Harariitti hidhichaaf qarshiin miliyoona 56 ol walittiqabame

Sinqinash Alamuutiin

Finfinne: Akka naannoo Harariitti sosochii hawaasaa bittaa boondii tibbana aanaalee sadiitti taasifameen qarshii miliyoona sadii walitti qabuun danda’ameera. Sosochichi abbootii qabeenyaa hanga baratootaatti kan hirmaachise ta’uu, Waajjirri Mana Marii Waltaasisa Hirmaannaa Ummataa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Naannoo Hararii ibse.

Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Harariifi Barreessaan waajjirichaa Obbo Abdulmaliik Mahammad  ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti,  wayita  jijjiramaaf qabsoon taasifamaa turetti sochiin bittaa boondiif taasifamaa ture hanga barbaadamu kan hinturre yoo ta’u, wayita ammaa haala hidhichi irra jiru ilaaluun ummanni hamilee horateera. Gama kanaan sosochii Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasisaa ture akka biyyaatti fakkeenyummaan kan eeramu waan ta’eef sagantaa muuxannoo waljijjiirru qophaa’eera.

Akka naannichaatti erga ijaarsa hidhichaa eegalee boondiin bitamuu eegalee hanga yoonaa qarshiin miliyoona 56 ol walitti qabamuu eeranii, kunis qarshiin miliyoona 46 gurgurtaa boondiin kan argame yoo ta’u miliyoonni 10 ammoo gargaarsaan kan walitti qabame ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni boondii bitate kana akkuma waan hindeebineetti ilaaluun bitachuusaafi ammas hidhicha milkeessuuf hamilee olaanaan socho’aa jiraachuu kan kaasan Obbo Abdulmaliik, qaala’ina jireenyaa wayita ammaa muudaten walqabatee hawaasni hanga waadaa gale kennuuf harki gabaabbate malee gargaarsa barbaachisu taasisuuf hamilee guddaan socho’aa jira jedhaniiru.

Keessumaa Aanaan Hakiim karoora qabate dhibbaantaa dhibba milkeessuu kan danda’e ta’uu eeranii, aanaaleen biroos hanga barbaadamu ta’uu baatuus sochiin jiru jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Qaamni hawaasaa hundi waa’ee hidha haaromsaarratti odeeffannoo gahaa qabaachuu kaasanii, kanarraa ka’uunis wantoota ijaarsa hidhichaa gufachiisan hunda bira darbuun fixaan ba’iinsasaaf tumsu hunduu taasisu abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsa hidhichaa xumuruun fudhatamummaa Itoophiyaan addunyaarratti qabdu daran waan dabaluuf hawaasni ammas deggarsaa akka itti fufu waamichasaanii dhiheessaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa Obbo Qinaaxxii Caalaa gamasaaniin Waajjirri Mana Marii Waltaasisa Hirmaannaa Ummataa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa erga sadakaa sadarkaatti hundeeffamee  keessumaa, kabaja waggaa 10fa waliin walqabatee sadarkaa aanaafi godinaatti sochiin taasifamaa jiraachuufi torbee dhufu keessa bal’inaan ittideemuuf karoorfamuusaa himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

One Comment to “Harariitti hidhichaaf qarshiin miliyoona 56 ol walittiqabame”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *