Sochiin milkaa’ina pirojektota Wancii-Dandiifi Gorgoraatiif taasifamu ittifufeera

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Misoomni pirojektii Wancii- Dandii, Koyishaafi Gorgoraa Ministira Muummee Doktor Abiyyi Ahmadiin labsame gama turizimiin carraa hojii guddaa uumuufi qabeenya uumamaa hirmaannaa ummataatiin misoomsuun madda galii taasisuun seenaa biyya kanaa keessatti isa jalqabaati jechuun nidanda’ama.

Abbaa qabeenya uumamaa miidhagaa, Haroo Dandii kan ta’e Godinni Shawaa Lixaa milkaa’ina pirojektii Wancii- Dandiif hanga ammaatti qarshii miliyoona 13 walitti qabee lakkoofsa herregaa dhimmuma kanaaf qophaa’etti galchuu galii ta’uu bulchaan godinichaa ibsan.

Bulchaan godinichaa Obbo Dirirsaa Waaqumaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ummanni Godina Shawaa Lixaa misoomaaf kaadhimamuu harii Wancii- Dandiitti daran gammaduun haalota adda addaatiin hirmaachaa jira.

Akka Godina Shawaa Lixaatti milkaa’ina pirojektii kanaaf hojjettoonni mootummaa, abbootiin qabeenyaa, daldaltoonniifi qaamoleen hawaasaa gara garaa qarshii miliyoona 71 walitti qabuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

Kana milkeessuufis koreewwan adda addaa sadarkaalee aanaafi godinaatti hundeessuun, abbootii qabeenyaas ta’e dhalattoota naannawichaa hirmaachisuuf haaldureen mijaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektichi sochii dinagdee magaalota Gincii, Asgoriifi Amboo si’eessuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu kan eeran Obbo Diriirsaan, dargaggoota hojii maleeyyii hedduufis carraa hojii bal’aa ni bana jedhaniiru.

Hammuma dinagdeen guddataa deemu fayyadamumaan dargaggeessaas ta’e hawaasaa kaanii waan dhugoomuuf gama kanaan muuxannoo pirojektii Inxooxxoo, Paarkiiwwan Shaggariifi Tokkummaa ka’umsa godhachuun hojjetama jedhan.

Ummanni godinaalee Shawaa Lixaafi Kibba Shawaa Lixaa bulchiinsaaf akka mijatuuf gargar qoodamus hawaasichi hortee tokko waan ta’eef pirojektichi gama godinaalee lamaan misoomaan walitti hidhuun hariiroo hawaasaa daran cimsa jedhanii, lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiraatan milkaa’ina pirojektichaatiif akka gumaachaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchaan Aanaa Dandii, Obbo Tashoomaa Xaafaa gamasaaniin akka himanitti, misooma Pirojektii Wancii- Dandii milkeessuuf hojiin beeksisaa miidiyaalee garagaraa wajjin hojjetamaa jira. Kanaanis abbootiin qabeenyaa, hojjettoonni mootummaafi hawaasni aanichaa faayidaa pirojektichaa hubachuun maallaqa walitti buusaa jira.

Kana malees sagantaa sosochii ummataa xumura Amajjiifi jalqaba Guraandhalaatti qopheessuuf karoorfachuu eeranii, jiraattonni naannawa Haroo Dandii biqiltuu dhaabaa sulula misoomsuun haricha kunuunsaa jiraachuu beeksisaniiru.

Haroon Dandii Finfinneerraa kiiloomeetira 108, magaalaa guddoo aanaachaa, Dandiirraa kiiloomeetira 31, Magaalaa Amboorraa kiiloomeetira 60 kan fagaatu yoo ta’u, lafa heektaara 820 uwwisee kan argamuufi danaadhaan lakkoofsa 8 kan fakkaachuun qalbii namaa kan hawatu ta’us, bu’aa dinagdee irraa barbaadamu argamsiisaa hinturre.

Oduudhuma walfakkaatuun pirojektii Maaddiin Biyyaaf jedhamu bu’uureffachuun abbootiin qabeenyaa 120 ta’an misooma Magaalaa Gorgoraa keessatti hirmaachuuf fedha qabaachuu himan.

Bulchaan Aanaa Daambiyaa Obbo Yirgaa Ayachewu ega Magaalaa Gorgoraatti pirojektiin Maddii Biyyaa jalqabamee as abbootiin qabeenyaa danuun magaalittii misoomsuuf gaaffii dhiyeessaa jiraachuu himan.

Aanichis kana hubachuun haala mijeessaa jiraachuu himanii, Gorgoraan magaalaa misoomaaf mijattuu taatus kanaan dura misoomaa hinturre jedhan. Ummannii naannichaa yeroowwan garagaraatti gaaffii misoomaa dhiyeessa turuus himan.

Pirojektiin misooma Gorgoraatti ummanni naannawichaa daran kan gammase ta’uus beeksisajniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 29 bara 2013

Recommended For You

9 Comments to “Sochiin milkaa’ina pirojektota Wancii-Dandiifi Gorgoraatiif taasifamu ittifufeera”

  1. Pingback: eduzz site oficial
  2. Pingback: ltobet
  3. Pingback: phuket dive center
  4. Pingback: Jaxx Liberty
  5. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *