Dhaabbilee nyaataafi dhugaatii yeroon irradarbe raabsaa turanirratti tarkaanfiin fudhatame

 Sinqinash Alamuu

Finfinnee: Abbaan Taayitaa To’annoofi Hordoffii Nyaata, Dhugaatiifi Kunuunsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee sakatta’a taasiseen dhaabbilee nyaataafi dhugaatii yeroon fayyadamaasaanii irra darbe raabsaa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame.

Abbaa taayitichaa ogeessi to’annoo, karooraafi madaallii nyaata, dhugaatiifi kunuunsaa fayyaa Obbo Asmallaash Dargaasoo ibsa Roobii darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, manneen kuusaa dhugaatiiwwan biiraafi lallaaffaa yeroon fayyadamaasaa irra darbe raabsaa turan, manneen foonii foon yeroo dheeraaf tursiisuun mana nyaataatti fayyadamaa turan, wantoota nyaataaf hinoolle daakuu xaafiitti dabaluun biddeensaa hawaasaaf dhiyeessaa turaniifi kanneen baala sammuu hadoochuufi shiishaafaa dargagootaaf dhiyeessanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatameera.

Miidhaa tamboo xuuxuun fayyaafi dinagdeerraan ga’urratti hordoffii dhimmoota nyaataa, dawaafi kunuunsa fayyaa ilaalchisee qaamota hawaasaa biroofi daldaltootaarratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa akka ture beeksisaniiru.

Abbaan taayitichaa eegumsa fayyaafi faalama naannoorrattis hordoffiifi to’annoo kan taasisaa ture ta’uufi kanaanis hojii boonsaa galmeessisuu eeree, wayita hordofiifi to’annaan taasifamaa turetti dawaaleen yeroon fayyadamaa irra darbee argamuu, dhaabbileen sadarkaasaanii hinmalleen oli hojjechuu, qorichoonni nagahee malee bitaman jiraachuufi nyaataafi dhugaatii yeroon irra darbe hawaasaaf dhiyaachuu akka bira gahe himaniiru.

Tarkaanfii fudhatameenis dhaabbileen 83f ofeeggannoon kennamuu, manneen maasaajii sadii tokko tokkoonsaanii qarshii kuma shan shan akka adabamaniifi kaanimmoo akka saamsaman taasifamuu, akaakuuwwan nyaataa garagaraa kiiloo giraamni kuma 976fi 200fi dhugaatiin liitirri kuma 355fi 840 dhabamsiifamuufi walumaagalatti wantoonni fayyaa namaa miidhan qarshii miliyoona afur, kuma 976fi 308tti tilmaamamu dhabamsiifamuu ibsaniiru.

Hojii to’annoofi hordoffii abbaan taayitichaa qabatee hawaasni abbummaan akka hordofuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa ture akka ittifufuufi hawaasa fayyaalessa horachuun Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Bariisaa Bitootessa 4/2013

Recommended For You

2 Comments to “Dhaabbilee nyaataafi dhugaatii yeroon irradarbe raabsaa turanirratti tarkaanfiin fudhatame”

  1. Pingback: noonoo.org

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *