dhufu hojiirra ooluu eegalla” jedhu.

Qabeenyawwan turizimii Oromiyaan qabdu beeksisuuf miidiyaa idileefi hawaasummaa fayyadamuun cinaatti Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uusaanii kan himan Aadde Laliseen, bakka buutotasaanii 120tiin  barreeffamoota Oromiyaa beeksisan raabsuu, terminaala biyyooleessaarrattis wiirtuu odeeffannoo turistii hundeessuu, barruu ‘Selamta’ irratti bakkeewwan hawata turistii Oromiyaa maxxansuufi kkf irratti waliigalteerra ga’aamuu dubbataniiru.

Kana malees Booleetti  wiirtuu odeeffannoo turistii guddaa fuulleerrattibanuuf yaadamuu kaasaniiru.

Komishinichi hambaaleen akka haromfamaniif Abbaataayitaa Eegumsa Hambaaleefi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin hojjechaa jiraachuu eeranii,  dhiheenyatti  dhaabbanni Ispeen yuuroo kuma 160 ramaduun pirojektii Masaraa Kumsaa Morodaa haaromsuuf sochiin eegalameera; kanas waliin kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Wayita komishinichi hojiilee kanneen raawwatu namoonni wanti mootummaan hojjetu yeroo hunda badaadha ilaalcha jedhu qaban of sirreessuun waan ummataaf bu’aa buusu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. 

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You