Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsa guddichaa erga jalqabdee waggoonni 10 lakka’amanis fayyadamtoonni yaa’a lagichaa Misiriifi Sudaan ammayyuu hinliqimfamne. Mariin biyyoonni sadan (Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir) dhimmicharratti yeroo garagaraa adeemsisanis hanga yoonaatti waliigaltee ija qaburra hingeenye.
Si’a tokko, qorannoo gaggeessuu kan qabu nuyi, si’a kaan qaama sadaffaatiin haa ilaalamuufi kkf jechaa waggoonni 10 darbaniiru. Marii dheengadda taasifameen ammoo inumaayyuu dhimmi keenya Gamtaa AwurooppaafiAmeerikaatiin malee kan Afrikaatiin hinilaalamu jedhanii diddaasaanii itti fufaniiru. Sababa bishaan hinkaasne dhiheessuudhaan isuma akka qamaleen damma hattee nyaatte quuftee qabamtee, boollarra utaali ittiin jennaan dadhabdee “Sabbata aayyootu na danqe” jette sanaa ta’e.
Mootummaan Itoophiyaa garuu dhimmicha dippiloomaasiidhaan hiikuuf yaalii guddaa kan taasise yoo ta’u, isa dhiheenyaa kanarrattis yaadni Misiriifi Sudaan waan hinliqifmaneefif addummaadhaan baateetti. Dhimmicha ilaalchisuun Ministirri Ministeera Bishaan, Jal’isiifi Iinarjii Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa, Misiriifi Sudaan itti gaafatamummaa Gamtaa Afrikaaf laatame xiqqeessuuf yaaliin taasisaan fudhatama akka hinqabneefi sababa kanaanis yeroon bal’aa dhumuu ibsu.
Ministrichi marii biyyoota sadanii ministirota dhimma alaafi bishaanii Rippaabliika Diimookraatawaa Koongoo magaalaa Kinshaasaatti dhiyeenya kana taasifamerratti ibsa kennaniiru. Marii biyyoota sadanii Gamtaan Afrikaa hoggane kana Afirkaa Kibbaa, Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa tajjabdumman irratti hirmaatanii turan.
Misiriifi Sudaan biyyoonni kunneen gaheen isaanii tajjabdummarra darbee “Maarii kana keessaatti haa hirmatan, akkasumas, Afrikaan Kibbaa taajjabdummaa keessaa haa baatu” yaada jedhu dhiheessanis Itoophiyaan fudhatama dhabsiisuushee Doktar Injinar Silashiin ni himu.
Raafamuu ejjennoo Misiriifi Sudaan kanaa hayyoonni siyaasaa mala yeroo bitachuu akka ta’edha kan ibsan. Barsiisaa Tasfaayee Jimaa, Yunvarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Federaalizimiifi Bulchiinsaa yoo ta’an, yaada kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, biyyooni lamaan yeroo yerootti ejjennoosaanii jijjiiruudhaan hidhichi akka fiixaan hinbaaneefi Itoophiyaan dingadeedhaan akka of hindandeenyeef socho’aa jiru; yeroo bitachaa jiru jedhu.
Oggaa yeroo bitatan kanatti lamaan isaanii harka maratanii akka hinteenye eeranii, isaan duuba keessumaa Ameerikaan akka jirtu agarsiisawwan garagaraa jiraachuu kaasu.
Kanaaf ammoo carraa banaafii kan jiru haala biyya keessatti mul’atu ta’uu kan kaasan barsiisaan kun, keessumaa paartileen gamaa gamanaa walitti wacuun, sabaafi sablamoota gidduu waldhabdeen uumamuun, namoonni faayidaan isaanii tuqame qarshiidhaan bitamanii isaan faana hiriiran jiraachuufi kkfn akkasaan didanii itti fufan gargaareera jedhu.
Itoophiyaan garuu ammayyuu ejjennooshee cimsattee ittifufuu akka qabdu kan eeran Barsiisaa Tasfaayeen, ummannis hidhichi qarshiisaatiin ijaaramaa wan jiruuf tumsa barbaachisu ni taasisa jedhanii akka amanan ibsu. Misiriifi Sudaan tarii seenaa Itoophiyaa yoo dagatan malee ummanni biyyattii hammam yoo waldhabeefi walitti bu’e waa’ee biyyasaarratti of irra waan hindeebineef sodaan tokkollee akka hinjirre himu.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013
5 Comments to ““Sabbata aayyootu na danqee” Mala yeroo bitachuu Misiriifi Sudaan”