“Qaala’insi gabaa hanqina dhiyeessii osoo hintaane kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraati” – Abdii Muummad

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraa wajjin walqabatee daballiin gatii gabaa humnaa ol ta’aa jiraachuu Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa beeksise.

Daarektarri Ittaanaa ejensiichaa Obbo Abdii Muummad ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf dheengadda kennaniin, komii daballii gatii gabaa akka biyyatti ka’aa jiruuf sababni rakkoo dhiyeessii osoo hintaane kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraati jedhaniiru.

Ejensiinsaanii  qonna ammayyaa babal’isuuf yeroorraa yerootti galteewwan qonnaa gatii madaalawaan qonnaan bulaaf dhiyeessaa oomishaaf oomishtumman akka dabalu hojjetaa turuu kaasaniiru.

Hojii gama kanan hojjetameen oomshni sassaabamee jiru olaanaafi gahaa ta’uu eeranii, ta’us daldaltoonni seeraan alaa hordoffii hinqabne gara qonnaan bulaatti gadi bu’uun qarshii dabalanii bituun mankuusaa keessa dhoksanii kaa’aa akka jiran yaadachiisaniiru.

Oomishaaleen kallattiin dura gabaa giddu galaaf karaa waldaalee dhiyaatan seermaleeyyii kanaan sakaalamuun qaala’insi gabaa akka uumamu sababa ta’uusaaniis kaasaniiru.

Akka Obbo Abdiin jedhanitti, komii hawaasni gama kanaan kaasaa jiru qabatamaan ilaaluuf qorannaa gaggeeffameen oomisaaleen hedduu seeraan ala mankuusaa daldaltoota seermaleeyyii keessa kuufamanii jiraachuu irra ga’ameera.

Tarkaanfiifi hordoffiin qaamota kanarratti fudhatamaa jiru laaffachuusaan walqabatee qaala’insi gabaa uumamuu kaasanii mootumman xiyyeeffannoo kennee irratti hojjecuu akka qabu himaniiru. Bu’aa qorannoosaanii kana bu’uura godhacuun seermaleeyyii kanarratti tarkaanfii mootummaan fudhatu akka cimuuf beeksisuusaaniis ibsaniiru.

Daldaltoota dhuunfaan alattis waldaaleen seermaleeyyii ta’aniifi miirri ittigaafatamummaa itti hindhaga’amne hojmaata badaa akkasii keessaa harka qabaachuu ibsanii, warreen akkasiirratti tarkaanfii sirreessaa fudhachaa akka deemanis hubaciisaniiru.

Rakkoo battalaa qaala’insa gabaan walqabatee mudate kana furuufis dhiyeessiin oomisalee karaa waldaalee akka gaggeeffamuuf haalli mijataa ummamaa jiraachuu ibsanii yeroo ammattis jijjiiramni akka jiru kaasaniiru. Keessumattuu baazaariifi egzibiishinii gara garaa qopheessuun dhiyeessiileen bu’uuraa lammiileef barbaachisan wiirtuu tokkotti akka argamaniif hojiin jajjabeessaa hojjetamaa jira jedhaniiru.

Lammiileenis kana beekanii daldaltoota seermaleeyyii kanarraa akka of qusataniifi yoo arganis haaluma kanaan dura barameen eeruu laachuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu taasisuu akka qaban gaafataniiru.

Rakkoo walitti hidhaminsa gabaan walqabatee alseerotaaf haalli mijataa uumamuu akka sababa dabalataatti kan kaasan Obbo Abdiin wiirtuu bittaa gurgurtaa oomishni qonnaan bulaa itti dhiyaatu  babal’isaa akka jiran ibsaniiru.

Qindoomina  mootummaa, hawaasniifi qaamonni dhimmisaa ilaallatu taasisaniin qaala’insi gatii gabaa seeramaleeyyiin qaqqabaa jiru kan dhabamsiifamu waan ta’eef tumsaan hojjechuun barbaacisaadha jedhaniiru. 

Seeramaleeyyiin akkanaa farra badhaadhinaa Itoophiyaa ta’uus kaasanii, tarkaanfiin kabachiisa  olaantummaa seeraa fudhatamuu cimuu akka qabu dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013

Recommended For You

4 Comments to ““Qaala’insi gabaa hanqina dhiyeessii osoo hintaane kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraati” – Abdii Muummad”

  1. Pingback: altogel login

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *