Kutaa Qophiitiin
Finfinnee: Bitooteessi 24 bara 2003fi Bitooteessi 24 bara 2010 seenaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qabu. Inni jalqabaa yaada “ni danda’ama” jedhuun ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa tokko jedhee kan itti eegalamedha.
Hidhichi abdii Itoophiyaanootaafi Itoophiyaa yoo ta’u, haati hiyyeessaa sabbatasheerraa qunxurtee deggarsa taasifteetti. Humna Itoophiyaanootaatiin ijaaramuuf kan karoorfame hidhichi, waggaa shan keessatti ni xumurama jedhamee yaadamus qarshiin ilmaan hiyyeessaarraa sassabame irbaata saamtootaafi hattootaa ta’e. Namni hundi bakka abdii kutattetti waggaa sadii har’aa mootummaan jijjiiramaa qabsoo ilmaan biyyattittiin gara aangootti yommuu dhufu lubbuun itti deebi’e.
Hoggansi jijjiiramaa Bitooteessa 24 bara 2010 aangoo qabate qabsoo xiiqii erga taasiseen booda gara hoggansaatti kan dhufe yoo ta’u, yeroo sanatti biyyattiin sadarkaa diigamuurra turte jechuun ni danda’ama. Waggoota sadeen kanneenitti jijjiramoonni ajaa’ibsiisoofi yeroo gabaabaa keessatti raawwatamuu ni danda’u jedhamanii hinyaadamne gama siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin galmaa’aniiru. Kana jechuun garuu imalli jijjiiramichaa milkaa’ina qofaan kan guutame ture jechuu miti. Keessumaa qaamonni faayidaafi aangoonsaanii tuqame biyyattii raasaniiru; ammallee raasuuf munyuuqaa jiru. Ta’us hoggansi jijjiiramaa hundee jabaarratti waan ijaarameef biyyattii kuffisuu hindandeenye.
Hayyuun Dinagdeefi Siyaasaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa jijjiirama dhufe ilaalchisuun yaada tibbana OBN’f kennaniin, “Biyya kanatti xiqqaadha, guddaadha otoo hinjedhin walduukaa deemnee qixxummaan guddana. Tokko nyaataa kaan otoo agabuu hinbuliin walqabannee gara fuulduraatti deemna kan jedhuudha yaadni Oromoo. Kun egaa dhugaadhuma jireenya Oromoo wajjin walqabateedha” jedhu.
Hoggansa jijjiiramaarratti Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos Durataa’aan Paartii Dimokraasii Soshaalii Itoophiyaa akka jedhanitti, wanti hundi halkan tokkoon haa ta’u jedhanii walhudhuurra waa hunda obsaan mo’achuun daandii sirriidha. Namoonni siyaasa beekan halkan tokkoon jijjiiramni akka hindhufne osoo beekanii ummata gara hintaanetti ofuurra ofiis tasgabbaa’anii ijaarsa biyyaarratti hirmaachuu qabu jedhu.
Siyaasni biyyattii jijjiiramaan dura abbootiidhuma aangoo yeroosiitiin iyyuu madaalamee ga’umsa kan hinqabne turuu kaasanii, waggoota 27 guutuu olaantummaan seeraa dhibee biyya abbaan fedhe hatee, waliin dhaheefi ajjeesee keessa jiraatu akkasumas hirmaachisummaa hinqabne turuu ibsu.
“Jijjiiramana as hojiileen hedduu raawwatamaniiru. Hirmaachisummaan dabaleera; hariiroon biyyoota ollaa waliin qabnu fooyya’eera; damee dinagdeetiin hojiilee gurguddoon hojjetamaniiru; firin hojiilee kanneen fuulduratti kan ilaalamu ta’a. Jijjiiramoonni mul’atan garuu hanga sadarkaa godaatti bu’anii hawaasa fayyadamaa taasisaa waan hinjirreef isarratti hojjetamuu qaba” jedhu.
Gama biraatiin, Komishinarri Ittaanaa Komishinii Pilaaniifi Misoomaa Doktar Namarraa Gabayyoo DhPI’f akka ibsanitti, waggoota sadan hoggansa jijjiiramaatti damee dinagdee fooyyeessuuf tarkaanfiiwwan gurguddoon fudhatamaniiru. Kunis haala qulqullina qabuun kan raawwatame ta’uu dubbatu. “Bulchiinsa dinagdee maakiroo ilaalchisuun rakkoolee gama maallaqa, taaksiifi imaammata fiiskaalii hiikuun danda’ameera. Gama kanaan mootummaan galii ofiisaatiin sassaabuu eegaleera; galiin isaas guddateera. Akka waliigalaatti damee dinagdeetiin hojiiwwan jajjabeessoon hojjetamaniiru” jedhu.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013
7 Comments to “Bitooteessa 24: Jalqabbii imala jijjiiramaa Itoophiyaa”