Tola ooltummaan yeroo qabaachuu otoo hintaane garaa namaaf oo’u qabaachuudha

 “Addunyaa kana irratti namni utuu kufaatii hinargin milkaa’ee hinjiru. Haa ta’u iyyuu malee kufuuf hinhojjetin. Yoo utuu hojjettuu kufaatiin simudate garuu dhuma biyyaa lafaa waan hintaaneef abdii hinkutatin”

Yeroo tokko barreessaan maqaan isaa hincaqasamne fuula marsariitii tokko irratti akkas jedhe, “Yoo bara darbe keessa jiraachuu barbaadde, dhagaa irratti qabeenya dhangalaasi; yoo ammaa qofa irratti xiyyeeffatte ammoo abaaboo irratti qabeenya kee dhangalaasi; yoo egeree namaa jijjiiruu irratti xiyyeeffatte garuu jireenya namaa irratti hojjedhu” jedha. Namni dhagaa irratti qabeenya isaa dhangalasuu jijjiirama barbaadu ni arga jedhee hinyaadu. Sababiin isaa waan du’aa, waan darbe irratti humnaafi qabeenya isaa dhangalaasa. Abaaboo irratti xiyyeeffachuu jechuun yeroo booda kan dhabamu, kan coolagu, kan harca’u jechuudha. Yeroo dheeraaf kan hinjiraanne. Nama irratti xiyyeeffachuun garuu akka dhuunfaattis ta’e akka walootti bu’aa guddaa qaba.

Haala ilmaan namootaa keessatti kufanii jiran keessaa ol qabuun eebba. Akkuma of-jijjiiruuf aarsaa kanfallu ilmaan namootaa haala isaan keessa jiran haala ulfaataa keessaa baasuuf aarsaa kanfaluu danda’uutu nurraa eegama. Namootni yeroo dubbatan, “Sochiin laphee cimaan akka namoota boolla isaan keessatti kufanii jiran keessaa ol-baasuu hinjiru” jedhu.

Hiikkaan jiraachuu ilma namaas egaa isa kana; isa kufe ol-kaasuu danda’uudha. Isa darbe leellisuufi jireenya ofittummaa utuu hinta’in namaaf jiraachuudha. Jireenya namootaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’uudha. Egeree namaa irratti addaa addummaa fiduudha.

Daandii ittiin kun ta’u keessaa tokko yeroo qaban, qabeenya qaban, beekumsa qaban tumsuun hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuudha. Tola ooltummaan carraa gaarii ittiin namoota kan biraa deggeruun burqaa nagaafi gammachuu ta’aniidha. Daandii ittiin haala keessa jiran keessaa ba’an, guca ittiin dukkana ilmaan namootaa marse injifatan, hojii jiraataa hojjetanii darbuudha. Waan guddaan beekuu qabnu yoo jiraate wantootni nuti namootaaf goonu yoom illee kan hin irraanfatamne, kan nuwajjin hindarbinedha.

Nuti darbuun keenya hinhafu. Hojii keenya garuu jiraataadha. Isa kana akka ta’uuf ofirra darbuu danda’uun murteessaadha. Isa kanaaf ammoo namoota kakaasuun barbaachisaa miti. Eenyu iyyuu akka inni naannoo isaa, haawaasa keessa jiraatu, biyya keessa jirus ta’e addunyaa kana akka jijjiiruuf kakaasuun barbaachisaa miti.

Hojii tola ooltummaa nama rakkoo keessa jiruuf gumaachuuf sooressa yookaan beekaa biyya lafaa ta’uunis barbaachisisaa miti. Barumsa baay’ees hingaafatu. Bakka gaarii jiraachuunis murteessaa miti. Bakka jirruu eegaluu dandeenya. Waan nuharka jiru hiixachuu, waan gochuu dandeenyu raawwachuu gaafata. Garaa namaaf gaddu qabaachuu gaafata. Laphee jaalalaan guute barbaada. Yeroo dhabuun ni dandaa’ama; lapheen jiraannaan garuu rakkoon hinjiru.

Hundumti keenya utuu gaaffii “Hanga har’aatti namoota meeqan lafa kufanii ol qabee? Namoota meeqaafan sababa fooyya’uu isaanii ta’ee? Waanan qabu irraa namoota rakkoo keessa jiran meeqafan hiree?….” jennee utuu of-gaafannee turtii keenya biyya lafaa irratti namoota meeqaaf sababa eebbaa taaneerralaataa? Yeroo hedduu asiifi achi yoo ilaallu namoota gargaarsa fedhan daran arguu dandeenya.

Hanga dandeenyetti waan gaarii gochuutiin kanfaltiifi beekamtii dhabuu dandeenya. Haa ta’u iyyuu malee namni kam iyyuu, sadarkaa kam irra iyyuu kan jiru nama rakkoo keessa jiru tajaajiluu nidanda’a. Tola ooltotni biyya lafaa kana irratti namootni gara laafina ilmaan namootaatti amantaa, saalaafi sabummaa utuu hinhedatin tumsaniidha.

Namootni isa kana hubatan haa muraasatan malee har’as jiru. Yeroo namootaaf kennuun bakka kufanii kan kaasan, kan dadhaban kan jabeessan, kan abdii kutatan cina kan dhaabata,….jiru. Fakkeenyaaf biyya Ameerikaa qofa namootni hanga miliyoona 63 ta’an bara rakkisaa namni yeroo wajjin dorgomu kana keessatti yeroo isaanii kennuun kan namoota tajaajilaniidha. Isaan kana keessa dargaggootnis danuudha. Akka qorannoon tokko tokko mirkaneessutti yoo xiqqate dargaggootni dhibbeentaan 25 akka ta’an addeessa. Uummatni Ameerika qofti saba isaaniitiif hojii tola ooltummaan waggaa tokko qofatti kan doolara biliyoona 193 olitti tilmaamamu gumaachu. Hojii tola ooltummaa kana keessatti ga’ee guddaa kan qaban dubartoota. Ganna afur dura qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti dubartootni dhibbantaan 27.8 yeroo ta’an dhiirotni tola ooltummaa keessatti hirmaatan dhibbeentaa 21.8 turan. Yoo xiqqate giddu galeessatti namni tokko biyya Ameerikaa keessaa waggaatti sa’a 52 ol hojii tola ooltummaatiif kennu. Namoota rakkoo addaa addaa keessa jiran gargaaruuf hojii gurguddaas nihojjetu. Isaan keessa muraasa yoo ilaalle nyaata walitti kan qaban namoota dhibbeentaa 24.2; mi’a addaa addaa gurguruufi horii walitti qabuu irratti kan hojjetan 23.9; hojii humnaa kan akka mana suphuu, karaa qulqulleessuu, geejjiba keessatti hirmaachuufi kkf., dhibbeentaa 18.8; barattoota barsiisuu, qo’achiisuufi kkf., keessatti kan hirmaatan tola ooltota dhibbeentaa 17.9 yeroo ta’an abbootiin qabeenyaa akka dhaabbataatti hojii tola ooltummaa keessatti hirmaatan yoo xiqqate namoota dhibbeentaa 42.1 ta’u. Isaan kun hojii dhuunfaa isaanii hinqaban jechuu miti. Hojii isaanii cinaan namoota rakkoo qaban cina kan dhaabatan, dandeettii isaanii, humna isaanii, yeroo isaanii irraa qooduun namoota kan gargaaraniidha. Sagalee namoota rakkatoo kan dhagaa’an, kan deebii itti kennaniidha.

Namootni tola ooltummaa keessatti hirmaatan hinkasaaran. Tola ooltummaa keessatti eenyu iyyuu addaa addummaa fiduu nidanda’a. Namootni hanga tola ooltummaa keessatti hirmaatan ofitti amanamummaa cimaa horatu. Namoota addaa addummaa fiduu dandaa’an ta’uu isaanii of hubatu. Qaama hawaasaichaa keessaa tokko ta’u. Barumsa eessatti iyyuu hinbaranne namaaf o’uun gargaaruu keessaa baratu. Hojiin tola ooltummaa hiriyoota haaraa akka qabaannu, akka dhuunfaatti kan hojii keenya fooyyessu, gammachuu kan nuuf eda’u, fayyaa keenya irratti dhiibbaa gaarii kan qabu akka ta’e namootni gama kanaan qoratan ni ibsu. Tola ooltummaan nama isa gargaaran caalaa isa hojii tola ooltummaa keessatti hirmaatutu argata jechuun nidandaa’ama. Hawaasni tola ooltotaaf kabajaafi jaalala danuu qaba. Namoota hedduufis hojiin tola ooltummaa hojii isaanii isa idilee caalaa akka isaan gammachisu dubbatu. Hojiin tola ooltummaa akka bishaan lafa jala yaa’uufi kan hinargamnee yoo fakkaate illee dhoksaatti biqiloota danuutu ittiin lalisa. Hojii tola ooltotni hojjetaniin daa’imman danuutu karaa irraa ka’a; mana barnootaas barata. Maanguddoota danuutu uffata argata, daawaa argata, nyaata argata; walumaa galatti jireenya isaaniitu jijjiirama. Tola ooltummaan mallaqaa oli. Tola ooltummaan jireenya namaa irratti addaa addummaa fiduu danda’uudha. Inni kun sammu namaaf nagaa keenna. Qaama namaa fayyaa gonfachiisa. Dhiphina sammuu hir’isa. Nama kan biraa fayyaduu danda’u akka nutti dhagaa’amuuf nama akeekaaf jiraatu akka taane hubanna. Inni kun gammachuu akka gonfannu nutaasisa. Namoota irrattis jijjiirama fida. Sababiin isaa wanti nuti xiqqoodha jennee namootaaf goonu jireenya isaanii irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Sammuu keenyaafis nagaa kenna.

Keesumatti bara si’anaa yeroo haalli hedduun yeroo keenya dhuunfachuutti bara ka’e kana keessatti yoo xiqqoo fakkaate illee hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuun namoota gargaarsa fedhan deggeruun dhuunfaa keenyatti illee bu’aa guddaa qaba. Hawaasaa wajjin walitti dhufeenya nuti uumnu xiin-sammuu keenya irratti akka bu’aa gaarii qabu qorattootni niadeessu. Keesumatti namoota sammuun isaanii dhiphatu kan akka namootaa wajjin walitti dhufeenya uumuu haala isaan keessa jiran keessaa isaan baasu hinjiru. Sababiin isaa walitti fufiinsaan namootaa wajjin akka wal-argee qabaannu, akka namootaa wajjin hojjennu nu taasisa. Inni kun ammoo akka nuti dhiphina sammuu, aarii, yaaddoofi kkf., keessaa baanuuf karaa gaariidha.

Tola ooltummaan madda gammachuuti. Tarii naannoo keenya keessatti akka dhageenyuufi arginutti namni gammachuu kan argatu qabeenyaan, milkaa’ina garaa garaa gonfachuun, beekamtii argachuufi kkf., qofaan jedhanii gammachuufi haala nuun alaa wajjin kan walitti hidhan jiru. Nutis isaan kana argachuuf utuu hordofnuu oolla ta’a. Haa ta’u iyyuu malee gammachuu yeroof utuu hinta’in gammachuu yeroo dheera akka namaaf kennuu hindandeenye beekamaadha. Fakkeenyaaf namni konkolaataa ba’eessa bitate tokko yookaan mana gaarii ijaarratte gammaduu danda’a. Haa ta’u iyyuu malee inni kun hanga dhumaatti kan itti fufu hinta’u. Yeroo muraasa booda irraa jalaan beekamaa (normal) ta’aa deema. Inni kun amala namaati. Dandeettii ilmi namaa ittiin haala jiru mo’atee jiraatuudha. Kanaaf gammachuun nuti bakkeetii argannu gara haala beekamaatii dhufaa deemuun dhuma irratti haala kanaan dura keessa turretti deebina. Gammachuun sirriin isa bakkeetii argannu utuu hinta’in gammachuu keessa keenyaa burqu ta’uu qaba. Wantootni nuti namaaf goonu keessa keenya kan burqu, jaalala ilmaan namootaaf qabnu irraa kan ka’u yoo ta’e haalaan kan hinjijjiiramne ta’a. Akkasumas qorattootni garaa garaa haala hormooniifi sochii sammuu namoota hojii tola ooltummaa keessatti hirmaatanii qorachuun qorannoo ajaa’ibsiisaa addeessaniiru. Tola ooltummaa keessatti hirmaachuun namoota rakkoo keessa jiran qofa baafna utuu hinta’in nutis rakkoo numudate keessa nibaana jedhu. Gammachuu guddaa arganna. Hanga namoota gargaarru gammachiisna qofa utuu hinta’in nutis gammachuu arganna.

“Namootni tola ooltummaa keessatti hirmaatan hinkasaaran. Tola ooltummaa keessatti eenyu iyyuu addaa addummaa fiduu nidanda’a. Namootni hanga tola ooltummaa keessatti hirmaatan ofitti amanamum

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29/2013

Recommended For You

300 Comments to “Tola ooltummaan yeroo qabaachuu otoo hintaane garaa namaaf oo’u qabaachuudha”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: sex girldie
  3. Pingback: Guns Crypto
  4. Pingback: 바카라 가입
  5. buy ozempic pills online [url=http://ozempic.art/#]buy cheap ozempic[/url] ozempic generic

  6. Ozempic without insurance [url=http://ozempic.art/#]buy ozempic[/url] buy cheap ozempic

  7. pin up casino giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin-up casino[/url] pin-up casino giris

  8. pin up [url=https://pinupru.site/#]пин ап казино[/url] пин ап зеркало

  9. пинап казино [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казахстан[/url] пинап кз

  10. neurontin tablets 100mg [url=https://gabapentin.auction/#]buy gabapentin[/url] neurontin price india

  11. mexican rx online [url=http://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  12. ivermectin 1 topical cream [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] generic ivermectin

  13. generic plavix [url=http://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] Plavix 75 mg price

  14. stromectol over the counter [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol fast delivery[/url] minocycline 100 mg tabs

  15. antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]clopidogrel[/url] Cost of Plavix on Medicare

  16. buy minocycline 100 mg [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] minocycline hydrochloride

  17. paxlovid cost without insurance [url=https://paxlovid1st.shop/#]check this[/url] paxlovid buy

  18. Cost of Plavix on Medicare [url=http://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pro[/url] generic plavix

  19. 1хбет [url=https://1winrussia.online/#]1xbet официальный сайт[/url] 1xbet

  20. пинап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пинап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  21. 1xbet зеркало [url=https://1winrussia.online/#]1xbet официальный сайт[/url] 1xbet официальный сайт

  22. best way to treat ed [url=http://drugs1st.store/#]online canadian drugstore[/url] ed cure

  23. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican rx online[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  24. пинап казино [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пинап казино[/url] пинко

  25. пины [url=https://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казахстан[/url] пин ап казино онлайн

  26. ultrabet giris [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet yeni giris 1125[/url] ultrabet giris

  27. casino siteleri win [url=https://casinositeleri.win/#]Canl? Casino Siteleri[/url] Casino Siteleri

  28. ultrabet yeni giris 1125 [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet guncel[/url] ultrabet bonus

  29. deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler mycbet.com[/url] deneme bonusu veren siteler mycbet.com

  30. buy gabapentin india [url=http://gabapharm.com/#]buy gabapentin[/url] cheapest Gabapentin GabaPharm

  31. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharmgate.com/#]Mexican Pharm Gate[/url] medication from mexico pharmacy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *