“Miidhaa weerarri Awaannisaa amma dhaqqabsiise hangas mara yaaddessaa miti” -Ministeera Qonnaa

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Weerarri Awwaannisaa baranuma yeroo lammaffaaf  naannoo Affaar, Somaaleefi Oromiyaa bahaatti mudateyyuu  miidhaan dhaqqabsiise garuu hangas mara yaaddessaa akka hintaane Ministeerri Qonnaa ibse. Gahumsa horatameen weeraricha salphumatti ittisuun kan danda’ame ta’uus beeksiseera.

Daariktarri Eegumsa biqilootaa ministeerichaa Obbo Balaayinee Nugusee Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, weerarri Awwaannisaa ji’a Waxabajjii bara 2011 irraa kaasee Itoophiyaatti mudachuun miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa tureera. Keessumaa ammoo erga waggoota kudhanii as jijjiiramni qilleensaa gaanfa Afrikaa walhormaata ilbiisichaaf haala mijataa waan uumeef wayitii addaddaatti akka mudatuuf ka’umsa ta’eeraa jedhan.

Weerara kana ittisuufi to’achuuf manni hojichaa hojiilee bal’aa hojjechaa kan ture yoo ta’u, kan amma naannolee Affaar, Sumaaleefi Oromiyaa bahaatti mudates ittisuuf dhaabbilee misoomaa waliin hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Weerarri Awwaannisaa irra deddeebiin keessumaa Itoophiyaa kaaba  bahaatti mudachaa kan jiru yoo ta’u, kun waqtii mijataa itti walhoru ta’uunsaa irra deddeebiin akka mudatuuf sababa ta’eera.

Hoomaan Awwaannisaa uumamumasaan waqtiilee gannaa, birraafi bonaa jechuun waggaatti yeroo sadii kan walhoru yoo ta’u, waqtiilee sadeen kana eeggachuutiin kutaalee biyyattii kaaba bahaa keessatti mudachaa akka jiru dubbataniiru.

Waqtii gannaatti keessumaa naannoo Amaaraafi Tigiraayitti gartokkeen kan mudachaa ture yoo ta’u, waqtii birraafi bonaatti ammoo irra jireessaan Affaar, Somaalee, Ummattoota Kibbaafi  Oromiyaa bahaatti mudachaa ture. Kan amma mudate kunis waqtii itti walhoru waliin kan walqabatu waan ta’eef, mootummaan dursee ittisuuf qophii gahaa qaba jedhaniiru.

Gaaffii, “Miidhaa weerarri Awwaannisaa amma dhaqqabsiise hangam?” jedhuufis deebii kennaniiru. Kanaanis hanga ammaatti miidhaan hangas mara dhaqqabe jiraachuu baatuus gareen dhimmicha qulqulleessu lama garasitti imaluun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Ammatti garuu miidhaa dhaqqabe gabaasuun rakkisaa ta’uyyuu yeroo ittaanutti qaamolee dhimmi ilaallatu(Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaafi Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa) waliin ta’uun kan gabaafamu ta’uu himaniiru. Ta’us hoomaan Awwaannisaa kun margaafi midhaanota jallisiitiin biqilaa jiranirra yeroof qubatus yoosuma ittisuun danda’ameeraa jedhan.

Yeroo ammaa gahumsaafi dandeettii weerara Awwaanniisaa ittisuus ta’e to’achuu horanneerra jedhanii, weerara Awwaanniisaa amma mudateefis xiyyaara keemikaala biifu 13 bobbaasuun danda’ameera.

Xiyyaarotni kunniinis karaa Baankii Addunyaa, ‘USAID’ Itoophiyaafi Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa(‘FAO’) irraa bifa deggarsaan ykn kiraayiitiin kan argame ta’uu ibsaniiru. Xiyyaarota kanneen fayyadamuutiin iddoowwan weerarri Awwaannisaa itti mudatetti keemikaalli farra ilbiisichaa biifamaa jiras jedhaniiru.

Weerara Awwaannisa yeroowwan darban keessa mudachaa ture ittisuufis ta’e to’achuuf gahumsi mootummaa gadaanaa waan tureef,  miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa turuu yaadataniiru. Yeroo ammaa garuu ministeerri qonnaa deggarsa dhaabbilee misoomaarraa argateen gahumsaafi dandeettii gahaa horachuu danda’eera.

Weerarri Awwaannisaa daangaa biyya tokkoo keessatti altokko mudatu amalumasaatiin waggoota lamaaf kan turu yoo ta’u, kana alana mul’ates walhoruutiin kan deebi’e ta’uusaa dubbataniiru. Qonnaan bultootniifi horsiisee bultootni naannichaas qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *