‘ONE-KOO Coffee’n alergii bunaa jalqabuufi

Takkaalliny Gabayyootiin

Adaamaa: Damee omishaa Yuniyenii Waldaalee Hojii Gamtaa Omishtoota Bunaa Oromiyaa keessaa tokko kan ta’e ‘ONE-KOO Coffeen’ barana alergii bunaa jalqabuuf qophiirra jiraachuu beeksise. Warshichi ji’a Amajjii darbe Magaalaa Galaanitti kan eebbisiifame yoo ta’u, buna dheedhii akaayee, daakee, saamsuun gabaa addunyaaf kan dhiyeessudha.

Ittigaafatamaan Qajeelcha Bulchiinsaafi Qabeenya Humna Namaa yuniyenichaa Obbo Mitikkuu Baqqalaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Yuniyeniin Waldaalee Hojii Gamtaa Omishtoota Bunaa Oromiyaa yeroo jalqabaaf omisha bunaarratti hojjetee rakkoo qonnaan bulaa furuuf waggoota 20 dura hundeeffamedha.

Asiin dura akkaataan bunni itti gurguramaa ture caalbaasiidhaan waan tureef, fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessaa hinturre jedhan. Rakkoo kana furuuf yuniyenichi mootummaatiin akka hundeeffamu kan taasifame yoo ta’u, wayita ammaa garuu jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’eera jedhu.

Waggoota digdama dura garuu qonnaan bultootni omisha bunasaanii sanada cheekii sobaatiin gurguraa waan turaniif, hangas mara fayyadamaa ta’aa akka hinturre kaasanii, kana jechuun ammoo qaamni buna gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessuun ittifayyadamaa ture eenyu akka ta’e kan hinbeekamne ta’uu kaasu.

Qonnaan bulaan Oromoo buna omishee hattootaan saamamaa kan ture yoo ta’u, kunis galii  Oromiyaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa tureera jedhan.

Erga yuniyeniin kun dhaabbatee as garuu omisha bunaa wiirtuu tokkotti sassaabuudhaan ofumasaa qulqulleessuun, akaa’ee daakuuniifi saamsuutiin gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf qophii hundaa xumuruusaa beeksisaniiru. Hanga ammaattis buna dheedhii gurguruutiin milkaa’ee biyyattiif waggaatti galii dolaara miliyoona 30 ol argamsiisaa turuusaa eeraniiru.

Hoggantuu Ittaantuufi Daarektarri Gurmii Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Kadijjaa Jamaal gamasaaniin akka jedhanitti, akka Oromiyaatti yuniyenotni qonnaa 128 kan jiran yoo ta’u,  kanneen keessaa ammoo waldaaleen bu’uuraa kuma 20 ta’an ni argamu. Wayita ammaas yuniyenotaafi waldaalee kanneenirratti rifoormii taasisanii ammayyeessuutiin cimsuuf  karoorsanii hojjechaa jiru.

Yuniyenota rifoormii ta’an keessaa warshaan  bunaa  magaalaa Galaanitti argamu tokko yoo ta’u, omishaalee bunaa qindeessuutiin sharafa alaa kan argamsiisu ya’u ibsu.

Warshaan qindeessaa bunaa ‘ONE-KOO Coffee’ jedhamu kun asiin dura sadarkaa biyyattiitti ilaalcha, “Hindanda’amu” jedhamee yaadamaa ture cabsuutiin bu’aa qabeessummaa qonnaan bultootaa qabatamaatti kan mul’ise ta’uus ibsaniiru. Warshaan kun kan qonnaan bultootaa yoo ta’u, Yuniyenii Waldaalee Hojii Gamtaa Omishtoota Bunaa Oromiyaatiin kan ijaaramedha.

Yuniyeniin Waldaalee Omishtoota Bunaa Oromiyaa alergii bunaa jalqabuuf qophii maraa kan xumure yoo ta’u, irra caalaatti biyyoota Afrikaafi Awurooppaa keessatti gabaa argateera jedhan. Yuniyenichi waldaalee hojii gamtaa magaalota Oromiyaa keessatti buna dhiyeessanirraa fudhatee gabaa addunyaaf kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru.

Warshaan qindeessa bunaa kun waa lama hojjeta kan jedhan Aadde Kadijjaan, kunis buna sadarkaasaa eeggate gabaa addunyaaf dhiyeessuutiin sharafa alaa argamsiisuufi yeroo rakkinaatti gabaa bunaa biyya keessaa tasgabbeessuudha. Wayita ammaas alergii jalqabuuf omisha bunaa sassaabbatee qindeessaa akka jiru ibsaniiru.

Warshaan kun waggoota muraasa dura yuniyenii bunaa jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, amma ammoo gara warshaa qindeessa bunaatti geddaramuu danda’eeraa jedhan. Warshichi gabaa bunaa biyya keessaa tasgabbeessuuf kan hojjete ta’uyyuu kan jajjabeeffamu akka hintaanes himaniiru. Kanaaf ammoo sharafa alaa argamsiisuun hojii dursi kennamuuf qabudha jechuun akka sababaatti kaasaniiru.

Haala karoora qabameen yuniyenichi alergii bunaarraa waggaatti miliyoona 39 argamsiisuuf karoorfateera jedhanii, kunimmoo jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruurra darbee guddina dinagdee biyyattii kan utubuudha.

Kunis hanqina sharafa alaa mudachaa jiru ni fura jedhamee abdatamuusaas dubbataniiru. Warshaaleen kaanis muuxannoo ‘ONE-KOO Coffee’ fudhachuufi hojiirra oolchuutiin jireenya hawaasaa fooyyessuurratti xiyyeeffachuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Keessumaa ammoo hojmaata badaa yuniyenota waldaalee hojii gamtaa keessa jiran sirreessuuf tarkaanfiin fidhatamaa jira jedhanii, fuuldurattis kan ittifufufi mootummaanis deggarsa barbaachisaa taasisuurratti akka argamus himaniiru.

Warshichi omisha bunaa alatti erguuf biyyoota Awurooppaafi Afrikaa hedduu keessatti iddoo buufata gurgurtaa qopheeffachaa jiras jedhan.

Warshaan kun omisha bunaa alatti erguun cinatti namoota magaalaa Galaan keessa jiraatan 200f dhaabbiitiin carraa hojii banuu danda’eera.  Wayita ammaa ammoo magaalota Dirree Dhawaa keessatti ijaarsisee xumuraa waan jiruuf lammiilee 400 oliif carraa hojii bana jedhamee abdatama.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

36 Comments to “‘ONE-KOO Coffee’n alergii bunaa jalqabuufi”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: Project Mancave
  3. Pingback: best cam sites
  4. Pingback: altogel
  5. Pingback: Sevink Molen
  6. Pingback: Telegram下载
  7. magnificent post, very informative. I’m wondering why the opposite specialists of this sector
    don’t understand this. You should proceed your writing. I am confident, you’ve a huge readers’ base already!

  8. I’m not that much of a internet reader to be honest but your
    blogs really nice, keep it up! I’ll go ahead and
    bookmark your website to come back in the future. All
    the best

  9. you are actually a just right webmaster. The site loading velocity is amazing.
    It kind of feels that you’re doing any unique trick.
    In addition, The contents are masterwork. you’ve done
    a magnificent process on this subject!

  10. Every weekend i used to go to see this web page, for
    the reason that i want enjoyment, for the reason that this this web page conations genuinely pleasant funny data too.

  11. Hey there this is kinda of off topic but I was wondering if blogs use WYSIWYG editors or if you have to manually code with HTML.
    I’m starting a blog soon but have no coding knowledge so
    I wanted to get advice from someone with experience.

    Any help would be greatly appreciated!

  12. great post, very informative. I ponder why the opposite specialists of this sector do not realize this.
    You must continue your writing. I’m sure, you’ve a great readers’ base already!

  13. I’m really impressed with your writing skills and
    also with the layout on your blog. online prostitute online
    prostitute online prostitute online prostitute online
    prostitute online prostitute online prostitute Is this a paid theme or did you bitch customize it yourself?
    Anyway keep up the nice quality writing, it’s rare to see a nice blog like this one today.
    online prostitute online prostitute online prostitute online
    prostitute online prostitute online prostitute online prostitute

  14. First off I would like to say superb blog! I had a quick question which I’d
    like to ask if you do not mind. I was curious to know how
    you center yourself and clear your head prior to writing.
    I have had difficulty clearing my mind in getting my ideas out there.
    I truly do take pleasure in writing however it just seems like
    the first 10 to 15 minutes are lost simply just trying to figure out how
    to begin. Any recommendations or tips? Kudos!

  15. After looking over a number of the articles on your website,
    I really like your technique of writing a
    blog. I saved as a favorite it to my bookmark site list and
    will be checking back in the near future. Please check out my website too and let me
    know your opinion.

  16. Good way of describing, and fastidious piece of writing
    to obtain information regarding my presentation focus, which
    i am going to convey in school.

  17. Hello my family member! I want to say that this article is awesome, nice written and come with approximately all significant infos.

    I would like to see extra posts like this .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *