Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Koloneeffattoonni Awurooppaa biyyoota Afrikaa hedduu humnaan cabsanii qabatanis, Xaaliyaaniin galaana ummataa Itoophiyaarraa ishee mudateen lola Adwaarratti injifatamuun hubatamee dhalootni har’aa tokkummaasaa cimsuu akka qabu Yunivarsitii Finfinneetti, barsiisaafi qorataan seenaa giddugala qorannoofi qo’annoo Afrikaa hubachiisan.
Doktar Dachaasaa Abbabaan ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, Xaaliyaaniin meeshaa ammayyaafi ga’umsa loltummaashii abdachuun Itoophiyaa humnaan jilbeenfachiisuu yaaluushee yaadachiisanii, labsii mootii Minilik, ”Yaa ummata biyya koo, dhala kee, haadha warraa kee, qabeenyaafi biyya keetiif jettu, ka’ii falmadhu,” jedhurratti hundaa’uun ummatni biyyattii golee afraniinuu waan qabu qabatee tokkummaan ka’ee Adwaatti duuluun Xaaliyaaniitti waaroo salphinaa uffisuu ibsaniiru.
Minilik ummata lolaaf goleewwan afranirraa dhufe qindeessanii bobbaasuufi namoota muuxannoo lolaa qaban ofitti qabuurratti mootii adda dureen eeraman ta’uu kan ibsan
Doktar Dachaasaan, meeshaas yoo ta’e dursanii biyyoota Awuroophaa waliin hariiroo uumuun walitti qabachuunsaanii injifannoo argameef qooda qabaachuu dubbataniiru.
Akka qorataan kun jedhanitti, injifannoo Adwaa kan amma jedhamuu olitti iccitii guddaa waan of keessaa qabuuf qorannoo dabalataa gaafata. Dhalootni ammaas akkaataa biyya gara fuulduraatti tarkaanfachiisanirratti waa hedduu irraa barachuu danda’a.
Injifannoon Adwaa kan ummata Itoophiyaa bal’aati malee kan saba tokko yookiin gartuu tokko qofatti maxxanu miti. Lolli Adwaa Tigraayitti adeemsifamuusaatiif naannichi addatti miidhamuu mala. Ta’us lolicharratti kan Xaaliyaanii kokkee qabeefi wareegame saboota hunda.
Keessattuu, loltoonni Oromoo kan Raas Mokonnoniin durfame fardeeniin Hararirraa ka’uun giddugala biyyaa, Shawaatti makamee kiiloo meetiroota dheeraa imaluun waraana Xaaliyaanota naannawa Adwaatti maadheffatan wajjin taasisaniin wareegama qaalii kaffalaniiru jedhan hayyichi.
Yeroo baay’ee namoonni gumaata qeenxee injifannoo Adwaa keessaa fuudhanii gara ofiitti harkisuun arbeessan taajjabuusaanii himanii, gochi lola iccitii guddaa of keessatti hammateefi mallattoo sabboonummaa ummata gurraachaa ta’e kan dhiigaafi lafee hundaatiin goolabame of qofatti harkisuun dharaan faayuun, tokkummaafi aarsaa kaleessaa bishaanitti naquun ala dhaloota dogoggorsuu waan ta’eef of qusachuun barbaachisa ta’uus hubachiisaniiru.
Mootii Minilik, injifannoon lola Adwaa kan dhala namaa qofa osoo hintaane kan Waaqayyoo ergamaasaa “Goorgisii” ergee Itoophiyaaf lole akka ta’es labsaa akka turan ibsaniiru.
Gama biraatiin injifannoo lola Adwaa dura lolli Maqaleefi Ambaalaageefaa ummata biyyattii hirmaachise Xaaliyaanii dadhabsiisuurratti qooda guddaa taphachuu kan himan Doktar Dachaasaan, ta’us injifannoo Adwaan booda namootni tokko tokko injifannoo ofitti harkisuun ala lolli Adwaa akka waan Tigraay dadhabsiisuun kan Eertiraafi Tigraay bakkawwan lamatti addaan qoodee, mooticha Minilikiif ammoo humna ta’ee saboota biyyattii alatti hafan humnaan gaaddisa Itoophiyaa jalatti walitti qabuun, akka waan Itoophiyaan ummata biyyattiif mana hidhaa taateetti afarsaa turuusaanii himaniiru.
Dhumarattis, Doktar Dachaasaan murnootni Tigraay yaada Adwaarratti ilaalcha faallaa qaban kunneen yaada, “Kabaja injifannoo lola Adwaarratti qoodni ummata Tigraay otoo gahee leencaa qabatee jiruu gad xiqqaateera,” jechuun kabajni ayyaana injifannoo waggaa 100fa Adwaa mormii guddaafi yaada walfaallessuun Finfinneefi Tigraayitti kabajamuu yaadachiisanii, dhugaan jiru garuu lola Adwaarratti aarsaa guddaa kan kaffale saba tokko qofa osoo hintaane beeylada manaallee dabalalee sabootaafi sablammoota biyyattii hunda ta’uu dubbataniiru.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013
ダッチワイフ ロリ あなたのすべての異常な欲求を満足させる3つのファジーセックス人形セックス人形で拡張現実ポルノを改善する方法は?それを保護して清潔に保つ:大人のおもちゃの衛生のための6つのヒント正確なセックス人形をどこで購入しますか?| 決定的な2019リスト