Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Milkaa’ina Pirojektii Koyishaatiif qarshii miliyoona 420 walitti qabuuf karoorfamuu Bulchiinsi Godina Daawuroo ibse.
Bulchaan godinichaa Obbo Takilee Bazaabbih ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, maallaqa kana abbootii qabeenyaa, hojjettoota mootummaa, daldaltootaafi qaamolee hawaasaa biroo hirmaachisuun akkasumas baazaariifi agarsiisa qopheessuun walittiqabuuf karoorfame.
Akkasumas dhalattoota godinichaa biyya keessaafi ala jiraatan, aanaalee, gandootaafi godinaalee oollaa hirmaachisuun maallaqicha walitiqabuuf karoorfameera.
“Godina keenya hanqina bu’uuraalee misoomaatiin boodatti hafaa waan tureef abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiif filachaa hinturre” kan jedhan bulchichi, dhalatoonni naannawichaallee bakka biraa deemuun hojii investimantiirratti hirmaachaa turuu eeraniiru.
Wayita ammaa garuu sababa pirojektii Koyishaan kanaan walqabatee sochiin eegalamee as abbootiin qabeenyaa 20 ta’an ijaarsa loojiiwwaaniif saxaxa (piropozaala) dhiyeeffachuu dubbataniiru.
Pirojektichi kutaalee hawaasaa mara bal’inaan hirmaachisa jedhanii, keessattuu dargaggoota dhaabbilee barnootaa olaanaa garagaraarraa eebbifamaniif carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Naannawichi qabeenya uumamaatiin kan badhaadhee ta’us carraa misoomuu otoo hinargatiin waan tureef pirojekticha akka carraa samiirraa gadi nuu fudhachuun nidanda’ama jedhanii, gaaffiin misoomuu ummanni kaasaa tures kanuma faana deebii argata jechuun ibsaniiru.
Bulchaan aanaa addaa Koontaa, Obbo Faantaahun Bilaattee gamasaaniin akka ibsanitti, ummanni aanichaa pirojekticha gammachuu guddaan simachuun maallaqaan, humna qabuufi nageenya naannawaa eegsisuun aantummaasaa agarsiisaa jira. Pirojektichi kallattinis ta’e alkallattin naannawicha qofa osoo hintaane humna biyya jijjiiru qaba.
Sochiin abbootii qabeenyaa duraan muraasa ture erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad bakkicha daaw’atanii as sochiin abbootiin qabeenyaa ni dabala jedhanii akka abdatan eeraniiru.
Akka aanaatti qarshii miliyoona 12 waliittiqabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti miliyoona shan walittiqabameera jedhanii, haalli nagaa naannawichaa amansiisaa waan ta’eef carraa kanaan abbootiin qabeenyaa invastimantii kamuurrattuu hirmaachuu barbaadan nuwaliin hojjechuu danda’u jechuun dhaamaniiru.
Koyishaan dachee magariisa Paarkii Cabaraa Corcoraa, laggeen, haroowwan, fincaa’aawwaniiifi bishaan ho’aa bonaa ganna yaa’u, bineensota daggalaa addaadddaa keessaayyuu Arba Afrikaa guddicha, Gafarsoota, bineensota lo’aniifi adeeman kumaan lakkaa’aman, qurxummii guddaa biyya keenya qofatti argamu ‘Gaaraacabaraa’ jedhamu hammate, jannata lafaa bal’ina iskuweer karee meetira kuma tokkoofi 215 uwwisee argamuudha.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
buy semaglutide online https://rybelsus.tech/# semaglutide
more