Dhalootni haaraan gara seenaa ofii hojjechuutti ce’uu qaba

 Bayyanaa Ibraahimiin

Naqamtee: Injifannoo Adwaarratti galmaa’e faarsuun injifannoon biroo akka argamuuf kan hamilee namatti horu waan ta’eef dhalootni haaraan seenaa abbootii faarsuu qofa osoo hintaane, seenaa mataasaanii galmeessisuu akka qaban eebbifamtootni yaada injifannicha ilaalchisuun kennaniin ibsan.

Yeroon abbootiin keenya wareertuu Xaaliyaanii dura itti dhaabbatan sun birmadummaan biyyattii gaaffii keessa akka hingalleef ta’uu kan himu dargaggoo Fayyisaa Oljiraa, dhalootni qubee immoo diina guddaa yeroo kanaa kan ta’e hiyyummaarratti seenaa haaraa galmeessisuu akka qabu dubbata.

Seenaan abbaan ofii barreeffate malee kan ormi namaaf barreesse yoomiyyuu taanaan guutuu ta’uu akka hindandeenye kan eeru, Fayyisaan, warrootni seenaa biyya kanaa barreessan gahee Oromoon injifannoo Adwaa keessatti qabu xiqqeessuusaanii ibsa.

Seenaan ni jallisu ta’a malee balleessuun waan hindanda’amneef shoorri abbootiin Oromoo achirratti qaban iddoo dhokatee turee gadi yaa’uunsaa dhaloota qubeetiif hamilee cimaa ta’uu eera.

Waggoota dheeraadhaaf ummanni Oromoo ayyaanuma injifannoo Adwaatuu kabajuurratti laafachaa turuu kan himu immoo, Dargaggoo Maaruu Wanduuti. Innis injifannoo kana akka kansaatti ilaaluu dhabuunsaa warroota seenaa jallisaniifi hataniif gammchuu kennaa turuu dubbata.

Seenaa dhugaan awwaalamee ture amma guyyaan geennaan ifa ba’uusaatiin garuu keessattuu bara darberraa kaasee Oromoon akka injifannoosaatti ilaalee kabajuunsaa dhaloota boodaa dhufuuf ergaa cimaa kan qabu ta’uu ibsa.

Nama Oromoo qofa osoo hintaane Fardeen Oromoos Adwaarratti wareegamuusaanii dhalootni ammaa sirnaan hubatee ofiisaatiifis injifannoo biroo galmeessisuuf qophaa’uu akka qabu ni dhaama.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

5 Comments to “Dhalootni haaraan gara seenaa ofii hojjechuutti ce’uu qaba”

  1. Pingback: zxz99
  2. Pingback: cam discount

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *