Sababiin malaammaltummaa maali?

 Gaaffii kanaaf namoonni deebii hedduu kennu. Baay’een qorannoowwan gara garaa dubbisuun tarii sababiin malaammaltummaa mootummaadha jedhu. Kaanis haala jirutu akka malaammaltummaan dagaage taasise jedhanii yaadu.

Namni tokko Hiindiitii kan inni deebise isaan kanneen hundarraa adda. Deebiinsaa akkas jedha, “Sababiin malaammaltummaa ana” jedha. Sababa akkas jedhuuf oggaa ibsus “Gaafa tokko utuun motora oofee deemuu baarneexaa sibiilaa isa warri doqdoqqee oofan mataatti keewwatan (helmet) utuun hinkeewwatin waanan motora oofaa tureef tiraafikiin naqabe. Harkaa ba’uuf jecha qarshii 300 kenneefii innis erga qarshicha fudhatee booda gadi na dhiise.

Haa ta’u malee haguuggii mataa dhiisuun, isa kanarratti ammoo qarshii dabalee kanfaluun miidhaansaa kan koo ture. Balaan uumamu ana miidha. Inni kun naa hingalle ture” jedhe. Ittifufuun, “Guyyaa biraas yeroon waajjira mootummaatii naga’ee fudhachuu dhaqu namoonni ana dura jiran hedduu sababa ta’aniif guyyaa lama booda akkan deebi’ee fudhadhu natti himan.

Anis guyyaa lama eegee akka seeraatti deebi’ee fudhachuurra qarshii kenneen seeraan ala fudhadhe. Namoonni seera qabeeyyiin yeroo seera kabajanii miidhaman ani garuu seeraan ala keessumsiifameera; namoota seera maleeyyii wajjinis imala koo ittan fufe.

Kunis yeroof gaarii yoo natti fakkaatellee namoonni utuu yeroo eeganii, utuu seeraan naga’ee adabaa fudhachuuf taa’anii dursee fudhachuu kootti sammuun koo jeeqamaa, nama seeraan bulu, seeraan hojjetu, seeraan mirgasaa kabachiifatee jiraatu ta’uu dadhabuun koo natti dhaga’amaa akkan jiraadhu na taasiseera.

Balleessaa gama seeraatiin jiru qofa utuu hinta’in akkan of ceepha’aa jiraadhu ta’eera. Kana qofaan kan dhaabate utuu hinta’in ammas guyyaa sadaffaatti, gara waajjira telekoominikeeshinii dhaqee kaardii mobaayilaa baafachuuf yeroon barbaadetti namoonni hiriiran hedduu turan.

Ani kanaan dura seeraan utuu hinta’in mallaqaan keessumsiifamuu waanan shaakaleef namoonni dhaabbaticha keessa hojjetan akka dhimma koo maallaqaan naa raawwatan nantaasise. Yeroo namoonni seeraan dhimmasaanii raawwatan ani garuu mallaqaanan raawwadha.

Kanaan ceephoo sammuu jalaa miliquu hindandeenye. Nama yakka hojjetee namoota kan biraa adabsiisu akkan ta’ettan of fudhadhe. Guyyaa biraas amalli koo ittifufe. Bakka mana jireenyaaf wantoota na barbaachisan mara maallaqaan nanraawwadhe. Namoonni na dura iyyatan sababa seera eeganiif utuu hinargatin ani maallaqaan raawwadhe.

Kana qofa utuu hinta’in bakkawwan hedduutti namoota seera maleeyyii wajjin adeemsa hamaa dabarseera. Inni kun jireenya sobaa akkan jiraadhu na taasise. Miidhaasaa ofirrattis ta’e warra kaanirratti argeera. Namoonni muuxannoo, beekumsaafi ga’umsa qaban hojii dhabanii utuu jooranii argeera.

Si’achi namoota sagalee hinqabneef sagalee ta’uuf qophaa’eera” jedhe. Meeqan keenyatu haala akkasii keessa darbinee laata? Malaammaltummaan wal’aansoo qabuun kan nama muraasaati jennee yaadnaa laata? Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.

Malaammaltummaan yakka hamaa bara si’anaa ho’inaan dubbatamuufi dhalootaafi biyya dararsu yoo ta’ellee addunyaa keenyaaf haaraa miti. Rakkoon isaa babal’achaa, biyyiifi dhaloonni ittiin miidhamaa sababa dhufeef waggoottan muraasa darban keessa yeroo kam caalaa babal’inaan kan irratti mari’atamu ta’aa dhufe.

Waggoota 20 oliif yaada gaggeessitootaafi beektotaa daran hawwachuu danda’eera. Biyyoota guddatanis ta’e kanneen guddataa jiran, gabaa wajjin kan walqabatanis ta’e galii wajjin kan walhinqabanne daran kan miidhe yakka dhala namaarratti dalagamu waan ta’eef malaammaltummaan mootota hedduu kuffiseera, gaggeessitoonni baay’een aangoorraa ari’atamaniiru, siyaasni dadhabeera, kaan ammoo waliigalatti kallattii akka jijjiirratan ta’eera. Malaammaltummaan hawaasa saamichaaf kan saaxile, biyya kan raase, aangoo irraa harkisee kan nama salphise, siyaasa kan booresse, dinagdee kan barbadeesse, fooyya’iinsa biyyaafi hawaasaa kan daangessu diina namoota hundumaati.

Hanna hamaa kana xiqqeessuus ta’e daangessuuf namoonni hundi ga’ee qabu. Inni kennu ga’ee qaba. Inni fudhatus akkasuma. Warri dhaabatanii ilaalanis ga’ee qabu. Warri biyya gaggeessan ga’ee qabu. Wal’aansoon malaammaltummaa irratti gaggeeffamu kan mootummaa qofa jennee yaaduun gowwummaadha.

Namni hundi gamasaatiin jabaatee hojjechuu qaba. Jabaatee wal’aansoo qabuutu irra jiraata. Rakkoon malaammaltummaa kan nama muraasaa akka hintaanes beekuun murteessaadha. Kana ifatti walitti himuun barbaachisaadha. Namni malaammaltummaan hintuqamne jira jechuun hindanda’amu. Namoonni utuu arganii callisaniyyuu ga’ee qabu. Namoonni akkasii akka yakki kun walhoru taasisu.

Malaammaltummaan kan mootummaa qofaan barbadaa’u miti. Silaa biyya keenyatti dhaabbileen gara garaa kanneen farra malaammaltummaa ta’an niballeessu turan. Rakkoon jiru garuu gama tokko qofaan kan wal’aansoo qabamee injifatamu ta’uu dhabuusaati.

Kana beekuun barbaachisaadha. Hunduu nama irraa qolatu taa’ee kan eeguufi mataa jalaa gadi qabatee bulu utuu hinta’in mirgaafi dirqamasaafi kan hawaasaa beeku, dhaloota saamichaan mormu, hojiisaa godhatee malaammaltummaan lolu qabaachuun egeree biyyaas ta’e dhalootaaf murteessaadha.

Biyyi malaammaltummaan keessa jiru utuu hinjaalatiin dinagdee hinfooyyofne, misooma dadhabaa kan hawaasa hingeeddarre, siyaasa hintasgabboofne, jireenya hinfooyyofne, egeree abdii hinqabneefi kkf keessa jiraachuuf nama saaxila. Rakkoon kun ammoo kan namoota muraasaa miti.

Rakkoon malaammaltummaa rakkoo addunyaati. Rakkoo daangaa ce’uudha. Fakkeenyaaf baala sammuu namaa hadoochu, maallaqa gabaa seeraan alaa keessa naanna’u, yakkoota sadarkaa addunyaatti dalagaman hedduuf malaammaltummaan bu’uura. Daldalaafi investimeentiis miidheera.

Egaa erga malaammaltummaan hamaa ta’uu hubannee callisuurra dubbachuu, abdii kutachuurra loluun murteessaadha. Sababiinsaas akka Itoophiyaattis ta’e Afrikaatti malaammaltummaan gocha dhaloota waggoota darban hedduuf hiyyummaa keessatti xaxee kaa’e waan ta’eef gara kuteenyaan ofirraa faccisuun murteessaadha.

Gama mootummaatiinis haasaarra darbee fedhiin malaammaltummaa barbadeessuu jiraachuu mala. Siyaasni biyyattii kan malaammaltummaa hinqusanne ta’uu qaba. Hawaasni guutummaatti kan malaammaltummaaf hin obsine ta’uun murteessaadha.

Qamni nageenyaa, kanneen biyya gaggeessan, abbootiin seeraa fedhaafi gara-kuteenyaan kan wal’aansoo qaban ta’uu, ofiis keessaa ba’uun barbaachisaadha. Hanga yaadanii olitti kan gatii isaan baasisu yoo ta’ellee yakka dhala namaarratti gaggeeffamu, biyyaafi dhaloota miidhu kanaan wal’aansoo qabanii balleessuun yoo dadhabamellee daangessuun barbaachisaadha.

Keessumaa bara keessa jirru kanatti namoonni nama ilaalanii deeman akka namoota isaan marsanii jiranii ta’uu danda’u jedheen yaada. Namoonni hundi dhuunfaatti murtoo qabaachuu qabu.

Beekaan saayinsii Albarti Enisteeyin yeroo tokko akkas jedhe, “Namni tuuta hordofu tuuta sanaa ol deemuu hindanda’u. Fagaatee hindeemu jechuudha. Namni of danda’ee deemu garuu gaaf tokko lafa tuutni sun yoomiyyuu ga’uu hindandeenye ga’uu danda’a” jedhe. Namoota waliin oolluufi hojjennu yoo hordofne waan isaan hojjetanii olitti hojjechuun nu danquu danda’a. Nama biraa to’achuu yoo dadhabne of to’achuu nidandeenya. Sammuu keenya, ilaalcha keenya, gocha keenya to’achuu dandeenya. Isaan kunniin namoota biroo akka to’ataman gochuun balaa hamaadha.

Karaa biraas namoonni waa’ee malaammaltummaa dubbachuu qofaan kan daangessan utuu hinta’in ofiis keessaa ba’uun murteessaadha. Waan dubbanne jiraannee waan jiraanne immoo dubbachuun barbaachisaadha. Akka aadaattillee, “Jecha dubbatteef eeggadhu” jedhu mitiiree? Waan dubbanne tokko jiraachuu danda’uun eenyummaa sirriifi nagaa keessaa akka qabaannu nu taasisa.

Yeroo tokko hiriyoota lamatu mana tokko keessa jiraatu. Lamaanuu namoota warqii hojjetan turan. Yeroo hojiisaanii raawwatan sakatta’amanii ba’u. Inni tokko akkuma hojiisaa sirriitti qixaan hojjetee qabeenya jiru deebisee ba’e. Inni lammataa garuu warqii hatee gale. Hattichi warqicha hiriyaasaa jalaa dhoksuuf yaalii cimaa taasise. Utuu warqicha eeggatuu hirriba malee bule. Yeroo hiriyaansaa rafee galagalu ka’ee na sakatta’a jedhee dhaggeeffata. Gochisaa kun hirriba irraa ari’e. Inni hannarraa walaba ta’e garuu jeequmsaafi boqonnaa sammuu dhabuurraas walaba ture.

Egaa nuti har’a isa kami? Rakkoon malaammaltummaa eenyu? Kana itti yaaduun barbaachisaadha. Malaammaltummaa daangessuuf waan dubbatan hojiitti hiikuun barbaachisaadha. Malaammaltummaadhaan wal’aansoo qabuun ga’ee nama tokkoo yookaan ga’ee warra aangoorra jiranii qofa miti. Rakkoon mana namoota hundaa rurrukute kun namoota hundaan irratti qabsaa’amuu qaba.

“Malaammaltummaan mootota hedduu kuffiseera, gaggeessitoonni baay’een aangoorraa ari’atamaniiru, siyaasni dadhabeera, kaan ammoo waliigalatti kallattii akka jijjiirratan ta’eera. Malaammaltummaan gocha hawaasa saamichaaf saaxile, biyya raase, aangoorraa harkisee nama salphise, siyaasa booresse, dinagdee hunkuteesse, fooyya’iinsa biyyaafi hawaasaa daangessu diina namoota hundaati.”

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You