Tajaajila hawaasaa Yunivarsitiin Dambi Dolloo ummata naannawaatiif kennaa jiru

Natsaannat Taaddasaatiin

Dambi Dolloo: Yunivarsitiin Dambi Dolloo qo’annoofi qorannoo adeemsisaa jiruufi tajaajila hawaasaa kennaa jiruun rakkoolee hedduu furuun fayyadamummaa hawaasa naannawaa mirkaneessaa jira. Yunivarsitichi bara 2010 hojii baruu barsiisuu kan jalqabe yoo ta’u, hojiilee tajaajila hawaasaa kennaa jiruun yunivarsitiiwwan buleeyyii gad miti.

Pirezidaantii Ittaanaan Damee Baruu Barsiisuu yunivarsitichaa Doktar Bulii Yohaannis ibsa dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, yunivarsitiin Dambi Dolloo bara 2010 hojii kan jalqabe yoo ta’u, tajaajila hawaasaa kennaa jiruun yunivarsitoota buleeyyii gad miti. Qo’annoofi qorannoo yunivarsitichi adeemsisaa jirus rakkoolee hawaasa naannawaattis ta’e biyyaattii furuurratti kan xiyyeeffataniidha jedhu.

Yunivarsitichi Hospitaala Waliigalaa Dambi Dolloo bara bajataa dhufurraa eegalee ofitti fudhadhuun tajaajila fayyaa hawaasaa caalaatti mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, mana barumsaa bultii addaa sadarkaa lammaffaa yaadannoo Doktar Nagaasoo Gidaadaatiin moggaafametti ammoo barattoota kutaa 9fa 240 simatee barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Yunivarsitichatti barsiisaa Kollejii Fayyaafi tajaajila hawaasaarra kan hojjetan Pirofeesara Gargaaraa Dassaalany Shifarraa gamasaaniin akka himanitti, yunivarsitichi tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aa raawwachaa jira. Tajaajila hawaasaa kanaan leenjiiwwaniifi gorsi ogummaa gara garaa kennamaafi pirojektoti tajaajila hawaasaa mirkaneessan hedduun raawwataa jiraachuu himu.

Hawaasni naannawa yunivarsitichaa jiru irra jireessaan qonnaan bulaa ta’uu himanii, yunivarsitichi humna qabuun rakkoolee hawaasichaa qoratee furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Yunivarsitichi barana laga Meexxii jal’isuudhaan hawaasni naannawichaa lafa heektaara 60 ol beelladootni irra dheedaa turan tiraakteraan qotuudhaan jallisiidhaan akka misoomu taasiseera. Qonaan bultoota omisha jal’isii kanarratti hirmaataniif sanyii filatamaa, xaa’oofi qoricha aramaa kan dhiyeessaniifi hanga Finfinneetti walitti hidhamiinsa gabaa kan uumaniif ta’uus eeraniiru.

Yunivarsitichi Mana Barumsaa Sadarkaa 2fa Qellem umurii dheeriifi seenaa guddaa qabu modela gochuuf hojjechaa jiraachuu himanii, mana barumsichaatti barumsi qulqullina qabu akka kennamuuf meeshaaleen barnootaa, laaboraatoorii, ‘ICT’ fi mana kitaabaa guutuuf pirojektoonni adda addaa qophaa’anii yeroo ammaa pirojektiin ijaarsa dallaa mana barumsichaa meetira 300 dheeratu dursa argatee bilookeetiidhaan ijaaramaa jiraachuu eeru.

Yunivarsitichi Hospitaala waliigalaa Dambi Dolloo waliin ta’uudhaan tajaajila fayyaa kennaa jira kan jedhan Pirofeesarri Gargaaraan kun, doktoronni meedikaalaa yunivarsitichaas hojii baruufi barsiisuun ala ogummaa isaaniitiin hospitaalicha keessaa hojjechuun hawaasni tajaajila fayyaa barbaadu akka argatu taasisaa jiru. Tajaajilli gorsa yunivarsitichi wiirtuulee ja’arratti kennaa tures caalaatti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Barana yunivarsitichi barattoota naannawaa kuma ja’aafi 250 oliif deggersa meeshaalee barnootaa kan taasiseef ta’uu himanii, deggersi meeshaalee barnootaa yunivarsitichi barana barattootaafi waajjiraalee barnootaa godinicha jala jiraniif taasise qarshiitti yoo tilmaamame miliyoona 2.5 ol ta’a. Hawaasni naannawaa tajaajilaafi faayidaa argachuu malu hedduu kan qabu ta’uus himaniiru.

Yunivarsitichi rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuudhaafis magaalaa Dambi Dolloo keessatti pirojektii sheedota gara garaa dargaggoota 90 oliif carraa hojii uumu adeemsifamaa jiraachuu kan himan Pirofeesarri gargaaraan kun, kana malees biqiltuuwwan gosa gara garaa nyaataaf olaniifi madaallii haala qilleensa naannawaa eegan bal’inaan qopheessaa jiraachuu himu.

Yunivarsitichi yeroo ammaa sanyii loonii filatamoo omisha aannanii fooyya’aa kennan horsiisaa jiraachuu eeranii, horsiisa qurxummiifi lukkuu jalqabuufis qophiin barbaachisu xumurameera. Omisha qurxummii jalqabuuf kan hafe sanyii qurxummii haroo namtolcheen qophaa’ee galchuu qofa jedhu.

Tajaajilli hawaasaa yunivarsitichi kennaa jiru bal’aa ta’us fedhii hawaasaa waliin kan walhinsimne ta’uu ta’uu eeranii, rakkoolee hawaasa naannawichaa furuuf tajaajilli hawaasaa yunivarsitichi gama hundaan kennaa jiru cimee kan itti fufu ta’a. Dhalattoonni naannawichaa baratanii sadarkaa guddaarra jiran, sektarootni mootummaafi mit mootummaa gara garaa hawaasicha gargaaruuf fedha qabanis yunivarsiticha waliin akka hojjetaniif gaafataniiru.

Yunivarsitichi hojii tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf raawwataa jiru gara fuulduraattis cimsee kan itti fufu ta’uu himanii, yunivarsitiin Dambi Dolloo hojii tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf raawwataa jiruun yunivarsitiiwwan buleeyyiidhaa gad miti jedhu.

Yunivarsitii Dambi Dollootti, Daariktara Qorannoofi Tekinoloojii Inoveeshinii Pirofeesara Gargaaraa Malkaamuu Taammiruu akka jedhanitti, yunivarsitichi qo’annoofi qorannoo rakkoolee hawaasaa furan hedduu adeemsisaa jira. Yunivarsitichi bara 2010 hojii kan eegale yoo ta’u, hanga bara 2011tti qorannoowwan 102 hojjeteera. Qorannoowwan adeemsifaman hedduun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi rakkoolee hawaasa naannawaa furuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu himu.

Qaachoon gosa nyaataa qorannoodhaan adda ba’ee irratti hojjetamaa jiruu ta’uu himanii, gosti nyaataa kun hawaasa naannawaa biratti akka baratamu taasisuuf namoota nyaata qaachoo qopheessuurratti muuxannoo qaban lama godina Geede’oorraa dhufanii ji’a tokkoof hawaasa naannawaa akka leenjisan ta’eera. Nyaatin yeroo leenjii dhiyaachaa ture qaachoorraa qophaa’aa ture. Namoota leenjii fudhatan keessaa 27 qaachoorraa nyaata gara garaa qopheessuudhaan waraqaa raga argataniiru. Biqilaan qaachoo kuma sadiifi 500 ta’us Godina Geede’oorraa fidnee dhaabneerra. Qaachoon gosa nyaataa hongee danddammatuufi baallisaa nyaata beelladootaatiif ooludhas jedhaniiru.

Yunivarsitichi barana pirojektota guguddoo shan qonnaan walqabatan raawwachaa jiraachuu eeranii, isaanis loowwan aannanii horsiisuu, horsiisa lakkuufi kanniisaa, biqiltuuwwan akaakuuwwan gara garaa hanga kuma 200 qopheessuu, fuduraafi kuduraa omishuudha. Hojiileen qorannoo biroonis kan adeemsifaman ta’uu eeraniiru.

Hanqinni bajataa, geejjibaa, hayyoota qorannoorratti muuxannoo gahaa qabaniifi haalli nageenyaa rakkoolee hojii qorannoorratti isaan mudachaa turan ta’uus eeraniiru.

Barsiisaafi Qorataa Yunivarsitii Dambi Dolloo Obbo Sooressaa Shuumaa akka jedhanitti, hojiileen qorannoofi tajaajilli hawaasummaa yunivarsitichaan adeemsifamaafi kennamaa jiran hedduun horsiisa horiifi omisha qonnaatiin walqabatu. Horsiisi loonii, lukkuu, kanniisaa, qurxummii, akkasumas hojiilee eegumsaafi kunuunsa bosonaa, biyyoo, bishaaniifi biqiltuuwwan qopheessuu hojiilee qonnaa waliigalaa yunivarsitichi bal’inaan raawwatamaa jiran keessaa isaan ijoodha jedhu.

Yunivarsitichi lafa hektaara 40 olirratti omishoota qonnaa gara garaa teknolojii qonnaatti fayyadamuun omishee gabaaf dhiyeessuudhaan hawaasa naannawaa tajaajilaa jiraachuu himanii, teknolojii qonnaa kana qonnaan bultoota biratti babal’isuufis hojjechaa jirra jedhan. Hojiileen qonnaa waliigalaa yunivarsitichi raawwachaa jiru namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uus himaniiru.

Obbo Dabalaa Daggafaa jiraataa Magaalaa Dambi Dolloo hojjettootaa carraa hojii yunivarsitichaa argatan keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, hojii nyaata beelladootaaf dhiyeessuufi qulqullinasaanii eeguurratti hirmaatanii hojjechuun galii argataniin maatiisaanii bulchaa jiru. Yunivarsitichi isaaniin ala jiraattota naannawichaa hedduuf carraa hojii bal’aa uumeera.

Bariisaa guraandhala 27/2013

Recommended For You

7 Comments to “Tajaajila hawaasaa Yunivarsitiin Dambi Dolloo ummata naannawaatiif kennaa jiru”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Ulthera
  3. Pingback: 메이저사이트
  4. Pingback: cherry gaming
  5. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *