Finfinneetti sagantaa seftineetiitiin namoota kuma 415 oliif liqiin kenname

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Magaalaa Finfinneetti namoonni kuma 766fi 800 ol jireenya hiyyummaan gadii jiraatu. Isaan keessaa namoota kuma 415fi 923 ykn dibbantaa 55 kanneen ta’an eeggattummaa jalaa baasuuf hojjetamaa tureera.

Haaluma kanaan bara 2009 irraa kaasee wabii midhaan nyaataan akka of danda’aniif namoota hojjechuuf humna qaban sakatta’uun hojiiwwan misoomaa garagaraarratti akka bobba’an taasifamuu Ejensiin Wabii Midhaan Nyaataafi Seftineetii Misoomawaa Magaalaa Finfinnee ni ibsa.

Daarektarri ejensichaa Obbo Asaamminaw Geeraawarqi ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin sochichi lammiileen magaalattii wabii midhaan nyaataan akka of danda’aniif deggarsa taasifamudha jedhaniiru.

Warreen humna qaban hojiiwwan misoomaa kunuunsa kosii gogaa, misooma magariisaa, daldalaafi qonna magaalaarratti bobbaafamuu eeranii, warreen dadhaboo ta’animmoo adda baasuun kallattiidhaan tajaajila seftineetii jalatti akka hammataman hojjetamaa turuu dubbataniiru.

Lammiilee sarara hiyyummaa jala jiraatan kanneen dhaabbiin ijaaruuf tajaajila seftineetii kennamuufii cinatti hojiilee misoomaa gara garaarratti akka bobba’an hojii hojjetameen lammiilee kuma 343  ta’aniif deggarsi maallaqaa biliyoona lamaa ol taasifamuu ibsaniiru.

Deggarsa maallaqaa kennameefii kanaan hojiilee garagaraarratti bobba’uun galiisaanii fooyyessaa kan jiran hedduu ta’uus ibsanii, turtii waggaa kudhanii keessatti of cimsuun eeggattummaa jalaa baasuuf ciminaan akka hojjetamu eeraniiru.

Seftineetii jalatti hammatamuun hiyyummaa hir’isa jechuu miti kan jedhan daarektarichi sochii namoota hiyyummaa jala jiran utubuufi cimsuuf eegalame kanaan eeggattummaa jalaa isaan baasuuf toorri xiyyeeffannoo taa’ee irratti hojjetamaa akka jirudha kan hubachiisan.

Akka ibsasaaniitti, namoota seftineetii jalatti hammatamanii jiran cimsuuf  sochii bara 2009 eegaleen turtii waggaa sadii keessatti qarshiin miliyoona 425.5 baasii ta’eera. Waliinga’insarratti hanqinni jiraatus furuuf hojjetaa jirra jedhaniiru.

Namoota seftineetiin deggaramaa jiraniifi misooma qonna magaalarratti bobba’an dubbisne keessaa jiraattuu Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa torbaa kan ta’an Aadde Ma’aazaa Hayilee isaan tokko.

Kanan dura seftineetii jalatti hammatamanii deggarsa kennamaafii tureen jiraachaa kan turan yoo ta’u yeroo ammaatti liqaa kennameefii kuma 14tti fayyadamuun qonna magaalaa miseensota 45 hammatame keessatti bobba’uu kaasu.

Akka ibsasaaniitti, raafuu, qoosxaafi dammaa misoomsuun  galiin miseensotasaanii fooyya’aa jiraacuu dubbattu. Ta’us galiin hojicharraa argamu miseensota kanaaf gahaa akka hintaaneefi hojiin dabalataa kennamuufii akka qabu gaafatu.

Aadde Yewubdaar Katamaas jiraattuu Kutaa Magaalaa Gullallee yoo ta’an, godaansa biyya Arabaarraa deebi’anii seftineetii jalatti deggaramaa jiru. Yeroo ammaatti liqaa hojii gaggeessituu kennameefii kuma 14tti fayyadamuun daldala uffata aadaa banataniiru.

Deggarsi seftineetiin kennamuufiin jireenya harkaa gara afaanii jalaa ba’aanii daldala uffata aadaa banachuun jireenyasaaniifi maatiisaanii fooyyessaa jiraachuu eeranii, daraggoonni hirkattummaa jala jiran hammatamuu  akka qabnis dhaamaniiru.

Tajaajilli liqaa kennamuu eegale kun jireenya lammiilee harka qalleeyyii eeggattummaa jalatti kufan fooyyessaa jiraachuu kaasuun fuldurattis cimanii hojjechuun hiyyummaa seenaa gochuuf hojjetaa akka jiran ibsu.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

4 Comments to “Finfinneetti sagantaa seftineetiitiin namoota kuma 415 oliif liqiin kenname”

  1. Pingback: พอต
  2. Pingback: iTunes gift card
  3. Pingback: Food Recipes

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *