Gahee Abbootii Gadaa nageenya mirkaneessuu keessatti

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa walitti bu’ iinsota adda addaa karaa nagaafi araaraatiin furuudhaan nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Dargaggoonni ammoo nageenya naannawaafi biyyaa tiksuufi ittifufsiisuu keessatti ittigaafatamummaa dachaa qabu.

Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo tibbana akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, ummata bulchuu, namoota walitti bu’an araarsuudhaan nageenya biyyaa mirkaneessuu, aadaa eeguufi kunuunsuun dhaloota ittaanutti akka darbu taasisuun hojiilee ijoo Abbaan Gadaa raawwatuudha. Rakkoon nageenyaa kamuu karaa nagaatiin akka furamuufi kan walitti bu’e akka araaramu gochuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbatu.

Dargaggoonni utuu lagaafi naannoodhaan wal hinqoodin dhimma nageenya biyyaarratti tokkumaan waliin hojjechuu qabu kan jedhan Abbaa Gadaa Kuraan, nageenyi mirkanaa’aan jiraachuun ammoo ijaarsa, misoomaafi guddina biyyaa si’eessuufi ittifufsiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Godina Gujiitti Abbaa Murtii Raabaa Jaarsoo Dhugoo akka jedhanitti, abbaan murtii Abbaa Gadaatti aanee keessumaa namootawalitti bu’an araarsuudhaan dhimma naheenya mirkaneessrratti waliin hojjeta. Hololli sobaa maddoota rakkoo nageenyaafi walitti bu’iinsaa ta’uus himaniiru.

Abbootiin Gafaa waan nagaatti amananiif dhimma nageenyaarratti xiyyeeffatanii hojjetau kan jedhan abbaan murtii kun, yoo nageenyi jiraate malee hojjetanii nyaatanii buluun hinjiru. Nama waldhabe araarsanii nageenya buusuunis hojii ijoo Abbootiin Gadaa raawwatan ta’uu dubbataniiru.

Araarriifi murtiin Abbootii Gadaatiin taasifamu kan mana murtiirra ni caala kan jedhan Jaatsoon, sobaan murteessuun Abbaa Gadaa bira hinjiru. Manni murtii garuu ragaa sobaatiin murtii sirrii hintaane murteessu danda’a. Abbaan Gadaa garuu dhugaa dubatee haqa jiru ifatti baasee araarsa ykn murtii sirrii kenna. Kan badii dalages gochicharraa Akkadian of deebisuif ni gorsu edhu.

Dargaggoonnis dhimma nageenya mirkaneessuurratti tokkummaan irratti hirmaachuu, duudhaa Sirna Gadaa eeguufi gorsa Abbootii Gadaa dhaga’uu, kabajuufi hojiirra oolchu akka qaban yaadaachisan abbaan murtii kun, dhoqqeefi rakkoo suuta keessaa ba’u akkuma jedhamu rakkoo kamiyyuu obsuun jabaatanii hojjetanii keessaa ba’uu akka qaban gorsaniiru.

Abbaa Gadaa Oromoo Garbaa duraanii Ibiraahim Jiloo Waariyoo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Ummata bulchuu, gorsuufi waan hamtuu irraa dhorkuun, waan dansaafi ummataaf ta’u hojjechuun, aadaafi Gada jajjabeessuufi nageenya mirkaneessuun hojiilee gurguddoo Abbootiin Gadaa raawwataniidha. Akka aadaafi Sirna Gadaattis ummatni waan Abbootiin Gadaa jedhan irra hindarbu, gorsa isaaniis lafa hinbuusan. Kanaafuu Abbootiin Gadaa namoota walitti bu’an araarsuudhaan nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa kan taadosan ta’uu dubbatu.

Sirnoota darban Abbootiin Gadaa walitti dhufanii waliin hojjechaa hinturre kan jedhan Abbaan Gadaa kun, yeroo ammaa garuu Gumii Gamtaa Abbootii Gadaa jalatti walitti dhufanii keessumaa dhimmoota nageenyaa, misoomaa, aadaa, duudhaa, safuufi Sirna Gadaarratti waliin akka hojjetaniif carraa gaarii uumeera. Gumichi aadaa, duudhaa, safuufi Sirna Gadaa guddisuufi waan baay’ee walirraa akka barannuufi wal akka barsiifnuuf carraa gaarii nuuf uumeera jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29 bara 2013

Recommended For You

6 Comments to “Gahee Abbootii Gadaa nageenya mirkaneessuu keessatti”

  1. Pingback: Bilad Alrafidain
  2. Pingback: chat room
  3. Pingback: free cams
  4. Pingback: upx1688

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *