“Qophiin ABOn filannoof taasisu waldhabdee keessootiin gufachuu hinqabu” Jaal Qajeelaa Mardaasaa

 Waasihun Takileetiin

Finfinnee: ABO jaarmayaa siyaasaa keessoo ummata Oromoo ta’ee osoo jiruu waldhabdee hoggansa mudateen sakaallaa keessa jiraachuu Sabaa Himaan addichaa beeksisan.

Sabaa himichi aan Jaal Qajeelaa Mardaasaa ibsa Dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif addatti kennaiin akka ibsanitti waldabdee hoggansa addichaa jidduutti uumame furuuf yaaliiwwan gara garaa taasifamaa turuu kaasaniiru. “Qophiin ABOn filannoof taasisu waldhabdee keessootiin gufachuu hinqabu” jedhan.

Adeemsa kanaanis kora sabaa taasisuun waldabdee jiru furuun addichi siyaasaan caalee akka argamuuf hojjetaa jiraachuufi sababuma waldhabdichaatiin filannichaaf kaadhimamtoota dhiyeessuu akka hindandeenye eeraniiru.

Kaadhimamaan dhiyaachuu kan danda’u waldhabdeen hoggansa gidduutti uumame yoo furameedha jedhanii, ejjennoo hoggansa biraa calaqqisu takkaan mootummaa ce’umsa hundeessina karaa biraatiin ammoo ni araaramna ilaalcha jedhuun yeroon gubataa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsichi qabsoo ilmaan Oromoofa kabaja kennuu dhabuuda jedhanii ammas yeroo qabnu keessatti rakkoon kun furamee filannoof of qopeessinee addicha ceessisuuf hojjechuun murteessaadha jedhan.

“Boordiin filannoo waldhabdee kana yeroon furannee dorgomaa akka taanu haala  mijataa nuu uumeera” jedhanii, bokkuun mallattoo filannoo addichaa himaniiru.

“Rakkoo keessoo keenyaa furachuu dhabuun mootummaan harka keessa galfatee ABO laaffisuuf hojjetaa jira ilaalcha jedhuun ololli afarfamu kijibadha” jedhan.

“Rakkoo keessoo keenyaa furachuu dhabuun qaama biraatti quba qabuun dogoggora, waajjiraaleen addichaa kaadiree mootummaatiin cufaman akkuma jiran, tokko tokko ammoo waldhabdee nugidduutti dhalate sababa godachuun cufaman” jedhan.

“Miseensonni addichaa hidhaman akka hiikamaniif yaalii taasisneen hedduun hiikamaniiru. Warreen hafanis akka hiikamaniif gaafanneerra” kan jedhan Jaal Qajeelaan, kanneen hidhaarraa hinbaane akka jiran yoo ibsan qabsoosaanii kan ittifufan ta’uu ibsaniiru.

Waldabdee keessoo kana kora gaggeeffamuun furuuf ofii qophii qabaachuu ibsuun, ejjennoo walfakkaatu gama hundaan jiraatee ABOn siyaasaan caalee akka argamuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Miseensonniifi deeggartoonni addichaas obsaafi xiyyeeffannoon dhimmciha hordofuu akka qaban dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

3 Comments to ““Qophiin ABOn filannoof taasisu waldhabdee keessootiin gufachuu hinqabu” Jaal Qajeelaa Mardaasaa”

  1. Pingback: sell drugs
  2. Pingback: รีวิว

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *